Koronaavaayirasii: Tiraamp yaada Niiwu Yoorkitti cufuu jedhu qeeqan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp yaada bulchaan Niiwu Yoorkiin magaalattii cufuudhaaf dhiyaatee kan hin amanamneedha jechuun ''barbaachisaa hin ta'u'' jedhan.
Mr Tiraamp akka jedhaniitti murteen dhumaa kan dhimmicharratti kennamu taaski forsii Koronaavaayirasii Waayiti Hawusitiin.
Pirezidaantiichi kana dura buchisawwan Niiwu Yorkiifi gartokkee Niiwu Jarsiifi Konektiikat, tatamsa'ina vaayirasichaa xiqqeessuuf ni cufamu jechuunsaa ni yaadatama.
Niiwu Yoorki keessatti qofaa namoonni 52,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.
Namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ee keessa wallaakkaan Niiwu Yoorki keessatti argama.
Pirezidaanti Tiraamp fuula tiwiitara isaaniirratti akka barreessaniitti adda baasuun tursiisuu irraa bulchiinsa kana keessatti 'dhorkuu imalaa' fi gorsi cimaan osoo kaa'aamee jechuun barreessaniiru.
Dhaabbanni To'annoofi Ittisa Dhukkubootaa jiraattoota bulchiisnawwan sadan kanneen keessatti argaman, uoo dhimma murteessaaf ta'ee malee guyyoota 14'f akka manaa hinbaanee gaafateera.
Ejjansichis dhorkaan kunis kennitoota tajaajila bu'uraalee murteessoo, oggeessaale fayyaa fi dhiyeessitoota nyaataa dabalatee, kan hinilaalanee ta'u himeera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Mr Tiraapmi guyyaa Jimaataa haala Niiw Yoork keessa jiru ilaalchisee gaazexessitootaatti wayita dubbataniitti, ''Adaa baasuun tursiisuu ilaaluu dandeenyaa sababii eddichi bakka koronaan ballinaan keessatti argamee waan ta'eefu...Waa'ee akkasii yaadaan jira,'' jedhanii turan.
Itti dabaluunis adda baasuun kunis vaayirasichi achii gara bulchiinsoota biyyattii biraatti hinbababllannef ni hirisa jedhanii ture.
"Filooriidaa keessattis rakkoon mudataa jira. Hojjattoon Niiw Yoorki hedduun gara sana deemaa jiru. Suna akka ta'uuf ammoo nuti hinbarbaadnu,'' jedhaniiru.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'















