Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Girmaa Guutamaa: 'OMN fedhii saba Oromoo dura aansee hojjechuu itti fufa'
Jawaar Mohaammad KFO'tti makamuu hordofuun rogeessiifi xiinxalaan siyaasaa Girmaa Guutamaa dareektara olaanaa OMN ta'uun muudamaniiru.
"Amma bifa idilee ta'een itti dabalame malee, maatiidhuma OMN ture," kan jedhu Obbo Girmaan, gaaffii boordiin OMN dhiyeesseef simate direektara olaanaa OMN akka ta'e BBC'tti himeera.
Qophii Gaaddisa Raaba-Doorii qabsoo siyaasaa waggoota darban adeemsifamaa ture keessatti dhiibbaa guddaa fideera ittiin jedhu bu'ureessuu irraa eegalee waggoota shanan darban maatii OMN ture jedha Girmaan.
Kun miidiyaa kana hogganuu akka isa dandeesisu dubbata.
Jijjiiramni siyaasaa biyya Itoophiyaa keessatti akka dhufu miidiyaalee shoora olaanaa taphatan keessaa adda dure kan ta'e OMN, waggoota dheeraaf Jawaar Mohaammadiin hogganamaa ture.
Maallaqa uummatarraa funaanamuun kan hundaa'ee fi ammas hojjetaa jiru miidiyaan kun bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa kan duran tureen yeroo adda addaa ugguramaa ture.
Darbees hogganaa isaa waliin shororkeessummaan hanga himatamuu gaheera.
Miidiyaan kun rakkoolee kana hunda dabree sadarkaa har'aa akka gahuuf beekamtii fi gahumsi dhuunfaa Jawaar Mohaammad qooda olaanaa akka qabu yaada namoota hedduuti.
Bakka Jawaar bu'anii miidiyaa kana itti fufsiisuun hin ulfaatu jennee kan gaafanne Obbo Girmaan, "OMN miidiyaa hawaasaa ta'eera, uummanni ni waliin dhaabbata jennee amanna" jedhe.
Maaltu jijjiiramuuf deema?
"OMN 'activist media' dha. Miidiyaa loogummaa sabaa qabu. Loogummaa siyaasaa hin qabnu. Kana jechuun fedhii saba Oromoo dura aansinee hojjenna. Kana ittuma fufna."
Haa ta'u malee tokkumaa sabootaatti ni amanna, san cimsuuf ni hojjenna jedha.
Saboonni walitti dhiyaatanii, mirga isaaniitiid dubbatanii akka tokkummaa jabaa qabaatan ni hojjenna jedhe.
"Tokkummaa sabaa malee tokkummaa lafaatiin hin amannu" jedha.
"Haa taatuuti 'professionalism' daran itti dabaluu feena gara fuulduraatti."
Filaannoo dhufu irratti...
Qooda OMN filannoo dhufu irratti taphachuuf adeemu kan gaafatame Obbo Girmaan, "fedhii paartii osoo hin taane fedhii sabaa jiddugala godhannee adeemna" jedha.
Paartilee Oromoo jiran hunda ija walfakkaataa tokkoon tajaajilla jedhe.
OMN miidiyaa seena qabeessa kan jedhu Obbo Girmaan, amma dura waliin hojjetaa turuuttis ta'e amma hogganuuf hiree argachuutti gammachuu guddaa qabaachuu hima.
Itti fufiinsaan miidiyaan kun fedhiifi faayidaa Oromoo ol baasee akka dubbatu waan danda'u akka hojjetus hima.
OMN raadiyoo banuuf toora tamsaasaa 'airwave' gaafatee mootummaa irraa deebii hin arganne kan jedhu Girmaan, dameelee OMN bakka adda addaatti banaman jabeessee hojiitti galchuuf karoora qaba jedhe.