Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartii Badhaadhinaa: Naannoon Tigraay filannoon gaggeessa jennaan 'callisnee teenyee hin ilaallu"
Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo gochuu akka hin dandeenye erga beeksiseen duuba filannoowwan afur qaawwa heeraa uumamu duuchuuf dhiyaatan keessaa 'heera hiikuu' kan jedhu filatamee Manni Maree Federeeshinii hiikaa akka irratti kennuuf keewwatawwan heera mootummaa sadi dhiyaataniifi jiru.
Mootummaan 'heera hiikuu' filachuu dhaabbileen mormitootaa hedduun ni mormu.
Itti gaafatamaa hariiroo hawaasaa fi idil-addunyaa paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obboo Awwaluu Abdii maaliif 'heera hiikuun' akka filatame yoo ibsan, 'yeroo gabaabaa keessatti raawwatamuu kan danda'u waan ta'eefi' jedhu.
Dabalataan furmaatawwan biroo akka heera fooyyessuu, yeroo ammaa gochuun ulfaataa kan ta'e uummata bal'aa mariisisuu gaafata jedhan.
Gama biraan paarlaamaa bittinneessuun ministirri muummee qofti biyya akka bulchu gochuun haala siyaasaa biyyoota ollaa keessaahu hidha haaromsaa waliin wal qabatee rakkoo jiru irratti mootummaa laaffisa jedhan.
"Mootummaa cimaa seera baasee, rakkoon tokkollee yoo mudate biyya kana ittisuu danda'u qabaachuun barbaachisaadha" jedhan.
"Seeraan ala guyyaa tokkollee..."
Dhaabni isaanii qaawwaan uumame deebii seeraa qofa argachuu akka qabu ejjennoo jabaa qaba jedhan aanga'aan kun.
Dhaabni isaanii weerara kana dayeeffatee aangoo isaa dheereffachuuf socho'aa jira komiin jedhu 'maqa balleessii warra osoo filannoon jiraateellee injifatanii aangoo qabachuu hin dandeenye, karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuu fedhaniin oofamaa jiru' jedhan.
"Mootummaan keenya seeraan ala guyyaa tokkollee aangoorra turuu hin barbaadu" jedhu.
Kanaaf ragaan koronaavaayirasiin osoo hin dhufiin dura filannoon gaggeeffamuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuu isaanii ta'uu himu.
Ammatti dhaabni isaanii biyyattii rakkoo mudaterraa baraaruu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, filannoon kan gaggeeffamu yoo ta'es dhaabni isaanii sagalee mootummaa ta'uu isaan dandeessisu akka argatu ofitti amanamummaa qaba jedhan.
Yaada dhaabni isaanii qabuun addatti yaadolee paartileen siyaasaa kaan dhiyeessan mootummaan sababni fudhachuu dideef, rakkoo uumameef deebiin seeraa waan jiruuf 'furmaata siyaasaa' barbaacha deemuun hin barbaachisu jedhan.
Deebii seeraa kanas mana maree federeeshinii irraa eegaa akka jiran himaniiru.
"Heeraa fi seerarra dhaabbatee furmaata biraa qaba dhaaba jedhu kamuu waliin mari'achuuf ammallee karaan banaadha," jedhan.
Kanaan ala kan jiru karaa qaxxaamuraan aangootti bahuuf yaalii taasifamudha, kun ammoo fudhatama hin qabu jedhan Obboo Awwaluun.
Jecha qofa osoo hin taane gochis jira"
Akka heera mootummaa Itoophiyaatti aangoon paarlaamaas ta'e kan qaama hojii raawwachiiftuu mootummaa Fulbaana keessa raawwata.
Dhaabbilee mormituufi rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Fulbaana 30 booda aangoon mootummaa ni raawwata jechuu hordofuun MM Abiy ibsa kennanniin mootummaan tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisanii turan.
"Kanneen mootummaan hin jiru jechuun seeraan ala deemnee biyya kana jeeqna jedhaniif jecha qofa osoo hin taane gochiis duubaan jira" jedhan Obbo Awwaluun.
Gaaffiin uummataa olaantummaa seeraa kabachiisuudha kan jedhan aanga'aan kun, MM Abiyyis seera ni kabachiifna jedhan malee waan biraa hin dubbanne jedhan.
Qeeqa yaadni MM 'yaada abbaa irrummaati' jedhuun ka'e ilaalchisee, "seera kabachiifna jechuun mallattoo abbaa irrummaa miti" jedhan.
Mootummaan rakkoo uumamu kamuu irra aanuun olaantummaa heeraa fi seeraa qabachiisuuf qophii qabaachuus himaniiru.
"Cal'isnee teenyee waan ilaallu hin ta'u"
Mootummaan Naannoo Tigraay mootummaan federaalaa filannoo hin gaggeessu yoo ta'e sadarkaa naannootti filannoo akka raawwatu irra deddeebiin ibseera.
Tigraay sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuun "nuuf ajandaa wayii uumuuf yoo ta'erraa kan hafe, ni raawwatama jennee hin yaadnu, yaadnees hin beeknu" jedhu Obboo Awwaluun.
Biyyattiin labsii hatattamaa jala jiraachuu eeruun ammatti ajandaan mootummaa kan filannoo osoo hin taane weerara kana jalaa biyya baraaruudha jedhan.
"Filannoo kan gaggeessu Boordii Filannooti, boordiin filannoo ammoo filannoo gochuu akka hin dandeenye ibsee, paarlaamaanis mirkaneessee jira" jedhu.
Kanaaf naannoo Tigraay aangoo ittiin filannoo gaggeessu hin qabu jedhu.
"Murtii murtaa'e kana cabsinee deemna jennaan, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisaan tokko kanarraa dhufa," jedhan.
"Cal'isnee teenyee waan ilaallu hin ta'u" jedhan Obboo Awwaluun.
Ammatti filannoo gaggeessuun "gaaffii uummata Tigraayillee miti, kan murna akkuma kaleessaa karaa qaxxaamuraan filannoo sobaa gaggeessanii aangootti deebi'uuf yaalii godhuuti" jedhan.
"Kana darbee deemee filannoo gaggeessaan seeraan ala, seeraan alummaa seeratti deebisuuf ammoo mootummaan tarkaanfii fudhata," jedhan.