Sa'udii Arabiyaan sababa maaliif ilmaan mootii maqaa guddaa qaban hiite?

Namoota hidhaman keessaa: Mohammed Bin Salmaan (bitaa), Mohammad Bin Naayef (jidduu), and Mootii Salmaan (mirga)

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota hidhaman keessaa: Mohammed Bin Salmaan (bitaa), Mohammad Bin Naayef (jidduu), and Mootii Salmaan (mirga)

Ilmi mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan torban darbe qondaaltota mootummaa olaanoo jala oolchuun isaanii sababii maaliif kan jedhu shakkii uumeera.

Mootii Mohaammad Bin Salmaan kan MBS jedhamuun waamamu erga bara 2015'tti aangootti dhufee kaasee aangoo siyaasaa olaanaa qabachuuf fedhii qaburraa ka'un, bakka hundumarratti mormitootaafi dorgomtoota callisiisuuf sochii cimaa taasisaa jira.

Wayita ammaa kanatti xiyyeeffanaan MBS miseensoota maatii Saaaduwii kan biraati.

Kunneenis - Essumasaa, Ilma mootii Ahimad bin Abduul Aziz, ministira dhimma alaa duraanii, fi durbiisaa, Ilma mootii Mohaammad bin Naayef kan MBN jedhamu, akkasumas ilma mootii duraanii fi ministira haajaa biyya keessaadha.

Haa ta'u malee, hanga ammaatti himannaan irratti baname tokkoolleen hinjiru.

Sababa qondaaltonni hidhamuu danda'an 'Royal United Services Institute (Rusi)' irraa Mikaa'el Isteefans akkana gadiitti xiinxala isaa kaa'a.

MBN bara 2017'tti akkuma Mootii Saalmaan ilmisaa akka aangoo dhaaluuf ifa taasisaniin battalumatti waajjiraa ari'atame.

Ilmi mootii Ahimad osoo gara biyyaatti hindeebi'in dura bara darbee yeroo saafi maalllaqasaa Landaniitti dabarsaa ture.

Gaaffii baayyeen kaasaa jiranis, MBS maaliif dorgomaa isaa duukaa bu'uu barbaadee kan jedhu; keessattuu wayita baayyee dadhabsiifamaniifi fedhii inni aangoof qabu fuuldura dhaabbaachuuf hindandeenye kanatti.

Deebii dhugaa isa qofaatu beeka. Biyya Saawudii keessatti maaltu akka ta'aa jiru baruf madda qondaala motummaa dhugaa argachuun rakkisaadha.

Shakkiin jiru maal jedhaa laata?

Qeeqa guddaa dhimma ajjeechaa gaazexessaa Saawudii Jamaal Khaashogjii kan bara 2018'tti raawwatamee wal qabatee addunyaa maraan irra ka'aa turen MBS xiqqoo sodaatee ture.

Tiraampi MBS kan deeggare yoo ta'u, Biriteeniifi Faransaaayi ammoo hanga ta'e qeeqanii turan. Haa ta'u malee, mooticha waliin daldala gaggeessuu ittuma fufan.

Chaayinaa fi Raashiyaa ammoo gonkumaa dhimma hinqabaanne.

Donaald Tiraamp fi Mootiin Saawudii Mahaammad michuudha

Madda suuraa, Reuters

Ofii miseensota mootii biyyattii fuldura isaa dhabbatan, maatii dorgomaniin, daldaltootaa ykn gareewwan dhiibbaa qaban kan biyya keessaa aangoo qabutti fayyadamun tokko tokko rukkutaa daandiirraa baasaa jira.

Innis siyaasa abbaa irree 101 ti jedha Mikaa'el Isteefans jedha 'Royal United Services Institute (Rusi)' irraa.

Garuu ammoo jaarraa 21 keessatti argamna. Jalaqaba MBS wayita dhufu ofi gadi qabuun jilbeenfateefi harka durbii isaa dhungachuun ture.

Haa ta'u malee, ka'uun MBS firootasaa kan akka MBN gatii baasiisuun dhufe.

Hanga jalqaba 2017'ttis wixineessitooti imaammata warra Lixaa fi eejansiiwwan basaasa addunyaa guutuutiin akka nama aangoo mootii gara fuulduraattii ta'u maluutti ilaalamaa ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Riyaad keessa bakka miseensoonni aanga'oota Saawudii gara 200 itti hidhamanii turan -Ritz-Carlton

Haa ta'u malee, basaasa nageenyaa biyyattii olaanaa hogganaa kan ture MBN, fedhii aangoo daangaa maleessa MBS qabuuf deebii kennuuf hin qophoofne ture.

Aanga'oonni maatii mootii Sa'udii yeroo hunda oduu fi shakkii Mootii Saalmaan du'atti dhiyaataniiru jedhuun ykn MBS fonqolchi masaraa irratti yaadamuun itti dhagahamee jira jedhuun yeroo hunda tarkaanfii atattamaa fudhatu.

Dhimmoota jedhaman kunnenis waan deebii ta'u qabu waan hindeebiifneefu dhugaa omaayyuu hinqaban.

Deebiinsaa ta'u kan malu: Kun ergaa Saalmaan fi MBS irraa miseensoota maatiif akka sararatti galuun, haala naamusa mootii eegeen jiraatanii fi hogganaan eenyu akka ta'e itti agarsiisuudhaaf.

Dogongora hinraawwatiinaa, MBS shakkii tokko malee duree Saawudi Arabiyaati.