Koroonaavaayiras: Chaayinaan hospitaala hatattamaan ijaarte hojii eegalsiisuuf

Chaayinaan hospitaala hatattamaan ijaartee xumurte eebbisiisuuf jetti.

Hospitaalli kun kan ijaarame magaalaa jalqaba koroonaavaayirasiin keessatti mul'ate Wuhaan keessatti.

Chaayinaan sardamtee murtoo kana kan fudhatteef lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii dabalaa waan jiruuf.

Hospitaalli guyyoota saddeet keessatti ijaaramee xumurame kun siree namoonni irra ciisanii wal'aanaman 1,000 qaba, maqaan isaas 'Huoshenshan' jedhama.

Yeroo ammaa namoonni 17,000 Chaayinaa keessatti koroonaavaayirasiidhaan qabamaniiru, namoonni 361 ammoo du'aniiru.

Erga koroonaavaayirasiin Chaayinaa keesatti tatamsa'ee biyyoonni lammiileen isaanii Chaayinaa jiran achumatti ittisuu eegalaniiru, kaan ammoo sakatta'iinsa cimaa gaggeessaa jiru.

Ragaa wayitaawaa dhimma qorannaa koroonaavaayirasii irratti jiruun Chaayinaa keessatti namoonni 21,558 vaayirasichaan shakkamanii adda baafamaniiru, namoonni 152,700 to'annaa yaalii fayyaa jala jiru, kanneen 475 ta'an ammoo bilisa ta'anii hospitaalaa ba'aniiru.

Chaayinaadhaan alatti lammiileen biyyoota adda addaa 150 ta'an vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera.

Chaayinaa keessatti hospitaalli wal'aansa dhibee kanaaf ijaarame yeroo ammaa lakkoofsa dhibamtootaan dhiphateera.

Koroonaavaayirasiin erga akkaan tatamsa'uu eegalee biyyoonni ollaa Chaayinaa daangaan akka cufamu gaafachuu eegalan.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa garuu daangaa cufuurra sakatta'iinsa cimaa gaggeessuutu fala ta'a jedheera.

Koroonaavaayirasiin vaayirasii isaan walfakkaatu kan kanaan dura lubbuu namoota hedduu galaafate 'Sars' jedhamu caalaa tatamsa'uu eegaleera.

Lubbuu namaa galaafachuudhaan garuu haga isa duraa hin ga'u.