Koronaavaayiras: Finfinnee naannoo Kokaafi Abinnatitti sochiin uummataa dhorkame

Madda suuraa, Anadolu Agency
Covid-19 Itoophiyaa keessa galuun erga ibsameen as lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii inni guddaan kaleessa galmeeffame.
Ibsa guyyuu ministeerri fayyaafi Institiyuutiin fayyaa hawaasaa akka agarsiisutti, namootni vaayirasichaan qabaman harki guddaan Finfinnee keessatti argamu.
Guyyoota shan keessatti qofa namooti 151 Finfinnee keessatti dhukkubichaan qabamaniiru.
Caamsaa 12,2012 namoonni 9 dhukkubichaan yoo qabaman guyyoota walitti aanan sadii keessatti namooti,18,48 fi 78 weerarichaan qabamuun gabaafameera.
Kutaa magaalaa Lidataatti namoonni 104 yoo qabaman Addis Katamaatti immoo namooti 28 vaayirasichi akka irratti argame ibsameera.
Ministirri ministeera fayyaa Dr Liyaa Taaddasa kutaalee magaalaa vaayirasichi itti hammaate keessatti sochii namootaa irratti dhorkaan taasifamu ni mala jechuun isaani ni yaadatama
Daariktara Insitityuutii fayyaa hawaasaa kan tahan Dr Eebbaa Abaata sakatta'insa kutaa magaalaa Lidataa keessatti taasifameen namoonni 32 nama vaayirasichaan qabame waliin wal tuttuqqii qaban vaayirasichi keessatti argameera.
Namoota vaayirasiin kun keessatti argame keessaa qorannoo buufata poolisii keessatti taasifameen sirreefamtoonni 40 akka keessa jiran ibsamee ture.
Naannolee kanatti tarkaanfii attamiitu fudhatame?
Kutaa magaalaa Lidataa
Kutaa magaalaa Lidataa naannolee Kokaa fi Abinnat jedhaman kan vaayirasichi bal'inaan itti tamsa'e keessatti sochiin namootaa akka daangeffame qondaalli kutaa magaalichaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan dubbataniiru.
Jiraattonni naannichaa manaa akka hin baane gochuun nyaatni isaaniif dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
Kutaa magaalaa Lidataa kanatti dubartiin Covid-19 du'uun isaanii erga mirkanaa'een booda namootni dubartii kana waliin tuttuqqii qaban adda baafamaniiru jedhan.
Dabalataanis qorannoo jumlaa fi qorichi farra vaayirasii illee naannichatti biifameera jedhan.
Kutaa magaalaa Lidataa
Kutaa magaalaa kanatti garuu, sochiin akka hin dhorkamnee qindeessaan waajira ittisaafi to'annoo dhukkubaa kutaa magaalichaa Obbo Laban Tsaggaayee himaniiru.
''Naannichatti sochiin haa dhaabatu yoo jedhame diinagdeen ni miidhama. Akka ogeessa fayyaatti garuu Markaatoo keessa sochiin guddaan waan jiruuf yeroof otoo dhaabbatee jenneetu gorsina,'' jedhan.
Ammaaf namooti mallattoon irratti argame akka adda baafamaniif fi namoota tuttuqqii qaban kan barbaadan gareen hiramanii akka hojjetaa jiran Obbo Laban dubbataniiru.
Namoonni naannoo maal jedhu?
Obbo Nugusee Katamaa naaannoo Addis Katamaa jiraatu. Abbaa ijoollee lamaa yoo tahan hojii dhuunfaa isaanii hojjetu.
Manni isaanii daangaa kutaa magaalaa Lidataatti kan argamu tahuu himanii, mana naannoo dubartiin Covid-19'n boqotan irraa kaasee iddoowwan daandii garaagaraatti nama baasan namni akka hin darbine funyoon diriirfamee, poolisonnis namni akka hin baane eegaa jiru.
Hawaasni naannichaa jiruu isaa guyyaa badaa akka hin jijjiirre Obbo Nuguseen dubbatu.
'Yeroo jalqabaa namni haala fooyya'aa taheen ofeeggata ture. Booda kana garuu namni akkuma duriitti socho'a.
Manneen daabboo qofatu harkatti guwaantii godhatee hojjeta ture.
''Namni naannoo kanaa harka qal'eessa waan taheef guyyaa guyyaatti hojjetee nyaachuun irra jiraata,'' jedhu.
Naannoo Abinnat kan jiraatu Mokonnin Laggasan erga naannoon kun dhukkubichaaf saaxilamaa tahuun himameen asittillee namni sochii isaa hin hir'ifne jedhan.
Soorata guyyuu bitachuuf ganamas, galgalas bahuun dirqama dha. Har'a ganama ergaan namni sochii isaa akka daangessuuf yaadachiisu naannichatti fannifamuu isaa himaniiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















