Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti hanga harr'aa namoota 197, 361 Covid-19f qorataman keessaa namoota 3,759 irratti argameera
Erga koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul'atee biyyattiin namoota 197,361qorattee dhibeen 3,759 irratti argamuu mirkaneessiteetti.
Kan har'aa tokko dabalatee namoonni walumaagala biyyattii keessatti dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darban ammoo 63 qaqqabeera.
Sababii Covid-19 hawaasa keessa galeef lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuu guyyaa guyyaan garmalee dabalaa jiraachuu Minisiteerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiiseera.
Wixata Waxabajji 17, 2020 saamuuda namoota 5, 274 sa'aatii 24 keessatti qoratameen namoota 129 irraa vaayirasiichi argamera.
Itoophiyaatti kanneen har'a dandamatan 111 dabalatee walumaa galatti namoonni 849 ammoo vaayirasicharraa dandamataniiru.
Kanneen har'a qabamuunsaanii mirknaa'e keessaa 81 magaalaa Finfinnee, sagal Oromiyaa, afur Somaalee, afur Kibba, sadi Amaaraa, sadi Tigraay, sadi Affaar fi lama Hararii irraati.
Waliigala kan Finfinnee...
Namoota walumaa galatti biyyattii keessatti koronaavaayirasiin irratti argame 3,759 keessaa 2,743 Finfinneerraa ta'uun isaa ammoo magaalattiin giddu-gala dhibeen kun itti hammaate ta'uu ishee agarsiisa.
Kana jechuun ammoo namoonni Itoophiyaatti hanga ammaatti koronaavaayirasiin irratti argame keessaa %73 ol kan ta'u Finfinnee keessatti ta'uu isaati.
Waliigala kan Oromiyaa...
Naannoo Oromiyaatti ammoo qorannoo waliigalaa hanga har'aatti taasifameen namoota 211 irratti koronaavaayirasiin argamuun gabaasni Biiroo Fayyaa Oromiyaa ni mul'isa.
Oromiyaatti namoonni dhibee Covid-19n darbe 7 ta'eera.
"Itti aansee vaayirasichaan qabamuu kan danda'u anadha, nuhi ykn nama jaalannu ta'uu akka danda'au hubachuun yeroo kamuu caalaa of eeggannoo barbaachisu hunda haa taasifnu,'' jechuun Ministeerri Fayyaa ergaa isaa dhaammateera.
Yeroo ammaatti qorannoo gaggeefamuuf saamudni baayinaan qaamoolee hawaasaa irra caalaa vaayirasichaaf saaxilamtoota ta'an, dhaabbilee fayyaa, namoota kan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa qabaniifi kanneen buufataawwan adda baafamanii keessa tursiifaman keessatti argaman irraa fudhatamuun kan qoratamu ta'u ibsameera.
Gama biraatiin ammoo lakkoofsi oggeessoota fayyaa ittisa koronaavaayirasii kana keessatti adda durummaan hiriiran dhibee kanaan qabaman dabaluun yaaddoo ummuu isa Minitirri Fayyaa dubbachuunshee ni yaadatama.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras