Siyaasa Itoophiyaa: 'Itoophiyaatti mootummaan ce'umsaa gonkumaa kan baasu miti'

Rakkoolee siyaasaafi hanqina qophiitiin yeroo qabameef irraa dabarfamaa kan yoona ga’e filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaan ammas sababa biyyi weerara koronaavaayirasii waliin wallaansootti jirtuuf yeroo biraatti akka dabarfamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murteesseera.

Yeroo dhiphuu kana jalaa dandamachuuf mootummaan Itoophiyaa waan furmaata jedhu filannoowwan afur jechuunis: Paarlaamaa diiguu, labsii yeroo muddamaa labsuu, heera mootummaa fooyyessuufi hiikaa heeraa gaafachuu akka maloota furmaataatti dhiyeesseera.

Paartileen siyaasaa, rogeeyyiifi namoonni seeraa hedduun ammoo mootummaan aangoosaa dheereffachuuf mala dhahate jechuun qeequu eegalan.

Keessaahuu filannoo isa ‘hiikaa heera mootummaa gaafachuu’ jedhurratti atakaaroo guddaan uumameera.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii isaa Caamsaa 05, 2020 gaggeesseen keewwatootni heeraa sadii waayee filannoo dheeressuu haasa'an ji'a tokko keessatti akka hiikni dabalataa irratti kennamu murteesse.

Haaluma kanaan Manni Marichaa Manni Maree Federeshinii aangoo heera mootummaa keewwata 83 irratti kennameefiin keewwatoota filannoo dabarsuu wajjin ilaallatan ji'a tokko keessatti xiinxalee hiika isaanii akka dhiyeessuu murteessee ture

Dhimmoota haala yeroo irratti yaada kan kennan Ministirri Muummee Abiy Ahmad(PhD) yaada mormii irratti ka’e kuffisaniiru.

‘’Mootummaan filannoo yeroo isaatti gaggeessuurratti cichaa ture’’

Wayita paartileen siyaasaa filannoon yeroo qabameef keessatti ta’uu hin qabu jechaa turanitti mootummaan filannoon yeroosaa eeggate akka gaggeeffamu kutannoodhaan itti qophaa’aa ture kan jedhan Ministirri Muummaa Abiy, ’’sababa weerara koronaavaayirasiitiin garuu filannoon sagantaa qabameen raawwachuu akka hin dandeenye manneen maree sadarkaan jiraniif Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera,’’ jedhan.

Filannoo dabalatee, sagantaawwan gurguddoon addunyaa hedduun sababa koronaavaayirasiitiin dabarfamaniiru kan jedhan Ministirri Muummee ,’’filannoo dhiyeessine ogeeyyii seeraatiin erga qoratamanii boodadha. Isaan keessaa heerri mootummaa akka hiikamu gaafachuurratti kan cichines bu’uura seeraatiini,’’ jedhan.

‘’Keewwati hiikamuuf ta’u hin jiru yaadi jedhu wal’aalummaarraa madda’’

Rakkoo mudateef furmaata kan ta’u heera mootummaa keessatti keewwata dhimmi kana ilaalatutti hiika kennuun lafa qabachiisnee kara hojii qabatamaatti geeddaruudha kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, ’’kanneen heerri mootummaa dhimmi filannoorratti keeewwata hiikamuuf banaa ta’e hin qabu jedhan wallaalummaa akka malee keessa jiru,’’ jedhan.

Heera mootummaa fooyessuus ta’e hiikaa itti kennuun paarlaamaa paartiin tokko dhuunfateen yoo raawwatame fudhatama hin qabu yaadi jedhu akka irratti ka’a kan dubbatan Dr Abiy, kun gonkumaa laga nama hin ceesisu jedhan.

Sababiin isaas jedhan, ’’Hiikaan heera mootummaa kan ilaallatu dhaabbata walaba ta’e kan heera mootummaa hordofuufi to’atuudha. Kanarratti dabalataan aangoo heera hiikuufi fooyyessuu kan qabu Manni Maree Federeeshinii paartii Badhaadhinaatiin miti kan ajajamu. Kanaafuu, waa’een heera mootummaa to’annoo paartii tokkoo jala jira jechuun hin danda’amu.’’

