Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan appii namni koroonaavaayirasiif saaxilamaa tahuu adda baasu hojjette
Chaayinaan appii namoonni koroonaavaayirasiif saaxilamoo tahuusaanii mirkaneeessu hojjette.
Appiin nama vaairasichaan qabamee dhiyootti jiru adda baasu kun, fayyadamtoota appiichaa namni vaayirasichaan qabame isaan bira taanaan itti agarsiisa.
Namoonni dhukkubichaaf saaxilamoodha jedhaman manaa akka hin baaneefi buufata fayyaatti akka gabaasan gorfamu.
Teeknooloojiin kun mootummaan Chaayinaa lammiileesaa hangam hordofaa akka jiru kan agarsiisudha jedhameera.
Appichatti fayyadamuuf bilbila isaaniirra koodii galchuudhaan tajaajilicha argatu. Akkuma kaffaltii onlaayinii fi miidiyaa hawaasummaatti gargaaraman jechuudha.
Takkaa lakkoofsa bilbilaa appicharratti galmeessifnaan, fayyadamtoonni maqaa fi lakkoofsa eenyummaa gaafatamu. Lakkoofsi bilbilaa galmaa'e tokko lakkoofsa bilbilaa sadii mirkaneeessuu danda'a.
Appicha mootummaa, Korpooreshinii Teeknooloojii fi Elektirooniksii Chaayinaa, odeeffannoo fayyaa fi geejiba irraa argataniin deeggaramuun kan hojjetan.
Mootummaan Chaayinaa nama dhukkubaaf saaxilu kan jedhe, kan ittisa vaarirasichaa hin fayyadamne, kan qabamuun mirkanaa'e, kan shakkamee fi mallattoo xiqqoollee agarsiisaa jiru.
Namootni dhihoo vaayirasii waliitti dabarsuu danda'an
- Namoota waliin hojjetan, kutaa tokko keessa bulan, ykn kutaa tokko keessa jiraatan
- Ogeessota fayyaa, miseensota maatii, namoota dhukkubsattootatti dhihoo jiraniifi kunuunsa kennaa turan.
- Imaltoota fi hojjettoota xiyyaaraan, baaburaafi konkolaataadhaan nama qabame waliin deemaa turan.
Fakkeenyaaf namoonni nama vaayirasichaan qabamee teesuma tarree sadii keessa jiran akka namoota dhihoo vaayrasichaaf saaxilamanitti lakkaa'amu. Namoonni kaan dhiyeenyaan yoo saaxilamuu baatanillee saaxilamoodha.