Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
KoroonaaVaayiras: Hospitaala guyyoota keesssatti ijaaramu
Chaayinaan magaalaa Wuhaanitti namoota Vaayirasii Koroonaan faalaman yaaluuf hospitaala gargaaru guyyoota keessatti ijaartee xumuruuf.
Hospitaalli Hoosheenshaan lafa iskuwweer meetira 25,000 ta'urratti kan ijaarane yoo ta'u Wiixata dhufu xumuramee hojii eegala.
Amajjii 24 hojiin isaa yeroo eegalamu konkolaattootni ijaarsaa hedduun bakka gamoon kun itti ijaaramu qulqulleessaa turan.
Aanga'oonni Fayyaa Chaayinaa haga ammaatti namootni 304 ta'an Vaayirasii kanarraa kan ka'e du'uu fi 14,000 kan ta'an faalamuu gabaasaniiru.
namootni 100 ta'an ammoo biyyoota addunyaa 22 keessatti Vaayirasii kanaan qabamaniiru.
Vaayirasiin kun bulchiinsa Wuuhaan kan namootni miiliyoona 11 ta'an keessa jiraatan keessatti jalqaba dhalate.
Akka miidiyaan biyyoolessaa Chaayinaa gabaasetti hospitaalli Hoosheenshaan sireewwan dhukkubsattoota waldhaanuu 1,000 qaba.
CCTV'n ijaarsa hospitaala kanaa kallattiin gabaasuun ajaa'iba kana uummatni akka taajjabu godheera.
Chaayinaa keesattii qofa namootni miiliyoona 40 ta'an tamsaasa kallattii ijaarsa hospitaala Hoosheenshaan kana daawwaachuu barruun Global Times barreeseera.
Suuraawwan adeemsa ijaarsaa kana mul'isan konkolaattotni ijaarsaa dinqisiifannaa argatanii hin beekne akka argatan sababa ta'eera.
Kanneen simintoo bukeessan maqaa masoo ''Mootii Simiintoo'' jedhu fi kaanis argataniiru.
Hospitaalli Hoosheenshaan qaama hoospitaala Shi'ootaangishaan Beejiingitti bara 2003 weerara Vaayirasii Saars ittisuuf ijaarameeti.
Hospitaalli Shi'ootaangishaan bara 2003'tti ijaarame kun xumuramuuf guyyoota torba qofa fudhate. Kanaanis rikoordii addunyaa ijaarsa hospitaala saffisaa cabseera.
Aaanga'aan mootummaa Chaayinaa Yaanhoong Hu'ang ''Chaayinaan piroojektoota hiika addaa qaban akka kanaa dabalatee hojii saffisaan xumuruurrattimaqaa gaarii qabdii jedhaniiru.
Akkuma Hospitaala Beejing hospitaalli haaraan kun gamoowwan dura ijaaramanii qophaahanii taa'ani irraas hojjetama.
Ijaarsa kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf injinaroonni kutaalee biyyattii keessa jiran wamaichi godhameeraafis jedhu aanga'oonni.
''Hojiin Injinariingii waan Chaayinaan ittiin jabduu jedhamtuudha. Gamoowwan dhedheeroo saffisaan ijaaruun maqaa gaarii qabdi. Kun biyyoota lixaaf tilmaamuuf rakkisaadha. Hojjechuun ni danda'ama.''