Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa: Kanneen weellisaa ajjeefamef haqa gaafatan halluu diimaa maaliif filatani?

Erga ajjeechaan weellisaa Hacaaluu Hundeessaa dhagahamee booda biyya keessaafi biyya alaatti namuu haqa akka argatu gaafataa jira.

Keessumaa abbaan isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa gaafa owwaalchi raawwate, ''mucaakoo dhabeera dhiigni mucaa kootii akkanatti dhangala'ee akka hin hafne waaqa naa kadhadhaa" jechuun dubbataniiru.

Guyyaa kaleessaa, Jimaata, mootummaan namoota Hacaaluu dhukaasanii ajjeesun shakkaman ifa godheera.

Kana hunda dura garuu, keessumaa lammiileen ala jiraatan suuraa isaanii miidiyaa hawaasummaa keessumaa fesbuukiifi tiwiitara gubbaa jiru halluu diimaatti jijjiiraniiru.

Diimaan seenaa keessa wareegama waliin hidhata qaba. Qorannoon biyyoota Lixaa keessatti taasifame diimaa gammachuu, jaalala waliin walqabsiisa.

Sababa rogeeyyiin Oromoo diimaa filatanif yoo himan kaan dhiigni dhangal'uusaa agarsiisuuf kan jedhan jiru. Kaan hiika saayinsii kennuuf.

Hiikkaan isaa maali? Maaliif filatame? Kan jedhu kanneen duula kana keessa qooda fudhatan keessaa gaafanneerra.

Faaxumaa Badhaasoon ''dhiiga dhangala'eefi walfakkaachuuf hallu diimaa filatan,'' yaada jedhu qabdi.

Miidiyaa hawaasummaa gubbaallee akka dhageetti horatu akka ta'eefis amanti.

Ayyaantuu Tibbeessoo barattuu digrii sadaffaa yoo taatu hiikkaa Oromoon addunyaa itti hubatu keessaa tokko halluu akka ta'e himti.

Halluun yookiin bifni mallattoo Oromoon miira isaa ittiin ibsatudha kan jettu Ayyaantuun hiika wanta tokko qajeelchuuf ittiinis gargaarama jetti.

Akkaatuma kanaan diimaan jireenya lafarraa, kan amma lubbuun jiru akkasumas walitti dhufeenya kaan waliin qabu ibsa jechuun himti.

Sirna Gadaa keessa diimaan kan lubbuun jiruufi kaan jiraachisuf qaama qooda fudhatullee bakka bu'a.

Duula miidiyaa hawaasummaarratti adeemaa jiruunis halluu diimaa sababa itti fayyadamaa jiran akkanaan ibsiti.

Diimaan ajjeechaa Hacaaluu booda hookkaraan lubbuu dhaban yaadachuuf oola.

Lubbuun biraalle akka hin dabarre yaalii baraaruu bakka bu'a jedhu kanneen duula gaggeessan.

'Bakka dhugaan hin jirre nagaan hin jiru, bakka nagaan hin jirremmoo haqni hin jiru,' kan jettu Ayyaantuun haqni dhugaan abbaatti gaafa galte argamti jechuun himti.

Akka ilaalcha Oromootti dacheefi haalli jireenya dhala namaa gaafa walgituu/walsimuu dhabu waldhibdeef, waraanaaf, beelaaf madda rakkoo ta'a.

Wanti tokko haqa akka argatu gochuunis nagaan akka jiraatu taasisa. Sababa kanaaf, halluu diimaa akka itti fayyadamaa jiran dhaamte.