Filannoo Itoophiyaa: 'Mari'annee walii hin gallu taanaan biyyi goolama siyaasaa keessa seenti'- Paartilee siyaasaa

Sababii weerara dhibee covid 19’n filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa yeroosaa dheeressuudhaan walqabatee rakkoo heerri mootummaa keessa galeef paartileen siyaasaa kallattii furmaataa kaa’aniiru.

Paartileen akka Kongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Dimokiraasii Moochaa, Paartii Aranaa Tigraay fi Paarii Magarasii Kafaa waliin ta’uun qabxiiwwan furmaataa shan kaa’aniiru.

1. Aangoon mootummaa bu’uura heera mootummaatiin

Qaxiiwwan shanan keessaa inni jalqabaa aangoon mootummaa karaa heera mootummaa qofaan ta’uu akka qabu, filannoo waggaa shan shaniin gaggeeffamuu akka qabuufi Itoophiyaa keessatti yeroon turtii aangoo mootummaa tokkoo waggaa shan qofa ta’uu akka qabu heera mootummaarratti ifatti taa’eera waan ta’eef kana cichinee hojiirra oolchina jedhu.

Akka ejjennoo paartilee kunneeniitti boordiin filannoo osoo yeroon turtii aangoo mootummaa hin hobba’in filannoo gaggeessuun hin danda’amu waan jedheef, Fulbaana 30 booda ammoo mootummaan kun biyya bulchuuf bu’uura seeraa hin qabu.

2. Paarlaamaa diiguun furmaata hin fidu

Sababa filannootiin burjaajii heerri mootummaa keessa seene hambisuuf qabxiilee arfan mootummaan akka filannootti dhiyeesse haalaan qaaccessinee ilaalleerra kan jedhan paartileen kunneen qabxiilee dhiyaatan keessaa tokkoonsaaniitiifuu heerri bu’uura ta’e hin jiru jedhan.

Labsii yeroo muddamaa labsuudhaan filannoo yeroo birootti dabarsuus ta’e aangoo mootummaa dheeressuu heerri mootummaa hin iyyamu jedha ibsi paartilee kunneenii.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 60’tti ministirri muummee mana maree bakka bu’oota uummataa kan diiguu danda’an osoo yeroon turtii paarlaamaa hin goolabamin as butanii filannoo gaggeessuuf yoo ta’e malee filannoo biyyaalessaa waggaa shanitti dhufu yeroosaa dheeressuuf miti.

Aangoo mootummaa dheeressuuf jecha heera mootummaa fooyyessuunis bu’uura heeraa hin qabu kan jedhan paartileen kunneen, heera mootummaa fooyyessuun hirmaannaa qaama ilaallatu hundaatiin ta’uu qaba, qaama hunda mariisisuuf ammoo yeroon weera dhibee balaafamaa covid 19 amma keessa jirruu hin iyyamu jedhan.

Akka paartileen kunneen jedhanitti biyya manni maree federaalaas ta’ee kan naannolee paartii tokko qofaan dhuunfatamee jirutti heera mootummaa fooyyessuu fi keewwaatoota hiikuuf yaaluun haqaa fi walqixxummaa eegee kan raawwatu ta’uu hin danda’u.

3. Keewwati kana ilaallatu hanga hin jirretti heera mootummaa hiikuun hin barbaachisu.

Akka filannoo kan mootummaan dhiyeesse, hiikaan heera mootummaa, yaada yoo ta’e malee furmaata ta’uu hin danda’u jedha ibsi paartilee kunneenii.

Manni maree federeeshinii heera mootummaa hiikuuf aangoo qabaatullee keewwatoota heera mootummaarra jiran keessaa aangoo dabarsuus ta’e yeroo filannoo dheeressuu ilaalchisee keewwati falmii kaasisu hin jiru, keewwati dhimmi kana ilaallatu bakka hin jirretti manni marechaa heera mootummaa hiikuu hin danda’u jedhan.

4. Qaawwa siyaasaa uumame duuchuuf wal-ta’uu qabna

Akka ibsa paartilee kunneeniitti gama tokkoon weerara koronaavaayirasii waliin ittisaa, gama kaaniin ammoo filannoo dhufuuf qophaa’aa, hanga dhibeen kun darbee filannoo gaggeessinutti qaawwaa aangoo mootummaa uumamu duuchuurratti walii galteerra ga’uutu furmaata waaraati.

Haala amma jiruun caasaa siyaasaa siyaasaa ijaaruun rakkisaa ta’us mootummaan amma jiru garuu hojii guyyaa guyyaa hojjechuun dirqamasaa ba’achuu jennee amanna, waan furmaata siyaasaati jennus bal’inaan qopheessinee qaama seera baasuuf dhiyeessuuf qophii xumurreerra jedhu paartilee siyaasaa kunniin.

Qaamoleen dhimmi ilaallatus akkaataadhuma waadaa galameen paartilee morkattootaa mariisisuuf qophiidha jennee eegna jedhan.

5. Haasaafi wal-ta’iinsa paartilee siyaasaa dirqama

Kanaan alatti tarkaanfiin fudhatamu kamiyyuu gama siyaasaa, heera mootummaafi uummata biratti fudhatamummaa waan hin qabneef biyyattii gara goolama siyaasaa badaatti oofuu danda’a jedha ibsi paartilee kunneenii.

Kanaafuu wal ta’iinsa hunda biratti fudhatamu irra ga’uuf qajeeltoowwaan armaan gadiirratti wal ta’uu qabna jedhu.

1. Mariin paartilee siyaasaa filannoo bara 2020 irratti hirmaachuuf ulaagaa guutanii galmaa’an gidduutti ta’uu qaba.

2. Mariin gaggeeffamu qaama walaba ta’een hoogganamuu qaba

3. Walii galteen marii kanarratti irra ga’amu qaama hundayyuu kan hirmaachise ta’uu qaba.