Qonnaa: 'Itoophiyaan 'GMO' omishuufis ta'e fayyadamuuf waliigaltee hin taasifne'

Itoophiyaan omisha miidhaanii haala saayinsaawaatiin fooyyeefaman (Genetically Modified Organism-GMO) jedhamuun beekamu fayyadamuufis ta'e omishuuf waliigaltee kan hintaasifne ta'u beeksifte.

Ministirri Qonnaa biyyattii BBC'tti akka himeetti oduun tibbana Itoophiyaan omishaalee haala saayinsawaatiin fooyyeeffaman omishuuufi fayyadamuuf waliigaltee jirti jedhamee oddeeffamu dhara jedheera.

Dhiheenya keessa omishaalee GMO jedhaman kanneen ilaalchisee ejjannoo cimaa dhimma kanarratti qabdu laaffisuun dhimmicha simmaattee jirti jechuun midiyaalee biyya keessaa tokko tokko irratti mata-duree mormii ta'ee mullataa ture.

Baatii Guraandhalaa keessas xinxalli teknoloojii sirna qonnaa ilaalchisee Waajjirri Qonnaa mootummaa Ameerikaatti marsariitiin ragaa idil-addunyaafi tajaajila qonnaa biyyoota alaa irratti maxxanfame tokko akka mulliseetti, mootummaan Itoophiyaa teknolojiiwwan gama damee qonnaatiin jiran fayyadamuuf fedhii kan qabu ta'uu ifatti kaa'ee ture.

Gabaasni hojjettoota waajira qonnaa Ameerikaatiin hojjatame kunis, ifatti ejjannoo biyyattii mullisu baatulleen mootummaan Itoophiyaa bara 2018'tti sanyi jirbii fooyyeeffamee ( BT-Cotton) fudhachuu isaaf, akkasumas sanyiin boqqoolloo gogiinsaafi farra ilbisaa dandmachuu danda'u dhaabbachuun qorannoon dirree akka taasifamuuf hayyamuunshee eerameera.

Dhimma kana adda baasuuf BBCn kan dubbiise Obbo Isaayaas Lammaa Ministira Qonnaatti Daareektarri Daarektoreetii Misooma Omisha Midhaanii, ''Itoophiyaan sanyiiwwan jirbii fooyyeeffame lama abbootii qabeenyaatiif qonnaa guddaarratti omishuuf galmooftulleen, kun waliigalatti biyyattii omishaalee fooyyeeffaman kanatti jirti haala nama jechisiisu irra namaan hingahu,'' jedhu.

''Sanyiiwwan lamaan biyya Hindiitii fidnee yaalle. Bu'aa qabbeessa jedhamuun sadarkaa sanyiitti galmaa'aniiru. Biyyoonni kun akka godhan nuti midhaaniif hin hayyamne,'' jedhaniiru Obbo Isaayaas.

Sanyiin jirbii fooyyeefamaan (BT-Cotton) bara 2018'tti galmaa'an lamaan kunneenis, fudhatama argachuun haa galmaa'an malee gara hojjiitti galuuf ammalleen sadarkaaleen hafan guutamuu qabaatan jiraachuu dubbatu Obbo Isaayaas.

Sanyiiwwan kunneenis sababii ilbisa jirbii miidhu tokkotiin dandeettii dandamachuu yoo qabaatan jedhamee erga yaalamuun qorannoonsaa xumuramuun waajira ministeera isaniitti galmaa'uu himu.

"Itti aansee sanyiin attamiin haala dalleeffameen, gama tarkaanfii abbootii qabeenyaa qofaan akka misoomu taasifama kan jedhu sanatti ce'uuf sanyiin galfamu qabaata.

Adeemsa sanyii kanarratti ammoo waliigallee hinxumurre. Sanyiin hingalle. Qajeelfamni sanyiiwwan kunneen attamiin hojjatu jedhus hinragaasifamne,'' jedhu.

Dhimmoota sanyii biyya keessa galchuuf gufuu ta'an keessaa tokko, kubaaniyaan Hindii sanyiiwwan kanneen omishu adeemsa dhiyeessitii dhunfaa (monopoly) kan qabu ta'usaa daarektarri kun BBC'tti himaniiru.

Sanyiiwwan qonna gurguddaadhaan omishamuun tajaajila daldalaa qofaaf oolu jedhaman kanneen haala hojiirra olchuutiin walqabatees 'kubaaniyaa Hindii sana waliin waliigaluu qabna.

Sanyiiwwan kunneen asitti baayyifamuu qabaatu. Erga sanyiin kunneen galmaa'anii booda kubaaniyaa waggaa waggaan nan dhiyeessa jedhu waliinis waliigalteen hintaasifamne.

Adeemsi akka sanyii jirbii biraa waliin walitti himakamne taasisuus ganaa itti hindeemamne. Achumarratti rara'ee kan hafeedha.''

Labsiin nageenyaa Itoophiyaa bara ALI 2001 irratti ragaasiftees, kan qorannoowwan sanyii haala saayinsaawaatiin fooyyeeffaman irratti taasisaniitti kan haala dhiphise ture.

Haata'u malees, waggoota jahaan booda ammoo labsicha irratti fooyyeeffamni taasifamuun qorannoof karri akka saaqamu jedhamaa jira.