Koronaavaayiras: Weerara koronaavaayirasiifi yaaddoo Iccitii dhuunfaa

Madda suuraa, Getty Images
Yeroon kun yeroo baayyee adda ta'edha. Sababa weerara koronaavaayirasii addunyaa raasaa jirutiin hedduun hojii dhaabbuun manatti galaniiru.
Akkuma haala hojii isaatti ammoo kan mana taa'anii hojjetanis jiru. Tekinoolojii fayyadamuun bakkuma jiran irraa walga'iis ni gaggeeffatu.
Carraa tekinooloojiifi interneetiin uume kanaan manarraa hojjechuun yeroo dhibee kana keessa akka fala gaariittis fudhatama.
Haata'u malee, rakkoo jiruuf akka falaatti dhiyaatulleen yaaddoo biraas ammoo qabaachuu akka malu namoonni dhimma mirgoota icciitii dhuunfaa qoratan dubbachaa jiru.
Viidiyoo konferaasnii mana keessaa
Mudannoo gara garaa tibbanuma uumame akka fakkeenyaatti kaasuun hangam icciitiin gola nama dhuunfaa akka gabaatti bahee mul'ataa jiraachuu dubbatru ibsu namoonni dhimma kana irratti qoratan.
Gorsaa komunikeeshinii kan ta'e Jaason Niisee waan durbartii mana ishee teessee hojjettu konfaraansii viidiyoon gaggeeffamu irratti torban darbe ishee mudate akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa.
Yeroo viidiyoo konfaraansii sanarratti ba'an dubartii isaan waliin hojjettuu tokkoos yeroo viidyoon konferaansiirratti dhiyaattu dugda duuba isheerraa hiriyyaan dhiiraa ishee qullaa mutaantaa xiqqoo ykn paantii uffatee darbaa ture jedha.
Hiriyyaan ishee kun akka isheen viidiyoo konferaansiirra jirtu hin hubanne ture. Dubartiin sunis harkaan/mallattoon yeroo isa maqsuuf yaaltu agarsiisa viidiyichis.
Jalqaba torban kanaarras Ministirri Muummee Biriitish bakka itti adda of baasanii jiran mana isaanii keessaa walga'ii kaabinee isaa waliin viidyoo konferaansii tekinooloojii Zoom jedhamu fayyadamuun gaggeeffatan ministirootaaf qoodanii ture.
Minisitirri muummichaa 'ID' fi maqaa ittiin fayyadaman (username) isaanii waliin ture kan qoodaniif.
Karaa viidiyoo appilikeeshinii konferaansii mana taa'amee gaggeeffamu kanaa nuti namoonni miliyoonaan lakkaa'amnu gola keenyaafi kushiinaa keenya osoo icciitii dhuunfaa keenyaaf hin yaadda'iiniifi to'annaa tokko malee daawwattootaaf qoodaa jirra.
Appilikeeshinii nama dhibee Covid-19 qabame ittiin hordofan

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf akka fala tokkootti biyyoota gara garaa keessatti kampaanonni gara garaa appilikeeshinii mobaayilaatiin akkaataa ittiin nama dhibee COvid-19n qabameefi namoota inni itti dhiyaate, akkasumas bakkawwan inni qaaqqabe mara hordofuuf yada dhiyeessaa jiru.
Biyyoonni akka Israa'el, Biriitish, Jaarman appilikeeshinii kana fayyadamuu akka yaadaatti dhiyeessaa jiru.
Jarman, tarii akka addunyaatti biyya baayyee waa'ee icciitii isheetiif baayyee dhimmamtu, appilikeeshinii mobaayiraa kana fayyadamuun nama dhibee Covid-19n qabame adamsuuf yaada qabdi jedhamaa jira.
Biyya Ingiliitti ammoo dhaabbanni Tajaajila Fayyaa Biyaalessaa (NHS) dhimma ragaa dhukkubsatootaa qabachuurratti sanada waan akka imaammata isaa jijjiire fakkaatuu baasera.
Sanadni kun hojjetoonni fayyaa koronaavaayirasii waliin walqabsiisee odeeffannoo akka dabarsanii kennaniif mirga dabalataa kan kennuufidha.
Keessumaa, sanadiin NHS kun haala tatamsa'inaafi dhiibbaa vaayrasichi uumu hubachuudhaaf fayyadama daataa barbaachisaa ta'ee eera.
"Dhukkubsattoota eessatti akka argaman, akkamiin akka qunnamuun danda'amu, akkamiin akka sakkata'an, akkamitti akka eeruun kennamuufi hordofamuu qaban dabalatee to'annoo dhikkubsattoota Covid-19 fi namoota warraa dhibee kanaaf saaxilamuu danda'an jedhamaniif hojiirra oola."
Kan jechuun ammoo, hojjetoonni hospitaalaafi GPs, warri hanga ammaa waa'ee ragaa namaa eeguudhaan of eeggannoo guddaan socho'uurra dabanii sodaa guddaa keessa turan mirgi hanga tokko kennameeraaf jechuudha.
Sababii weerara dhibee Covid-19 kanarraa kan ka'e waa'ee dhimma icciitii dhuunfaa laaffisaa jirramoo, akka mootummoonniifi koroporeeshinoonni sababa yeroo muddama akkasii kanaan fayyadamuudhaan akka mirgoota dhuunfaa keenyaa sarbanii hayyamaa jirraa?
Lammiin Poorchugaal ministira duraanii Burunnoo Makaa'es yeroo ammaa xiinxalaafi barressaa ta'e dhimma kana irratti ejjennoon isaa maal akka ta'e tiwiitera irratti ibseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Barreessaan dhimmoota tekinooloojii Rooy Seelaan akka jedhutti yeroo duulli weerara vaayirasii kana irratti taasifamaa jiru yaadni dhimmi icciittii dhuunfaa yaaddoo keessa galeera jedhu dogogora qofaa miti waan hamaa biraa kan qaqqabsiisudha jedhu falmii fiixeetti bahedha.
Karaa biraan ammoo warreen miriga icciitii dhuunfaaf quuqaman, bifa kamiiniyyu sababa vaayirasichaatiif nama hordofuun balaa biyya basaastuu taa'e tokko uumuu mala jedhu.
UK dabalatee biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti yeroo appilikeeshinii ittiin bakka namni jiru hordofan kanaa fayyadamuuf ilaalcha keessa galchaa jiran kanatti falmii cimaan mormuufi deggaruun gaggeeffamaa jira.
Pirees konferansiin gamtaa saayinstistoota Awurooppaa warra miisooma isaan hojjetan waliin gaggeeffame dhimma icciitii akka dhimma ijootti ilaaluun ejjennoo ifa lafa kaawwachuun jalqabame.
Hans-Kiristiyaan Boos, nama Atriifishaal Intelijensii (AI) irratti biizinas hojjetuufi Chaanselor Meekeliif gorsaa ta'e, gaggeessitoota dhhaba kana jalqaban keessaa tokkodha.
Akka jedhutti dhimmoota nama kakaasan kessaa tokko gaaffii akka jedhu deebisuudha: "Dhugumatti guutummaatti icciitii dhuunfaa eegaa bakka namni gaheefi jiru akkaataa ittiin hordofnu tolchuu dandeenyaa?

