Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni Liibiyaa xiyyaarri UN biyyattii keessa akka hin sochoone dhorkan
Xiyyaaronni UN gara Liibiyaatti akkasumas Liibiyaarraa gara biyyoota biroos akka hin balaliine dhorkaman
Humnoonni waraanaa Jeneraal Kaliifa Haftaar balaliiwwan UN gara Liibiyaa fi Liibiyaarraa iddoo biroottis akka hin taasifamne godhan.
Kunis immoo gargaarsa namoomaa garas geessuu fi nageenya eegsisuurratti dhiibbaa uumaa jira jedhe UN.
Lolotoonni jeneraal Haftaar yeroo dhihoo asitti balaliiwwan UN taasisuuf hayyama hin kenninu jechaa turan.
Akka gabaasa AFP'tti jeneeraal Haftaar magaalaaTirippoolii "naannoo balaliirraa bilisa ta'e" akka ta'uu gochuuf yaada qabu. Akkasumas balaliiwwan UN haleellaadhaaf saaxilamoo ta'uu danda'u yaaddoon jedhu jira.
Gaafii fi deebii barressaan ol'aanaa UN Antooniyoo Gutarees torbee darbe BBC waliin taasissaniin waldhabdeen Liibiyaa "qaanessaadha" jedhan.
Dabalataanis Obbo Gutarees akkas jedhan: "waraanni Liibiyaa keessatti taasifamaaru fudhatama hin qabu. Afriikaan waldhabdee Liibiyaa keessatti adeemaa jiruuf furmaata fiduu gahee ol'aanaa taphachuu dandeetti," jedhan.
UN gamasaatiin waldhabdee kana furuuf waan barbaachisu hunda ni deeggaras jedhan bareessaan ol'aanaa UN Antooniyoo Gutarees.