Koronaavaayiras: Sawudiin Musliimonni imala Hajjiif galmaa'uu akka tursiisaniif gaafattee

Madda suuraa, Reuters
Sawud Arabiyaan Musliimoonni imala kabaja Hajji irratti hirmaachuuf karoora qaban sababa koronaavaayirasiitiin walqabatee galmaa'urraa akka of qusataniif dhaamte.
Ministirri Hajjii Mohaammad Baanteen akka jedhaniitti, mootiin waa'ee nageenya imaltoota amantichaatiif waan yaadda'aniif 'osoo kontaraata omaa hin taasisiin akka turaniif' waamicha dabarsaniiru jedhan.
Baatii Adoolessaafi Agayyaatti sirna amantaa irratti Makkaafi Madiinaatti hirmaachuuf namoonni miliyoona lama ta'an akka garas imalan ni eegama ture.
Muslimni imaluu danda'u kamiyyuu bara jireenyaa isaatti yeroo tokko Hajjii irratti akka hirmaatuuf eegama.
Imalli amantaa inni xiqqaan Umraa ammoo sababii weerera koronaavaayirasii ittisuutiif jecha dhorkameera.
Namoonni akka Makkaafi Madiinaa, akkasumas magaalaa guddoo biyyattii Riyaad hin galleef dhorkameera. Hanga ammaattis biyyattii keessatti namoonni 1,563 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 10 du'aniiru.
"Sawud Arabiyaan imaltoota gutummaan tajaajiluuf qopha'odha,'' jechuun ture Mr Baanteen TV irratti kan dubbatan.
''Haata'u malee, haala amma jiruun, osoo waaqni balaa addunyaa kanarra akka nu baraaruuf gaafataa jiruutti, Biyyattiin Muslimootaafi lammiilee balaa kanarra eeguu barbaaddi.''
''Kanaafuu, obbooloota Muslima keenyaa biyyoota hunda keessatti argaman haala ifa hin taane kana keessatti osoo imalaaf sochii omaa hin taasifsiin akka turaniif gaafannaa.''

Madda suuraa, AFP, Getty
Itti dabaluunis Ministeerri Hajjiifi Fayyaa wayita ammaa kanatti hoteelota namoota Umraaf keessa turame qorataa jiru.
Kana malees, namoonni Umraaf vizaa bitatan garuu itti hin fayyadamaneef maallaqni ni deebii'aaf jedhaniiru Ministirri kun.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'














