Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abukaatoo obboo Jawaar: 'Lammii Itoophiyaa tahuuf addatti ragaan kennamuuf hin jiru'
Xalayaa Jawaar Mahaammad lammummaa Itoophiyaa argachuuf gara waajjira Immigireeshiniitti barreesse nama Ataakilti Abrahaa jedhamuun fuudhameera jedha gabaasni 'Addis Standard'.
Xalayaa kana Jawaar kan barreesse gaafa Amajji 22 bara 2020 yoo tahu fuula lama kan qabuu fi akkaataa seerri ajajuun ragaalee ykn sanadoota dabalataa sagal wallin walitti qabsiisuun akka itti kenne 'Addis Standard' ibseera.
Abukaatoon Obbo Jawaar Mahaammad Obbo Gammachuu Guutamaa Ejensii Immigireeshinii Itoophiyaaf Jawaar lammummaa Ameerikaa qabu deebisuun lammii Itoophiyaa tahuu isaaf haal-dureewwan barbaachisan guuttachuu isaa ibsuun xalayaa barreesseera jedhan.
Namni tokko lammummaa isaa deebisee argachuuf akkaataa labsii fi seera Itoophiyaatti;
- Jalqaba lammummaa biyya biraa fudhate deebisuu
- Gara Itoophiyaatti deebi'ee jireenya isaa hundeessuu
- Inni sadafffaan ammoo Ejensii Immigireeshiniitti iyyannoo dhiyeessuu kan jedhudha.
Obbo Gammachuun Jawaar Mahaammad ulaagaalee kanneen guuteera waan taheef amma lammii Itoophiyaa tahuu isaati jedhan.
Akka namootni jedhanitti lammii Itoophiyaa tahuu isaa Ejensii Itoophiyaa irraa ragaa dhiyeessuu qabu waan jedhamu sirrii miti jedhan Obbo Gammachuun.
Namni kamiyyuu ulaagaalee asiin olitti eeraman guuttannaan lammii Itoophiyaa jedhameeti kan ilaalamuu qabu jedhan. Ejensiin Immigireeshinii kanaan booda namni kun lammii Itoophiyaati jedhee xalayaan siif kennu hin jiru.
Nuyis dhimma Jawaar ilaallatee waan guutamuu qabu guutne malee ragaa nuuf kenna jennee eegnu hin qabnu jedhan Obbo Gammachuun.
Obbo Jawaar yoo barbaadan paaspoortii Itoophiyaa gaafatanii fudhachuuf mirga qabus jedhan. Hanga ammaatti garuu paaspoortii fudhachuuf gaaffii akka hin dhiyeessineefi kun yeroo ofii isaanii barbaadanitti qofa akka tahu himan.
Iyyannoo Jawaar dhiyeessate Ejensichi harkaa fuudhuu himanii waan dabalataa yoo barbaadan akka nu qunnaman nutti himaniiru jedhanii hanga ammaatti waan nu gaafatan hin jiru jedhan.
Akka gabaasa Addis Standard baasetti, Ragaalee kanneen keessaa inni arfaffaan koppii xalayaa lammummaa Ameerikaa qabu deebisuu isaa agarsiisu Imbaasiin Ameerikaa barreesseefidha.
Xalayaa Imbaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee jiru Jawaar lammummaa isaa dhiisuu ibsu kun gaafa Amajji 06 bara 2020 barraa'e.
Ragaa shanaffaan biraa guyyuma wal fakkaataa Imbaasii Ameerikaa irraa barraa'e ammoo Jawaar lammummaa Ameerikaa deebisuu ykn dhiisuu isaa waraqaa ragaa agarsiisudha.
Kunneen walitti qabsiifamuun Immigireeshiin Itoophiyaatti ergamuun akka Jawaar lammummaa Itoophiyaa duraan qabu ture deebisee argachuuf gaafate agarsiisa.
Dabalataan bara 2018 gara biyyaatti deebi'uu isaa ragaalee agarsiisan, waraqaa eenyummaa Itoophiyaa jiraachaa turuu isaa agarsiisu fi paaspoortii isaa duraanii dabalatee ragaalee laammummaa Itoophiyaa deebisaanii argachuuf labsiidhaan gaafataman guutee erguu isaa xalayaa kana irratti eerameera.