Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeequmsa Liibiyaa: Hidhattootni gamoo korporeeshinii boba'aa Liibiyaa haleelan
Gareen hidhattootaa waajira muummee Korporeeshinii boba'aa biyyoolessaa Liibiyaa magaala Triipoolitti argamu haleelan.
Walitti bu'iinsa hidhattootaa fi qamoolee nageenyaa gidduutti uumameen sagaleen meeshaalee waraanaa guddaan gara gidduugalaa magaalaa Triipoolirraa dhagaahamaa ture jedhan namoonni ijaan argan.
Qaamoleen nageenyaa bakka sana turan akka dubbatanitti walitti bu'iinsa tureen namoonni misoonsonni qaamolee nageenyaa lamaa fi kan hidhattootaa lama ajjeefamaniiru.
Torbee darbe waraanni hidhattoota waliin taasisifamu akka dhaabatu walii galamuu Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii beeksisee ture.
Mootummaa deeggarsa Dhaabbata biyyoota gamtoomanii qabu magaala Triipoolii to'atee kan jiru ta'uus hidhattootni garuu kutaalee biyyattii hedduu harkaa qabu.