Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa: Obbo Dajanee Xaafaafi Kol. Gammachuu Ayyaanaa to'annoo jala oolan

Qondaaltonni dhaaba ABO fi KFO Obbo Dajanee Xaafaafi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa to'annoo seeraa jala ooluu dhaabbileen lamaan beeksisan.

''Obbo Dajanee Xaafaa ganama kana hidhanii jiru. Manumasaatti dhufanii halkan sa'aatii 11:00'tti hidhan,'' jechuun Dubbii Himaan KFO Obbo Addisuu Bullaallaa Kibxata ganamaBBC'tti himaniiru.

Miseensi hooggansa ABO Obbo Toleeraa Adabaa gama isaaniin qondaalli dhaaba ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Dilbata darbe to'annoo jala ooluu mirkaneessaniiru.

Ajjeechaa Haacaaluu booda hoggantoonni akkasumas miseensonni dhaabbilee mormituu garaa garaa 'ajjeechaa Waxabajjii 15 kan bara darbe irra- deebi'uf sosso'un' shakkamanii to'atamaa jiraachuu mootummaan ibseera.

Guyyaa kaleessaa ibsa miidiyaaleef kan kennan Abbaan Alangee Federaalaa Adaanach Abeebee ajjeechaa Haacaaluun namoonni dabalataa 10 shakkamanii to'atamuu ibsaniiru.

Haata'u malee, kanneen shakkaman eenyu akka ta'an wanti ifatti beekamu hin jiru.

Torban darbellee qondaaltonni dhaabbilee mormituu KFO fi ABO irraa to'annoo jala oolan turani.

KFO irraa eenyutu to'atame?

Dhaaba Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) jalaa hanga yoonaa hoggantoonniifi miseensonni 4 to'atamuu Obbo Addisu Bullaallaa himaniiru.

Kunneenis, Dura Taa'aa Itti-aanaa KFO Obbo Baqqala Garbaafi Miseensa koree Hojii Rawwachiiftuu dhaabichaa Obbo Dajanee Xaafaadha.

Akkasumas miseensonni dhaabichaa Obbo Jawaar Mohaammadiifi Hamzaa Booranaa torban darbe to'atamaniiru.

Dhaabni KFO torban darbe hidhaa hoggantoota kanaan ''yaadda'u'' isaa ibseera.

Obbo Addisuun isaan dabalatee hoggantoonni dabalataa hidhamuu akka malanillee akka shakkan BBC'tti himaniiru.

ABO irraa eenyutu hidhame?

Obbo Toleeraa Adabaa BBC'tti akka himanitti dhaaba isaanii keessaallee qondaaltonni 4 hidhamaniiru.

Torban darbe miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa Obbo Mikaa'el Booran, gorsaa olaanaa Dr Shuggux Galataa akkasumas miseensi koree giddugaleessaa Obbo Kennasaa Ayyaanaa hidhaa seenaniiru.

Obbo Mikaa'el baatii Guraandhala keessa ajjeechaa qondaala nageenyaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Solomoon Taaddasaa waliin walqabatee hidhaa seenanii yeroosuma ture kan bahan.

Yeroos kan isaan waliin hidhamaniifi ajjeechaa Obbo Solomoniin kan shakkaman Obbo Abdii Raggaasaa ammallee hidhaa taa'anii dhimma isaanii hordofaa jiru.

Guyyaa Dilbataa immoo qondaalli waraanaa duraanii ABO fi yeroo waggaa tokkotti dhihaatuf hidhaa seenanii kan bahan Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhamuu Obbo Toleeraan BBC'tti himaniiru.

Akka dubbii himaa duraanii ABO Obbo Toleeraatti Koloneel Gammachuun yeroo ammaa dhaaba keessa gahee homaatu akka hin qabani.

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda hidhaan kan paartii mormituu Oromoo qofa osoo hin taane hoggantoota siyaasaa garaa garaa irratti xiyyeffate.

Dura taa'aan Paartii Baaldaraas Iskindir Naggaallee hidhamuun himameera.

Ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara uumameen lubbuun namoota 160 yoo darbu qabeenyi hedduu manca'u qondaaltonni himaniiru.

Kanneen badii garaa garaan shakkamaniifi dhibbaan lakkaa'aman to'annoo jala ooluullee Poolisiin Oromiyaa ibseera.

Ta'us, dhalatoonni Oromoo magaalota biyyoota Ameerikaa garaa garaatti hiriira bahun Hacaaluuf haqni akka argamu gaafachaa jiru.

Dabalataanis, bulchiinsa MM Abiy Ahimad qeequun hoggantoota dhaaba siyaasaa hidhaa seenan akka gadhiiisan gaafataa jiru.

Itoophiyaa keessa 'haasaa ummata walitti buusu' to'achuuf jechuun mootummaan erga intarneeta dhaamse har'a torban tokko ta'eera.