Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Haacaaluu: Hookkara uumameen lakkoofsi namoota du’anii 239 gahuu poolisiin ibse
Ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa booda mormiifi hookkara dhalateen lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 239 gahuu poolisiin ibse.
''Jeequmsa naannicha keessa uumameen poolisoonni 9, milishoonni 5 akkasumas lammiileen nagaa 215 lubbuu dhabaniiru,'' jechuun Komishinii Poolisii Oromiyaatti Hogganaan Poolisii Idilee Musxafaa Kadir Roobii galgala miidiyaarratti ibsaniiru.
Kana dura magaalaa Finfinnee keesatti namoonni 10 ajjeefamu poolisiin magaalattii ibsee ture.
Lakkoofsi Oromiyaatti du'aniifi Finfinneetti du'an yeroo ida'amu 239 ni taha.
Lakkoofsi kuni kan dhuma torban darbe 166 turerraa kan dabaledha.
Aartist Haacaaluun erga ajjeefamee asitti hiriira mormii dheekkamsaan Oromiyaa walgaheerratti namoonni kunneen du'ani.
Akka qondaaltonni jedhanitti namoonni kunneen humnoota nageenyaafi walitti bu'iinsa namootaa gidduutti taasifameen kan lubbuu dhabanidha.
Lubbbuu namaan alatti qabeenyi mootummaafi namoota dhuunfaallee barbadaa'eera.
Akka qondaala olaanaa Komishinii Poolisii Oromiyaatti namoonni badii raawwateen shakkaman 3,500 ol to'atamaniiru.
Kunneen, 'du'a Hacaaluu qabata godhanii sirna heeraa biyyattii humnaan diiguu warra barbaadanidha' jedheera poolisiin.
Torban darbe akka poolisiin ibsetti namoota du'an dabalataan namoonni 167 miidhamaniiru. Namoota 1,000 olirrammoo miidhamni qaamaa salphaan qaqqabeera.
Haacaaluun mormii Oromiyaatti waggoota shanaan darbaniif gaggeefffamaa tureef sagalee ta'uudhaan bara 2018 Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti akka dhufan taasise keessatti gumaacha guddaa qaba.
Wixata darbe namoota ammaaf eenyummaan isaanii hin baramneen Finfinneetti ajjeefamuun dheekkamsa jabduu hordofsiiisuun namoota kuma hedduutti lakkaa'aman hiriira mormiif karaatti baase.
Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun mootummaan Itoophiyaa Baqqala Garbaa, Mikaa'el Booran, Jawaar Mohammad dabalatee, hoggantoonni siyaasaa yoo xiqqaate 9 gahan hidhaa seenaniiru.
Dhalattoonni Oromoo ajjeechaa Hacaaluu irratti raawwate balaaleeffachuuf bahan hidhaa seenuu namoota siyaasaa mormuun daandirra bahuun mormii dhageessisuutti jiru.
Kana malees, mootummaan Itoophiyaa midiyaalee walitti bu'iinsa sabaa kakaasu ittin jedhu OMN wayita cufu, kanneen biroo sadii immoo akeekkachiseera.