Naannoo Amaaraa Aanaa Dawwee Haarawaatti maaltu ta'e?

Mootummaan naannoo Amaaraa godiina addaa saba Oromoo aanaa Dawwee Haarawaatti namoota "miseensoota garee Shaneeti" jedhe to'achuusaa beeksise.

Jiraattoonni aanaa Dawee Haarawaa BBCn haasofsiise garuu "Ijoollee kana isintu nyaachisaa fi itti hidhaa jira jechuun uummani baay'ee dararamaa jira" jedhu.

Preezidaantiin naannichaa Obbo Tamasgeen Xurunah "Aanaa Dawwee Haarawaatti hidhattootni garee Shanee gurmaa'anii magaalattii haleluu fi uummata shororkeessuf yaalii taasisaniiru. Kaayyoon isaanis gochaa magaala Finfinneetti raawwatameen walqabatee ergama kennamef ta'uusaa mirkaneeffanneerra" jedhan.

Itti dabaluunis "dhukaasa garee kana fi humnootii mootummaa gidduutti taasifamen hogganaa garee hidhattootaa ajjeesun dabalataan shakkamtootni fi meeshaalen waraanaa heddu qabamaniiru" jedhan.

Guyyuma walfakkaataa magaala Baatetti boombii hoteela irratti darbatameen namootni nagaa shan maddaa'uu himan. "Dhimmi kunis kaayyoonsaa gochaa magaala Finfinneen kan walqabatu akka ta'e mirkaneeffanneerra" jedhan.

Namootni halleellaa kana duuba jiran qaamolee jijjiiramicha hin fudhannedha kan jedhan pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Tamasgan Xuruna "aangoo qaxxaamuraan qabachuuf kan raawwatame akka ta'e ni hubanna" jechuunis dubbatan.

Jiraataan aanichaa maal jedhu?

Jiraataan aanaa Dawwee Haarawaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan taaten guyyaa Kibxataa taattee uummata nagaa fi qaama nageenyaa (poolisii) gidduutti uummamedha jechuun himu.

"Shaneetu as keessa jira yaada jedhuun uummata fayyaa fi qaama nageenyaa walitti buusuutu jira" kan jedhan jiraataan kun, namootni poolisootaan walitti dhukaasan namoota waldhabdee naannoo daangaa naannoo Affaar walin turerratti hirmaachaa turan ta'uu himu.

"Yeroo lola Affaar sana ijoolleen daangaa irratti ofirraa lolan. Yeroo sana mootummaan isaan barbaadnaan isaan ni baqatan. Kanaaf mootummaan shanee jedhee maqaa itti moggaase malee namoota nagahaan jiraachaa turan. Daangaa isaanii irraa waan lolan qofaafi" jechuun dubbatan.

Jiraataan aanaa Dawwee Haarawaa kun taatee kan biraa BBCn dubbisee waa'ee taatee guyyaa Kibxataa ture himanis "du'a artiist Haacaaluu booda mootummaan biyya kana keessas namni jeequ ni jira jechuun ijoollee muraasa barbaachuu eegale. Ijoolleen kunis dhufanii dhukaasa banan" jedhan.

"Miidhaa guyyaa sana qaqqabee caalaa wanti nama gaddisiisu ijoollee sana isintu nyaachisaa fi itti hidhaa jira jechuun uummani baay'ee dararamaa jira" jechuunis dubbatan.

Haaluma kanaan uummatni nagaa lakkoofsaan heddu ta'an hidhamaa jiraachuu fi meeshaan waraanaa seera qabeessa uummata irraa guuramaa jiraachu isaas jiraataan aanaa Dawwee Haarawaa kun ni komatu.

Hawaasni horsiisee bulaa waan ta'eef, seeraa qabeessa haala ta'een meeshaa bara dheeraaf hidhataa kan ture ta'uus ni kaasa jiraataan kun.

Bulchaa Aanaa Dawee Haarawaa

Gama biraatin BBCn kan haasofsiise bulchaan aanaa Dawwee Haarawaa Obbo Mahaammad Yaayaa "gaafa Kibxataa ganama shiftaan magaala aanaa Dawwee Haarawaa kan taate magaala Booraatti kallattii hundaan dhukaasa banan" jedhu.

Qaamoleen kun fedhiin siyaasaa qabu kan jedhan Obbo Mahaammad Yaayaa "namootni kun qaama sochii shaneeti. Yeroo adda addaatti walin dubbachuuf yaalii gochaa turrus dubbachuuf fedhii hin qaban" jedhan.

Namootni kun guyyoota 15 dura poolisoota afur fi nama siiviilii tokko rasaasaan rukkutuu isaanii kan himan bulchaan aanaa Dawwee Haarawaa Obbo Mahaammad, "namootni kun 'hooggansa amma jirun hin hogganamnu, mootummaa kana jalatti hin bullu, caasaan mootummaa ganda keenya hin seenu' jechaa turan" jedhu.

Namootni to'annoo jala oolan akka jiran kan himan Obbo Mahaammad, lakkoofsa namoota hidhamanii irratti garuu ragaa of harkaa akka hin qabne BBCtti himan.

Kana malees yaada uummata nagaarraa meeshaan waraanaa seera qabeessi guuramaa jira jedhuuf "hidhannoon namoota nagaarraa hin hiikkamne" jechuun deebisan.