Eyeen ni danda'ama. Yoo sisteemichi waana akka siginaalota Blutooth fi adda baastuu (ID) adda bahee hin beekamne fayyadamuun ni danda/ama. Kan biyyi Singaappuur fayyadamtu TraceTogether jechuun beekamu hojii akkasii hojjechaa jiru akka fakkeenya gaariitti kaasiin ni danda'ama.
Haata'u malee, biyyoonni tokko tokko karaa of eeggannoo malu hin kennamneefiin itti deemu.
Appilikeeshiniin ittiin Raashiyaan hawaasummaa hordoftu (Russia Social Monitoring app) jedhamu lammileen Covid-19 akka qaban barameen akka bilbiluuf danda'an, bakka jiran, kaameraa, kuusaa, odeeffannoo neetiwoorkiifi ragaawwan (data) biroo akka itti himan gaafachuun yeroo weerara dhibee kana akka isaan mana gadi dhiisanii hin ba'iin ittiin mirkaneeffata.
Taayiwaanis neetiwoorkii fayyadamuudhaan lammileen bakka qofaatti adda baafamanii turan hordofti.
Tarii garuu yaadni filamaataa app.kana fayyadamuu baayyisee kan daangaa darbedha jedhamu sooftiweerii dhaabbata Israeli spyware jedhamu kan NSO Group ta'e dhiyeessaa jirudha.
Dhaabbanni kun opereeteroonni telekoom hundinuu odeeffannoo sochii namaa kamii hunda isaa akka dabarsanii kennaniif mootummoonni akka gaafatu fedha.
Yeroon aanga'uroota NHS yaaliin akkasii kun wan milkaa'u isinitti fakkaataa jedhaa gaafadhe, akka inni gatii hin qabne ana harkatti busheessuu isaan bilbilu irrattin dhaga'an te.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'

Biyya UK keessatti gareen app. keessa hojjetan hojii akkasii keessatti amantaa ummataa eeggachuun barbaachisaa akka ta'e qalbeeffatanii beeku waan ta'eef kana galmaan g'auudhaaf uumata jiru keessaa %60 kan ta'u yeroo app. gadi dhiifamu akka tolfatan gochuu feesisa.
Lammileetti garuu mootummaan sochii keessan isin duukaa bu'ee isin hordofa jedhanii itti himuun ifaan ifatti abdii kutachiisuudah.
Garuu rakkoon ni jira. Appilikeeshinootaafi falawwan ttekinoolojii argachuudhaan yaaddaa icciitii dhuunfaa ofii hanga tokko dabarsani kennuun, dhiibbaa dhorkaawwan akka sochii dhorkuufi itti cufamee jiruufi jireenya rakkisuu xiqqoo haala salphisuun ta'uu qaba.
Biyyoonni akka UK dhimmoota mirgoota icciitii dhuunfaatiif bakka guddaa qaban appilikeeshinootaafi tekinooloojiiwwan bakka namni jiru hordofan kanneen diriirsuu keessatti gara boodaatti waan jedhaniif kun ammoo qajeelfamni sochii dorkuun cufatanii taa'uu yeroo dheeraa tura jechuudha.
Kanaaf, ummanni bilisuumaa isaa gosa tokko dabarsee kennuudhaan, mirga icciitti dhuunfaa, jechuudha mirga bahee hojjetee galuu ammoo ni filataa?
Akkuma jireenya baayyee keessatti mul'atu, vaayirasichi waa'ee maaliif dursa kennuu akka qabnu gaaffiiwwan jajjaboo akka of gaafannu nu dirqisiisa.














