Ilbiisotni miiliyoonotaan lakka'aman waggaa 17 booda lafa keessaa ol bahuuf

Ganna 17 guutuu lafa jalatti awwaalamuun erga dabarsanii booda, gosoonni ilbisotaa awaannisaafi korophisa fakkaatan, 'cicada' (sikaadaa) jedhaman, miiliyoonotaan lafa keessaa ol bahuuf jiru.

Ilbisoonni kunniin waqtiin kan eegan yogguu tahu (Periodical cicadas) jalqaba ji'a Waxabajjiirraa kaasee akka ol bahan eegama. Ilbisoonni kunniinis US kutaalee biyyaa kibba-lixa Varjiiniyaa, Kaaroolaayinaa Kaabaa fi Varjiiniyaa Lixaatti mul'atu jedhamee eegama.

Ilbissooti kun yeroo dhumaatiif naaannolee dhahaman kanatti lafa keessaa kan as ol bahan ALA 2003 fi 2004tti ture. 2013ttis naannolee muraasattis mul'ataniiru.

Lafa iskuweer meetira 4,000 tahu keessatti ilbisootni miiliyoona 1.5 tahan as ol bahuu danda'u jedhameera.

Addunyaa irratti ilbisoota umurii dheeraa jiraachuun beekaman keessaa tokko kan ta'an ilbisoonni waqtii eeggatan jedhaman kunniin, heddummina jireenyasaanii lafa keessa dabarsu. Adeemsi isaan achi jala turanis haala 'nymphs' jedhamu qabaachuuni jedhu ogeeyyiin.

Gosa isaanii irratti hundaa'unis biyyoo keessa jiraachuuniifi hidda mukaa soorachuun ganna 13 haga 17 jiraatu jedha Yunivarsiitiin Varjiiniyaa Teek.

Gosoonni ilbisootaa kunniin hortee (broods) 15 gahu qabu. Isaan keessaa 'horteen' saglaffaa barana marsaa waggaa 17 isaanii xumuruun as ol bahu.

Niimfonni kunniin wayita qophaa'an, ujummoo dhoqqee 'cicada hut' jedhamu hojjechuu eegalu. Achi keessaa bahuunis gaheessa tahuun baallee baasu, walhoruufis qophaa'u.

Ilbisoonni iddoo tokko tokkotti awwaanisa jedhaman kunniin, namarratti miidhaa hin geessisan - bineensotaafi shimbirrootaaf nyaata tahu.

Al takka gaheesummaatti dabran jennaan, torban lamaa haga afurii qofa jiraatu. Garuu yeroo sanatti biqiltoota reefu daraaran irratti miidhaa hagana hin jedhamne geessisuu malu.

'Sikaadonni' kormaa tahan sagalee olkaasuun 'sirba' dhageessisu. Sagalee kana kan baasan meembireenota naannoo garaa jala jiru kirkirsuuni. Kunis dhaltuu hawwachuuf.

Varjiiniyaa Teek sagalee kana ennaa ibsan ''raadiyoo konkolaataa keessa jiru kan yeedaloon jalaa bade'' fakkaata jedhu.

Sikaadonni kun maaliif ganna haga kanaan lafa keessaa maaliif akka ol bahan wanti beekame jiraachuu baatus, qorattoonni tokko tokko garuu waan isaan admasu jalaa baqachuuf akka tahe tilmaamu.

Gosti 'cicada' waggaa waggaan lafa jalaa bahanis jiru - 'dogday' fi 'annual cicadas' jedhamu.