Siyaasa Itoophiyaa: Namoonni siyaasaa, ogeeyyiin seeraa murteen Paarlaamaa 'sirrii miti' jedhan

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa filannoo biyyaalessaa dheeressuun haala danda’amurratti murtoon Kibaxta dabarse sirrii mitii jedhan namootni siyaasaafi ogeeyyiin seeraa.

Miseensi KFO Obbo Jawaar Mohaammad rakkoo ammaa filannoo dheeressuu wajjiin walqabatee dhalate furuuf filannoowwan afur dhiyaatan hunduu furmaata ta’uu hin danda’an, Murteen Paarlaamaan Itoophiya Kibxata dabarsees sirrii mitii jedhe.

Dhimmi filannoo dheeressuu heera biyyaa keessa waan hin jirreef humnoonni siyaasaafi hayyoonni amma jiran dhimma kanarratti mariyatanii walii galuu qabu jedha.

Heerri biyyaa wayita tolfamu dhimmi kun irratti waliigalamee waan hin hammatamneef amma warri jiran mariyatanii erga waliigalanii seera akka guutu gochuutu fala ta’a jedhee dhaabni isaa akka amanu Obbo Jawaara BBC’tti himeera.

Adeemsi amma mootummaan itti deemaa jiru garuu Fulbaana 30 booda aangoorra turuuf mirga seeraa hin kennuuf jedha.

‘’Heera mootummaa Itoophiya keessatti filannoon haa dheeratu kan jedhu gonkumaa hin jiru. Kanaaf, wanta heera mootummaa keessatti hin barraa’iin irratti heera hiikuun hin danda’amu.’’

Manni Maree Federeeshinii heera mootummaa barraa’ee jiru hiika malee heera barreessuu hin danda’u. Amma kan godhamaa jiru heera barreessii akka jechuuti jedha Obbo Jawaar.

Adeemsa turtii aangoo ofii dheereffachuu malee waan seera eegee mitis jechuun qeeqera.

Barsiisaa seeraa Yunivarsiiti Finfinnee kan ta’an Dr. Taaddaasaa Leenco gama isaaniin heera hiikuu keessa paartileen seenuu hin qaban, adeemsi mootummaas sirrii hin turree jedhan.

Akka isaan jedhanitti mootummaan hiika heeraa gaafachuurraa murteessee mana mareetti erguutu irra ture.

‘’Gadaa miseensota mana marees haata’u kan aangoo biyya bulchuu hanga Fulbaana 30 waan ta’eef mootumman sababa weerara kanaan filannoon achi darbuu waan danda’uuf jedhee gorsa gaafachaa waan jiru natti fakkaata kunimmoo seera miti,’’ jedhu Dr. Taaddasaan.

‘’Mootummaan sirriitti irratti hin qoophoofne, warri gorsaniis sirriitti hin gorsine.’’

‘’Mootummaan kan gochuu qabu, murteessee sababa vaayirasii kanaan muddama keessa waan jirruuf filannoon darbuu danda’a, sababab kanaattis aangoon mootummaas wagga shanirra darbuu hin danda’a jedhee osoo mootummaan murteessee gaarii ture. ‘’

Balaan sababa weerara kanaan dhalate darbee hanga filannoo gochuuf qophaa’anitti yeroo filannoo dheeressuuf murteessuu qabu ture.

Mootummaan kun yeroo dabalataa waggaa tokkoofi ji’a jahaaf mootummaa yeroo balaa jedhee turtii aangoo isaa dheeressee osoo gaafatee Manni Maree Federeeshinii hiika heeraa irratti kennuu danda’aa jedhu Dr. Taaddasaan.

Mootummaan ofii isaa kana murteessee osoo Federeeshiniitti ergee heera mootummaarratti hundaa’ee murtee heeraa kennuun ni salphata falmisiisaas hin ta’uu jedhan.

Murteen Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyya kaleessaaa dabarse garuu rakkoo qaba. Haala amma qajeelfameen rakkoo heeraa (constitutional crisis) uumuu danda’a jedhan.

Hiika heeraa gaafachuun ykn wanti tokko akka heera biyyaatti fudhatama qabamoo hin qabu jechuuf murteen tokko jiraachuutu irra ture. Adeemsi amma deemame sirrii mitiis jedhan Dr Taaddasaan.

‘’Dhimma kanarratti mootummaan ija laafeeraa,’’ jedhan.