Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Biyyoota addunyaa hala hin baramneen 'uggura sochii' hojiirra oolchan
Biyyoonni addunyaa tatamsa'ina dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf jecha tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa jiruu.
Mee biyyoota addunyaa tarkaanffiiwwan kanaan dura hin baramnee COVID-19 ittisuuf hojiirra olchan haa ilaallu.
1) Paanaamaa
Paanaamaan biyya jiddugala Ameerikaa namoonni 1,000 ta'an koronaavaayirasiin qabamuun keessatti mirkanaa'ee yoo taatu, adda bahanii turu irratti tarkaanfii isa cimaa jedhamee labsite jirti.
Tarkanfiin biyyattiin tatamsa'ina koronaa ittisuuf hojiirra oolchaa jirtu saala lammiilee irratti kan bu'urreeffateedha.
Guyaa Robiitii kaasee dhiirriifi dubartiin guyyaa adda addaatti sa'aatii lamaaf manaa bahanii deebi'uu ni danda'u.
Guyyaa Dilbataa ammoo nama kamiifuu manaa bahuun hin hayyamamu.
''Uggurrii cimaan kunis lubbuu keessan baraaruun alatti kaayyoo gara biraa hin qabu,'' jechuun ture Ministirri Nageenya biyyattii Ju'aan Pinoo kan gaazeexxeessitootatti himan.
2) Kolombiyaa
Magaaloota Kolombiyaa muraasaa keessatti ammoo, haaluma garaa garummaa lakkoofsa waraqaa eenyumaa isaanitiin ala bahuun hayyamamaafi.
Fakeenyaaf, lammiilee Baransaabermejaa keessaa jiraataniif kanneen lakkoofsi waraqaa eenyummaasaanii 0,7, yk 4 ta'ee guyyaa Wiixataa bahuu danda'u.
Kanneen lakkoofsi isaanii 1, 8, ykn 5 ta'e ammoo guyyaa Kibxataa ala bahuun hayyamamaafi.
Biyyi ollaa Boliviyaanis haaluma adeemsa wal fakkaatuu hojiirra olchaa jirti.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i? Attamiinan of eegaa?
- GAAFFILEE GAAFATAMAN: Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Qaamaan walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hanga ammaa hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayirasii
3) Sarbiyaa
Mootummaan Sarbiyaa yeroo tokko sa'aatii itti saree manaa baasanitti namoonni akka manaa bahaniif hayyamee ture.
Kunis sa'aatii 02:00(20:00) hanga 03:00(21:00) gadii bahuu hayyamee ture.
Haa ta'u malee warra saree qabaniin mormiin waan mudateef deebiisee sa'aa kana haqeera.
Maanguddoon tokkos sa'aatii galgalaa miilaan deemuu dhaabuun sareen rakkina fincaanii ummachuun balaa fayyaaf akka saaxilamtu taasisa jedheera.
Kana malees saroonni mana keessatti fincaa'uuf waan dirqamaniif jiraatootta irrattis dhiibbaa qabaata jechuun mormeera.
4) Beelaaruus
Pirezidaantiin Beelaarus, Aleeksaandar Lukaashenoon waa'ee dhukkuba koronaavaayirasii ilaalchisee waan hedduu jedhu.
Haasaa gaazexeessaa TV waliin taasisaniin, bakka xabaatti namoonni walitti qabamuun rakko hin qabaatu jedhaniiru. Kanaafis sababii yoo eran qorri istaadiyoomii vaayirasicha ni ittisa jedhaniiru.
Kuni dhugaa ta'usaatiif ragaa qabatamaan garuu hin jiru.
Kanaan kan ka'ees akka biyyoota awwuroppaa gara biraa Beelaarus taateewwan ispoortii kamuu hin uggurre.
Kana malees dhugaatiiwwan akka vodkaa dhuuguun imala vaayirasicha ni ittisa jedhaniiru. Kunis gorsa oggeessaatiin wal bira yoo qabamee gonkumaa faallaadha.
5) Siwidiin
Biyyi Siwidiinis akka biyyoota ollaashee biraa osoo hin taane ilaalcha laafaa agarsiisaa jirti.
Biyyattii keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman gara 4,500 ta'an galmaa'an illeen, mana keessa akka turamuuf tarkaanfiin fudhattee hin jiru.
Guyyaa Dilbataatti namoota 50 ol ta'anii walitti qabamuun dhorkameera garuu manneen barnootaa ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gadii ammas jira.
Manneen dhugaatiifi nyaataa tajaajila kennaa waan jiraniif namoonni akkuma duraatti jiraatu.
Tarsimoonni manaafi alaatti yaada adda addaa qabaataa jira. Haa ta'u malee tarkaanfii biyyoonni fudhataa jiraniifi bu'aansaa kan yeroo keessa mullatu ta'a.