Qaama aangoo heeraan kenname qaburraan alatti abbaan fedhe heera mootummaan hiika yookiin nan fooyyessa yoo jedhe badii hin taanetti nu oofa jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.

Mootummaan amma jiru seera qabeessaa?

Paarlaamaan amma jiru kan paartii tokko qofaan dhuunfatame waan ta’eef fudhatama kan qabu miti, inumaa Fulbaana boodammoo innumtuu yeroonsaa waan hobba’uuf seera maleessa ta’a komiin jedhu akka irratti ka’aa jiru kan dubbatan Ministirri Muummee Abiy, ‘’waa’ee filannoo bara 2007 dhiisnee kan ammaarratti osoo dubbannee gaarii ta’a’’ jedhan.

''Mootummaan amma aangoorra jiru seera qabeessa, addunyaarratti beekamtii kan qabuudha. Paartiin bilxiginnaas miseensota hedduu kan horate caasaa hedduu kan qabuu fi jijjiirama akka biyyaatti dhufe hoogganuudhaan namoota hedduu biratti fudhatamummaa kan argateedha’’

Weerarri Covid-19 darbee hanga filannoon gaggeeffamutti paartiin bilxiginnaa dirqama biyya bulchuu qaba jedhan.

Wayita paarlaamaan yeroo filannoorratti murtee dabarsu callisanii, yeroon filannoo dheerechuusaatiif ammoo hiikaan heera mootummaa itti kennamee furmaata haa argatu wayita jedhamu komii kaasuun ejjennoo lama qabaachuudha jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.

‘’Mootummaa ce’umsaa hundeessuun bu’uura heera mootummaa hin qabu’’

Yaadi biraan ka’aa ture mootummaa ce’umsaa hundeessuudha kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad filannoon osoo hin gaggeeffamin paartileen siyaasaa wal waamanii aangoo waliif qooduuf heerri mootummaa hin iyyamu jedhan.

Akkaataa heera mootummaatti aangoon karaa heeraa qofa argamuu danda’a jedhan Dr Abiy, garuu komii paartileen siyaasaa isaan irratti kaasaa jiran keessaa inni ijoon paartiin isaanii osoo hin filatamin karaa faallaa heera mootummaa ta’een biyya bulchaa jira kan jedhuudha.

Ministirri Muummee kun itti cichanii akkas jedhan:’’Osoo dubbannuu osoo mootummaan filatame jiruu, paartileen hin filatamne wal ga’anii mootummaa kan uuman hamilee kamiin, sirnaa fi adeemsa seeraa isa kamiini. Ji’ootaaf filannoo achi butnee gaggeessuu moo, mootummaa ce’umsaa jennee atakaaroo baraan keessaa hin baanetti seenuu wayya?’’

Biyyoonni mootummaa ce'umsa hundeessanii beekan hedduunsaanii balaa biraaf saaxilaman malee gara dimokiraasiitti ce'uu hin dandeenye kan jedhan Dr Abiy, ''beekamuu kan qabu jijjiirammi Itoophiyaa keessatti argamaa jiru rifoormiidha malee warraaqsa miti,'' jedhan.

''Kanaafuu haala qabatamaa amma biyyi keessa jirtuu fi seenaa duubee biyyoota mootummaa ce'umsaa hundeessanii yoo ilaallu, Itoophiyaa keessatti mootummaan ce'umsaa kan baasu miti.''

Keessaahuu, wayita biyyi keenya weerara koronaavaayirasiin rifaatuu hamaa keessa jirtuu fi haalli naannwa keenyaa birmadummaa biyya keenyaaf soda ta'ee jiru kanatti mootummaa ce'umsaa uumna jedhanii marii gaggeessuun gocha itti gaafatamummaa hin qabneedha jedhan.

''Gochi akkasii heera mootummaa federaalaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, kan naannolee keenyaa fi kan idil-addunyaallee kan cabseedha.

Karaa faallaa heera mootummaatiin aangoo qabachuuf yaaluun biyyaa fi uummata balaarra buusa waan ta'eef nuti heera mootummaarratti hundaa'uun tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna.''