Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Isheen Eenyu?14: 'Karoorrikoo Nyaata Aadaa Oromoo Addunyaatti beeksisuudha'
Godina Wallagga Lixaa Aayiraa Gullisootti dhalatanii guddachuu kan himan Aadde Maammituu Makuriyaan nyaata aadaa Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti dhiheessuudhaan beekamu.
Hojii nyaata qopheessuu kana akka itti eegalan yeroo himanis, "harmeenkoo mana nyaataa qabdi ture, anis isheema waliin hojjechaan guddadhe. Nyaata kana hojjechuu waanin jaaladhuuf fedhiiman qaburraa kaa'een gara nyaata hojjechuutti seene" jedhu.
Yeroo hojii kana jalqabanis suuqii xiqqoo fi buna danfisuudhaan akka hojii daldalaatti seenan yaadatu.
Yeroo ammaa mana nyaata aadaa Oromoo guddaa ta'e Magaalaa Finfinnee naannoo 'Lidataa' jedhamuu qabu.
"Manni ani amma keessatti hojjechaa jiru kuni hanga nama dhibba shanii si'a tokkotti ni keessummeessa. Mana kanatti nyaatni aadaa akka ancootee, qorii, cumboo, cororsaa, ukkaamsaa, caccabsaa fi marqaa fa'a hojjechaa jirra." Jedhu.
Nyaata aadaa amma hojjechaa jiran kanaan dabalatatti nyaata aadaa Oromoota godina adda addaa jiranii kan hundaatuu bakka tokkotti akka argatanitti bal'isanii hojjechuuf karoora qabaachuus himu.
Nyaata aadaa Oromoo kana addunyaatti beeksisuun barbaada kan jedhan aadde Maammituun, iddoo hundatti ani nyaatuma aadaa Oromoo waliinan dhihaadha jedhu.
"Dorgommii jiru kamirrattuu nyaatuma aadaakoon qabadhee dhihaadha, ''erga namatti roobee tortoruu wayya'' akkuma jedhan ergan nyaata aadaan hojjedha jedhee biyyuma kanayyuu bakka bu'een nyaata
aadaa Oromoo beeksiisa jedheen sagantaa qaba," Jedhan.
Icciitii milkaa'ina isaanii yeroo himanis waan karoorfatanii ka'anitti murannoo qabaachuun dirqama ta'uu dhaamu.
"Haalli amma keessa jiran mijachuu dhiisuu mala. Yoo obsinee itti deemne garuu dhawaataan karaa siif qabachaa deema. Kanaafuu waan har'a nu mudatu dhiifnee bakka boru geenyurratti fuulleeffachuu qabna"jedhan.
Akkaataa guddina aadaa keenyaatiin dubartoonni kutannoodhaan hojii tokkotti galuu akka sodaatan himuun, yoo kutatanii itti seenan garuu dubartoonni Oromoo cimoodha jedhan.
"Kutannee itti seenuu sodaanna malee nuti dubartoonni takkaa itti seennaan booddeetti hin jennu.
Dubartiin Oromoommoo baayyee ciccimoodha. Waan meeqa dandahaniiti kan isaan as gahan. Dubartoota Oromootiin ''jabaadhaa' eenyuyyuu isin hin gitu'n jedhaani" jedhu.
Milkaa'ina diinagdee fi aadaa Oromoo guddisuu amma irra gahan kana keessattis qorumsa jireenyaa jajjabaa darbuun as gahuu yaadatu.
" Ani har'a koo hin yaadu. Har'ikoo baayyee fokkisaa ta'uu mala. Boru bakka nan gaha jedhe sanan fageessee ilaala. Kanatu milkaa'inaan nagahe jedheen yaada" jedhu.
Aadde Maammituun yeroo ammaa mooraa masaraa mootummaa keessaayis mana nyaatni aadaa Oromoo itti gurguramu qabu.
Masaraa mootummaa keessaa bakka argachuun kiyya carraa ittiin aadaa Oromoo caalaatti beeksisu naaf uumeeras jedhu.
"Masaraa mootummaa kana keessummaa gurguddaa baayyeetu biyya adda addaa irraa dhufa. Keessummoonni kuni achi keessatti nyaata aadaa Oromoo, waan Oromoo fakkaatu yoo argan gara sanaan
aadaa kiyya nan beeksifadha. Nyaatakoos nan beeksifadha," jedhan.
Achi keessattis nyaata aadaa Oromoo garagaraa fi nyaata ammayyaas gurguraa akka jiran himu.
Aadde Maammituun daa'ima ofii dahan qabaachuu baatanis Ijoollee torba guddifachaadhaan mana isaanitti guddisaa akka jiranis nutti himaniiru.
"Oromoon ijoollee baayyee jaalata. Ijoolleen eebba waaqayyootiis. Ani Ijoolleen dahe dhabuun baayyee nan dinqu. Warran guddifadhe kana akkuma kan kiyyaatti harma hoosisee guddise. Akkuma ijoollee kiyyaattin itti gammadee guddisaa jira" jedhan.