Koronaavaayiras: Addunyaa irratti Narsootni 600 ta'an Covid-19'n du'aniiru jedhame

Manni Maree Narsootaa Idila Addunyaa gabaasa har'a baaseen addunyaa irratti ogeeyyii fayyaa Covid-19'n qabamuun isaanii mirkanaawe 450,000 ta'an keessaa, hanga ammaa 600 kan ta'an du'aniiruu jedhe.

Ragaa biyyoota addunyaa 30 irraa walitti qabeen Caamsaa kana keessa lakkoofsi Narsoota Covid-19'n du'anii dachaan dabaluu akka hubates beeksiseera.

''Ji'a lama dura lakkoofsi Narsoota Covid-19'n du'anii 100 ture, amma 600 ni caala. Guutuu addunyaarratti kan vaayirasii kanaan faalaman ammoo 450,000 ta'aa'' jechuun hojii gaggeessaa olaanaan Mana Maree kanaa Hoowaard Kaatoon Rooyitarsitti dubbataniiru.

Lakkoofsi kun dabalaa jiras jedhaniiru.

Gatii guddaan vaayirasiin kun ogeeyyii fayyaa baasisaa jiru dhugumatti hin safaramuu kan jedhan ogeessi kun, ofeeggannoo guddaan akka godhamufii qabuufi ragaan amanamaan akka sassaabamu qabu gaafataniiru.

Gidduugaleessaan namoota Covid-19'n qabaman keessaa dhibbeentaan torba ogeeyyii fayyaa akka ta'aniifi kun ammoo dhukkubsattoota ogeeyyiin kun tajaajilan dabalatee ofii isaaniis gatii guddaa baasisaa jiraa jedhu.

Ogeeyyiin Fayyaa biyya hunda jiran saaxilamummaan dhibee kanaaf qaban gargar ta'uu kan ibsuu manni maree kun Singaapooritti dhibbeentaa tokko ta'ee, Ayeerlaanditti ammoo dhibbeentaa 30 ta'uu eera.

Biyya weerarri kun haalaan itti hammaatee ture Jarman keessatti, duuti ogeeyyii fayyaa galmaahe xiqqaa akka ta'es ibsa.

Biyyoota Laatiin Ameerikaa keessatti weerarri kun hammaachuu isaarraa kan ka'e duuti Narsootaa guddachuunis gabaafameera.

Manni Maree Narsootaa kun Waldaalee biyyaalessaa 130 kan bakka bu'u yoo ta'u, miseensota galmaawan miiliyoona 20 qaba.