Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktoroonni Taayiwaan Kanniisota afur ija dubartii tokkoo keessaa jiraataa turan baasan
Taayiwaanitti ija dubartii tokkoo keessatti kaannisonni xixxiqqoo afur jiraa argaman. Doktaroonni Taayiwaan ija dubartii kanaa keessaa kanniisotsa lubbuun jiran kana baasanii jiru.
Wanti akkanaa biyyattii keessatti yoo mudatu seena keessatti yeroo jalqabaafi.
Sanyiin kanniisoota xixiqqoo kunneenii 'Sweat bees' jedhamuun beekamu.
Dubartiiin ganna 28 Hee jedhamtu kuni otoo aramaa aramtuuti kanniisi kan ijashee seente.
Doktariin Yunivarsitii Fooyin, Hoong Chii Tiing ilbiisota mm 4 dheeratan ijashee keessaaa yoo baasu akka daran nahe BBC'tti himeera.
Kanniisoti kunneen hundi ijashee keessa baafamanii aadde Heen amma dandamachaa akka jirtus himameera.
Kanniisooti kunneen yeroo hedduu dafqaa barbaacha namarra kan qubatan yoo ta'u, pirootiinii irraa argachuuf jecha imimmaan akka dhugaanis qorannoon ni agarsiisa
Kanniisooti dhangala'aa dhuguu jaalatu malee namatti hin bu'anii jedhaniiru doktar Hoong.
"Lubbuun jiru turan"
"Jalqaba dhukkeen qilleensaan ka'e waan ija na seene natti fakkaate ture" jetti dubartiin kun.
Sa'aatii muraasa booda dhukkubbiin itti dhagaa'amee gara hospitaala kibba Taayiwaanitti argamu tokkoo deemte.
"Ijashee guutummaatti junuunfachuu hin dandeessu ture. Banaa jiru keessa maayikirooskoppiin wayitan ilaalu waan gurraacha ilbiisa fakkaatun arge" jedhu Dr. Hoong.
"Miilaa isaa qabeen tokko harkisee baase, achii booda kan biraas nan arge, itti aansees kan biraa, ammas kan biraa. Hundi isaanii homaa hin taane, lubbuunis jiru turan."
Suuraaleen kanniisota kanaa TV Taayiwaan irratti mul'ateera.
Akka Dr. Hoong jedhanitti kanniisonni kunneen bubbeen dhiibamanii ijashee keessaa erga seenanii booda bahuu dadhabanii ta'a malee nama hin hiddani.
Dubartittiin ijashee sukkuumuu dhiisuun ishee hadha carraa ishee taasiseera jedhu ogeessi kun.
Silaa ijji ishee jaamuu danda'a ture jedhu.
Kanniisonni kun ammallee lubbuun jiru akka saamudaatti gara dhaabbata biroo geeffamanii qoratamus jedhaniiru.
Taayiwaan keessatti waan akkanaa yoo agarru kun yeroo duraatiifi jedhu.