Siyaasa Itoophiyaa: Caffeen naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf murteesse

Manni maree bakka bu'oota uummataa Naannoo Tigraay filannoon sadarkaa naannootti akka gaggeeffamu murteesse.

Dubbi himaan mana marichaa Obboo Mulugeetaa Taarreqee BBC'tti akka himanitti filannoon kan gaggeeffamu qaam'ee duradha.

Haa ta'u malee filannicha eenyu akka gaggeessuu fi guyyaan isaa addatti hin himamne.

Boordiin filannoo biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiif jechaa filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye murteesse kanas manni maree bakka bu'oota uummataa federaalaa raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Sana hordofuunis yaada furmaataa Gumiin calallii heeraa dhiyeesse bu'uura godhachuun manni maree federeeshinii hanga weerarri vaayirasichaa yaaddoo ta'uun dhaabbatutti mootummaan amma jiru aangoorra akka turu murteesse.

Erga weerarri dhukkubichaa yaaddoo akka hin taane qaamolee dhimmichi ilaallatuun mirkanaa'ee booda filannoon baatii sagalii hanga ganna tokkoo jidduutti akka gaggeeffamus muurteesse.

Kun filannoo sadarkaa naannoottis ta'e sadarkaa federaalaatti gaggeeffamu mara dabalata.

Haa ta'u malee manni maree bakka bu'oota uummataa Naannoo Tigraay murtee mana maree federeeshinii kana cinaatti dhiisuun filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf murteesse.

Paartiin naannicha bulchu ejjennoo kana tarkaanfachiisuu erga eegalee bubbulee jira. Filannoo gaggeesuuf qophii akka eegalus himee ture.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aaddee Birtukaan Miidhaksaa, dhimma kanarratti yaada armaan dura kennaniin ''mootummaan naannichaas ta'e paartiin naannicha bulchaa jiru filannoo gaggeessuun seera qabeessa hin ta'u,'' jechuun EBC'tti himanii turan.

''Filannoo naannoo gaggeessuuf yaadanii yoo ta'e kuni adeemsa sirrii miti. Heera mootummaatinis kan deeggaramu hin ta'u,'' jedhan.

Itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa fi idil-addunyaa paartii Badhaadhinaa Obboo Awwaluu Abdii amma dura yaada BBC'f kennanniin mootummaan naannoo Tigraay filannoo gaggeesuutti yoo seene "cal'isnee teenyee waan ilaallu hin ta'u" jedhanii turan.

Tigraay sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuun "nuuf ajandaa wayii uumuuf yoo ta'erraa kan hafe, ni raawwatama jennee hin yaadnu, yaadnees hin beeknu" jedhan Obboo Awwaluun.

"Filannoo kan gaggeessu Boordii Filannooti, boordiin filannoo ammoo filannoo gochuu akka hin dandeenye ibsee, paarlaamaanis mirkaneessee jira" jedhu.

Kanaaf naannoo Tigraay aangoo ittiin filannoo gaggeessu hin qabu jedhu.

"Murtii murtaa'e kana cabsinee deemna jennaan, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisa," jedhan.