Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Uummatni Oromoo bilisa baheera, amma kan barbaachisu misooma" - MM Abiy Ahimad
Manni maree bakka bu'oota uummataa walgahii idilee har'a taa'een bajata mootummaa federaalaa bara 2013 raggaasisuun dabalataan Ministirri Mummee Abiy Ahimad gaaffiwwan miseensoota mana marichaa irraa dhiyaatanif deebii laataniiru.
Manni marichaa bajata mootummaa federaalaa bara 2013 birrii biliyoona 400 fi biliyoona 76 raggaasise.
Bajatni kun ce'umsa hawwaasummaa fi diinagdee, misooma indaastirii, guddina alergii, carraa hojii uumuu, misooma jallisii akkasumas miidhaa Covid-19 dameelee diinagdee fi hawaasummaa irratti qabu ilaalcha keessa galchuun kan qophaa'e ta'uun isaa himameera.
Dabalataan bajatichi yaada guddinni diinagdee biyyattii bara 2013 dhibbeentaa 8.5 ta'a jedhu fi qaala'iinsi gatiis gara dhibbeentaa 9.8 gadi akka bu'u ilaalcha keessa galchuun kan qophaa'eedha jedhameera.
Wantoota bajata bara kanaa adda taasisan keessaa tokko bara kana naannoo kan ta'e naannoo Sidaamaaf bajatni of danda'ee ramadamuu isaati.
Filannoo…
Ministirri Muummee Abiy Ahimad weerara koroonaan dura paartiin isaanii filannoon akka adeemsifamuuf ejjennoo qabaachuusaa kan himan yemmuu ta'u "qaamoleen yeroo sana filannoon taasifamuu hin qabu jechaa turan filannoon taasisuun yeroo hafu yaada isaanii jijjiiruun filannoon adeemsifamuu qaba jedhan" jechuun dubbatan.
"Itoophiyaan biyyoota sababa koroonaan filannoo hambisan hedduu keessaa tokko malee qofaashee miti" kan jedhan MM Abiy, filannoon biyyoota bu'uraalee misoomaa hin qabne kan akka Itoophiyaaf rakkisaa ta'uusaa himan.
Filannoon namoota heddu leenjisuu akka barbaadu kan himan MM Abiy "rakkoon keenya filannoo guyyaa tokko taasifamu osoo hin taanee adeemsa filannooti" jedhan.
Adeemsi filannoon biyyattii keessatti itti taasifamu saaxilamummaa dhibee Covid-19 kan dabalan ta'uu isaanis himan.
"Kaayoon filannoo inni ijoon diraamaa hojjechuu osoo hin taanee sirna dimokiraasii shaakaluudha" kan jedhan MM Abiy filannoon dimokraatawaa ulaagaalee hunda kan guuttate ta'uu akka qabu dubbatan.
Yeroo qabaachuun qophii filannoof haala mijataa akka uumu kan himan MM Abiy "biyya tokko keessatti filannoo gaggeessuuf yoo xiqqaate ji'ootni saddet ni barbaachisu" jechuunis himan.
Dabalataan boordii filannoo biyyattii kabajuu fi hawaasaaf dhiphachuun akka barbaachisus dubbatan.
Ajjeechaa Haacaaluu fi Nageenya Godinaalee Oromiyaa...
"Haacaalun dargaggeessa goota fi kutataa ture" kan jedhan MM Abiy Ahimad, oduuwwan du'a Haacaaluu booda yaadaman/himaman mootummaan Itoophiyaa ijarsaa hidha haaromsaa irraa ija akka kaasuf kan kaayyeefatan ta'uu himan.
Ajjeechaa Haacaaluu booda qaamolee hokkorri akka itti fufu kakaasaa jiranis akeekkachiisanii jiru.
"Namootni fi qaamoleen du'a Haacaaluun walqabatee hookkarri itti fufuu qaba jettan yoo xiqqaate daandii Haacaaluu hordofuu qabdu. Koottatii adda durumaan du'aatii qabsaa'aa" jedhan.
Alaalaa qabsaa'anii injifachuun hin danda'amu jechuunis dubbataniiru.
Gama biraatin Haala nageenyaa godinaalee Gujii fi Wallaggaa kan gaafataman MM Abiy Ahimad, "haalli godinaalee Gujii keessa jiru akka Facebook irratti haasa'amu miti" jedhan.
Iddoodhaa iddootti socho'uun miidhaa qaqqabsiisun alatti "godinaalee Wallagga afran keessatti gandi tokkollee qaamolee hidhatanin qabame hin jiru" jedhan.
"Uummatni Oromoo bilisa baheera. Amma kan barbaachisu misooma" kan jedhan MM Abiy, qabsoon hidhannoo yeroo ammaatti barbaachisaa akka hin taane himan.
Barbaachisummaa qabsoo karaa nagaa fi sirna dimokiraasiii kan himan MM Abiy "siyaasni inaaffaa bu'ureeffate" Oromiyaas ta'e biyyattii akka hin fayyadne ta'uu himan.
Uummatni gaafii qabu karaa nagaan dhiyeessuun akka barbaachisus himanii, qaamolee biyya diigna jedhan akeekkachiisanii jiru.
Hidha Haaromsaa…
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee hojiin ijaarsa piroojektichaa milkaa'inaan hojjetamaa turuusaa MM Abiy himaniiru.
Mariin biyyaalee yaa'a olii fi gadii waliin taasifamu barbaachisaa ta'uusaa kan himan MM Abiy adeemsa marii taasifamaa tureenis "tarkaanfii tokkon tokkon taasifaman ta'e jedhamee, itti yaadnee, nuuf galee kan raawwanne fi faayidaa irraa kan argannedha" jedhan.
Marichi gara Gamtaa Afriikaan akka ilaallamu gochuunis injifannoo dipilomaasii guddaa ta'uu isaa dubbatan.
Hojii kuusaa bishaanii hidhichaa ilaalchisuun yeroo dubbatanis "yaa'a uumamaa bishaanichaa hin dhaabnu. Bishaan bara kana kuufamus hammeentaa bishaanii hidhichi qabachuu danda'u keessaa dhibbeentaa 10 gadidha" jedhan.
Itoophiyaan hidhicha bishaan guutuu dhiisuuf waliigalte jechuun soba jedhan.
Koroonaa fi miidhaa saalaa
Yaadni miidhaan saalaa weerara koroonaan booda hammaatera jedhu caasaalee mootummaa fi quuqqamtoota mirga dubartootaa fi daa'immaniin ka'uu erga eegalee bubbuleera.Miidhaan saalaa koroonaan walqabatee dabaleera kan jedhu yaada malee dhimma ragaadhaan deeggarame miti kan jedhan MM Abiy Ahimad, Bitootessa 01 bara 2012 hanga Caamsaa 20 bara 2012ti namoota 280 irratti miidhaan saalaa raawwatamuusaa himan."Kanaan dura giddugaleessaan ji'atti namootni 140 miidhamaa turan amma garuu giddugaleessaan ji'atti haleellaa saalaa 102tu gahaa jira" jedhan.
MM Abiy taateen kun qaamolee fi dhaabbilee amantaa, mootummaa, haayyulee fi dhaabbilee aadaa maraan qeeqamuu akka qabu himan. Hulaawwan seeraa miidhaa saalaan walqabatanii jiran fooyyeessun akka barbaachisu fi hawaasa barsiisuun barmaatin kun akka hafuuf hojjetamuu akka qabus himaniiru.