Guyyaa tokkotti Ameerikaatti namoonni 10,000 caalaa Covid-19'n qabamani

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi namoota dhukkuba koronaavaayirasiin Ameerikaa keessatti qabamanii 10,000'n caale.
Dhaabbanni Ameerikaa to'annoo dhibee irratti dalaguun beekamu, CDC, kaleessa yeroo ibse namoonni 54,000 ol dhukkuba kanaan qabamanii turani.
Ganama kana gabaasni kallattii yunivarsiitii Joon Hopkiins agarsiisutti garuu 69,000 ol gaheera.
Akka dhaabbanni kuni jedhutti, duunillee dabaleera.
Yeroo ammaa 1,050 kan ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru.
Lakkoofsa waliigalaa dhukkubsattoota koronaavaayirasii Ameerikaatti qabaman keessaa hedduu bulchiinsa magaalaa Niiw Yoork keessatti argamu.

- Tamsaasa kallattii guyyaa har'aa
- 'Sodaafi shakkii uummamef dhiifama gaafanna'
- Itoophiyaan sodaa koronaavaayirasiin hidhamtoota 4,000 hiikuufi
- Jarman maaskii miiliyoona 6 Keeniyaatti bade barbaachatti kaate
- Koongoon sodaa koronaavaayirasiif karra magaalaa guddoo ishii cufatte
- Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?
- Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate
- Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite
- Hojjeettonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murtaa'e

Yeroo ammaa guutuu addunyaatti namoonni 471,000 dhukkuba kanaan kan qabaman yoo ta'u 21,293 kan ta'an immoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Biyyi dhukkuba kanaan hubamte Chaayinaa taatus Xaaliyaaniifi Ispeen garuu lakkoofsa namoota du'aniin dursaa jiru.
lakkoofsa namoota dhukkuba yeroo gabaabaatti addunyaatti tamsa'e kanaan qabamaniifi luubbuu dhabanii asii argattu.














