Koronaavaayiras: Dubartiin Covid-19n duute jedhamtee gaddi taa'ameef ture lubbuun argamte

Dubartiin biyya Ikkuwaadoor umuriin ishee waggaa 74 ta'e tokko dogogoraan koronaavaayirasiin duuteetti erga jedhamee booda lubbuun argamte. Kunis kan ta'e dogogora eenyummaa ishee sirriitti adda baasuu hanqachuun jedhameera.

Dubartiin Albaa Maaruurii jedhamtu kun hospitaalatti dhibee Covid-19n duuteetti jedhamee daaraa reeffashee gubateeti jedhames maatiisheef ergamee ture.

Haata'u malee, Aadde ALbaa Maaruurii hospitaala keessatti bakka torban sadiif of wallaaltee turtee Kamisa of bartee doktoroonni akka obboleettiisheetti bilbilanii waamaniif gaafatte.

Maatiin ishees yeroo nama duuteetti jedhaniii boo'anii hirmii baafatan kana lubbuun jiraachuu ishee yeroo dhaga'an gammachuun akka wallaalan. Garuu ammoo daaraa nama eenyuu akka mana isaaniitti fudhatani hirmii baafatan hin barre maatiin kun

Hospitaalichis dogogora uumameef dhiifama gaafateera. Aadde Albaa Maaruuriin magaalaa Ikkuwaadoor Gu'ayaquwiil jedhamtu giddu-gala weerara Covid-19 taate keessa jiraatti.

Ikkuwaadoor biyya weerara koronaavaayirasiin baayyee miidhamte yoo taatu namoota 22,000 ol irratti dhibeen kun argamuun mirkana'ee 600 kan ta'an ammoo du'aniiru.

Akka gaazexeaan biyyattii El Comercio jedhamu tokko gabaasetti Aadde Aalbaa Maaruurii ji'a darbe ture dhibee fayyaa gubaa qaamaafi rakkoo argansuu dadhabuun kan gara hospitaalaa geeffamte.

Gaafa Bitootessa 27 maatiin ishee akka isheen duteetti itti himame. Hospitaala keessatti fageenyarra dhaabachiisuun reeffa itti agarsiisanii ture sababiin isaas sodaa dhibee daddarbaa kanaf jecha maatii sana fageenyarratti dhorkan.

Ilmi obboleettii Aadde Albaa Maaruurii yeroo hospitaala keessatti reeffa fageenyarratti itti agarsiisan adaadaa isaadhuma se'ee akka ture dubbate.

"Ani fuula ishee ilaaluu sodaadheen ture. Naannoo meetira tokkoofi walakkaan irraa fagaadhan ture. Garuu hangan argetti ishee kanuma ishee fakkaata, bifti ishees akkasuma, " jechuun AFPtti dubbate.

Reeffi sun fudhatamee erga gubateen booda daaraan maatiif ergamee ture.

Garuu Aadde Albaan Kamisa bakka of wallaaltee turtee of bartee maqaa ishee doktorootatti himatte. Doktoroota sanaafis lakkoofsa bilbila manashee kennuufiin akka obboleettiishee waamaniif gaafatte.

Gareen tokkos hospitaala sana keessaa gara maatii ishee qaamaan deemuun dhiifama gaafateera. Yeroo dhiifama gaafatan kanattis wayita sanatti namoonni koronaavaayirasiin qabamanii dhufaniifi du'an hedduu waan ta'eef rakkoon sun uumame jedhan.

"Kun raajiidha. Nuti yeroo ji'a tokko ta'uuf duuteetti jechuun dhiisneerra. Kun waan ajaa'ibaati, " jette Obboleettiin ishee Awuraan.

Maatiin kun sababa dogogora uumame sanaan miidhaa qalbii irra gaheef aanga'oonni akka beenyaa kaffalaniif gaafataniiru.