koronaavaayirasii: Sa'uudii Arabiyaan uggura keesse kaaste

Madda suuraa, AFP
Sa'uudii Arabiyaan gaafa Dilbataa, har'a(21,06,2020), weearara koronaavaayirasii to'achuuf jecha uggura sadarkaa biyyaatti keesse kaaste.
Wantoonni kaan garuu akkuma dhorkamaniin itti fufu jedhameera.
Qondaaltonni akka jedhanitti Uuggurri ka'uu isaatiin sochiin diinagdeefi daldalaa kan eegalu yoo ta'u, imalli idil-addunyaa fi jilli amantii garuu akkuma kana duraa dhorkamee itti fufa.
Waa'ee imala Hajji silaa jalqaba baatii Adoolessaa keessa eegalu garuu bulchiinsi mootummaa Sa'udi waan ibse hin qabu.
Biyyoonni hedduu, Maaleezhiyaafi Indonezhiyaa dabalatee lammiilee isaanii imala Hajjiif gara Sa'uudi Arabiyaa akka hin ergine ibsaniiru.
Wagga waggaan ummanni miiliyoona 2.5 ta'u imala Hajjif gara magaalaa Makkaatti imalu.
Imalli kuni ga'eessa nama amantaa Islaamaa hordofuufi imaluu danda'uf dirqama dha.
Akka ragaan yunivarsiitii Joohns Hopkiins agarsiisutti Sa'uudiitti hanga yoonaa namoonni 155,000'tti siqan koronaavaayirasiin yoo qabaman 1,230 immoo du'aniru.
Booda kana garuu lakkoofsi kuni guddachuu AFP'n gabaaseera.
Kana to'achuufis magaalota biyyattii hedduu keessa baatii Bitootessaa eegalee uggurri kaa'ame.
Kana dura, masjiidonni kuma hedduu kan magaalaa Madiinaa keessatti argaman - Masjiida Nabiyyuu Mohaammad dabalatee baatii darbe banamaniiru.
Guyyaa Dilbataa, har'a, ganama sa'aatii 12:00 irraa eegale immoo masjiidonni 1,500 ta'an ni banamu jechuun miidiyaan tokko Ministeera Dhimma Amantii biyyattii waabeffachuun gabaaseera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















