Isheen Eenyu? 7: Hojii listiroorraa hanga konkolaachistuu otobisiitti

Aadde Tigist Dassaalany jedhamti. Magaalaa Adaamaatti konkolaachistuu Otoobisii magaalaati. Wallaansoo jireenyaa mo'achuuf hayyama konkolaachisummaa qabadhee hojii listiroo hojjedheera jetti.

Dubartiin kun maqaa isheerraa jalqabuun bu'a ba'ii jireenyaa keessa dabarsite akkasitti dhugaa baati.

Maqaan koo Tigist Dassaalanyi jedhama. Magaala Adaamaatti konkolaachistuu Otoobisii magaalaati.

Magaalaa Adaamaatti yeroo ani otoobisaan uummata deddeebisu imaltootnis, warri konkolaataan biraatiin darbaniis na ilaalanii dinqisiifatu.

Magaalaa Bahirdaaritti dhaladhee guddadhe. Maatiin koo harka qalleeyyii ta'uusaaniin ijoollummaarraa kaasee waldhaansoo jireenyaa keessan darbe.

Hojiin kan 'dhiiraati' jedhamu hojjechuun nagammachiisa

Maatiikoo gargaaraa ofdanda'uuf jecha hojii baayyee hojjedheera. Gargaaraa konkolaachisaa ta'ee waggaa sadii hojjedhe. Kanuma hojjechaan heyyama konkolaachisummaa sadarkaa 3ffaa kanin fudhadhe.

Heeyyama konkolaachisummaa fudhadheen illee hojii konkolaachisummaa argachuu waanin dadhabdeef heeyyamicha qabadhee hojii liistiroo hojjechaa ture.

Boodarra dhaabbata dhuunfaatti konkolaachisummaan hojii humnaatiin qacaramee heeyyama 4ffaa baafachuun danda'e.

Dubartoonni hojiisaaniittiin milkaa'uuf ofitti amanamummaan isaanii cimuu qaba jedheen yaada.

Jalqabarratti ofitti amanamummaa qabaachuu qabna. Hojii kamuu warra dhiiraatiin qixa hojjennee milkaa'uu akka dandeenyu beekuu qabna. Hawaasnis dubartoota jajjabeessuu qaban jedha.

Konkolaachisummaa otoobisaa amma Magaalaa Adaamaatti hojjechaa jiruunsi uummatni magaalaa Adaamaa ni dinqisiifata.

Hojii kana yeroon hojjedhu warri dubaraas ni gammadu warri dhiiraas akkasuma. Ani konkolaattota fe'umsaatiin gammoojjiiwwan keessas hojjedheera. Bakkan hojjedhe hundatti namoonni hamilee naakennu.

Dubartoonni hedduun 'si'arginaan baayyee onnadhe, anis heeyyama konkolaachsummaa nan baafadha' naan jedhu, dubartoonni konkolaattota gurguddoo oofuun baayyee hin baratamne gaafa na argan garuu ni onnatu.

Ana ilaalanii namootni heeyyama konkolaachisummaa barachuu kan eegalanis baayyeen jiru.

Dubartoonni hojii konkolaachisummaa irratti ofeegannoo cimaadhaan waan oofaniif tajaajiloota otobisa uummataa irratti konkolaachstoonni dubartootaa osoo baayyatanii gaarii ni taha jedheen yaada.

Yeroo tokko duwwaa sababa boolloo konkolaatichaatiIf himatameera. Suniyyuu rakkoo dhaabbatichaati malee kankoo hin turre. Saniin alatti guyyaa tokkoofuu balaas geessisee, walittis buusee, balleessees himatamee hin beeku. Hojiikoo ofeegannoon waanin hojjedhuuf.

Ani ijoolummaa kiyyarraa kaasee hojii kan dhiiraati jedhame hojjechuun jaaladha. Barumsakoo kutaa saglaffaa adda kuteeni kanin gargaaraa konkolaachisaa ta'ee hojjechuu eegale. Isumaanin maatiikoo gargaaraa obbolaa kiyyas barsiisaa ture"

Bakka ani guddadhe naannoo Amaaraatti immoo dubartoonni hojii kan akka gargaaraa konkolaataa hojjechuu hedduu kan hinbaramne haa tahuyyuu malee isheen hojii 'kan dhiiraati' jedhaman hojjechuutti akka cichite himti.

Yeroon heyyama konkolaachisummaa xumurtu konkolaataa kiyya oofta jedhanii nama hedduutu waadaa naaf galee ture. Oggan baradhee xumurutti garuu akka waan dubartiin dandeettii hin qabneetti waan yaadaniif amananii natti kan kenne hin turre.

Abdii hin kutanne isa yaalatuman hojii liistiroo itti fufe"

Dubartoonni waan kamiyyuu hojjechuu dandeenya

Ilaalchi namootni akka dubartoonni waa hojjechuun milkaa'uu hindandeenyetti yaadan jijjiiramuu qaba.

Dubartoonni qixuma warra dhiirotaa hojjechuu akka dandeenyu, dadhaboo akka hin taane hojjennee agarsiisuu qabna. Waan kamuu hojjechuu ni dandeenya.

Dubartoonni hin dandeenyu jedhanii abdii kutanii manatti hafan hojii osoo hin tuffatin yoo hojjetan dubartummaan milkiirraa nama hin hambisu

Ani haadha ijoollee shaniiti konkolaachisummaa fi itti gaafatamummaa maatii bahanchuun hojii koorratti dhiibba guddaa hin uumu.

Xiqqoo ni ulfaata. Ganama ka'een ijoolleef nyaata hojjedheen mana barumsaatti gaggeesseen hojiikoo jalqaba. Sa'atii laaqanaattis yeroon mana galu waan tokko tokko sirreeseen deema.

Galgala gaafan hojiikoo xumuree galus ittigaafatama mana keessaa hedduutu jira. Hundisaayyuu ni danda'ama. Wanti guddaan kaka'umsaa fi ofitti amanamummaa qabaachuudha.

Hojii konkolaachisummaa Otoobisii kanas maatiin koo hundinuu ni jaalatu, na jajjabeesssus.

Muuxannoo konkolaachisummaa

Hawaasaatti otobisa Bishooftuu isa dheeraa sana waggaa afur oofeera. Adaamaatti ammoo amma reefun waggaa tokko hojjedhe. Kanaan alatti konkolaattota akka fe'iisaa fi pikaappiitiin iddoowwan akka Xaanaabalas, Gibee 3ffaa fi daandii shaawuraa kan Sudaaniin walqunnamsiisurras hojjedheera"

Fuuladuratti yoon humna horadhe dubartoota hojii daldala saal-quunnamtii irratti bobba'an jireenya akkasii keessaa baasuun gargaaru na barbaada.

"Dubartoonni hojii daldala saal-quunnamtii irratti bobba'an baayyee nagaddisiisu. Fuuladuratti yoon humna qabaadhe dhaabbata wayii banee akka leenjii argatan, hojii uummatan, ogummaa adda addaa irratti akka bobba'an gochuu baayyeen hawwa.

"Hojii otoobisa magaalaa oofuu kana hedduu itti gammaddeen hojjedha hamileen ummata Adaamaas hedduu nacimseera. Imaltoonni hundi osoo waa'eekoo hin haasa'in, yaada osoo hin kennin hin deeman."

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.