Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Brexit: UK'n Gamtaa Awurooppaa keessaa baahuuishee labsite
Miseensummaa waggoota 47 booda UK'n eda galgala Gamtaa Awurooppaa keessaa baatee jirti. Kuni kan tahe gamticha keessaa bahuuf erga sagalee kennitee waggaa sadii booda dha.
Guyyaan seenaa qabeessi kuni halkan sa'atii shanitti kan labsame yoo tahu miira lamatu uummata irraa dubbifameera. Warreen gamticharraa bahuusheetti gammachuun ayyaaneffataniifi warreen mormii agarsiisan.
Warri Iskootilaand Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuu hin qabduu jedhanii kan morman yoo tahu kanas dungoo gaddaa ibsuun agarsiisaniiru. Warri Brexit deeggaran immoo Addabaabaayii Landan Paarlaament Isquweer jedhamutti bahanii sirbaa ililchaa turan.
Booriis Jonsan biyyattii tokko taasisuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf kakateera.
Gamticharraa bahuunshee otoo hin labsamiin daqiiqaa muraasa dura ministirri mummee biyyattii, ''Yeroon kun namoota baayyeef yeroo ajaa'ibaa ni taha jedhanii hin yaadneeti,'' jedheera.
''Dhugaa dha namoonni immoo sodaan itti dhagamuufi miira mo'amuu qabaatan ni jiraatu, kaan immoo jiru, waldhabdeen siyaasaa kun ni goolabaamaa laata jedhanii kan yaadda'an turan,''
''Miira kana hunduma nan hubadha, akka ministira mummee biyya kanaatti hojiin koo biyyattii tokkummeessuufi gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu dha,'' jedhan.
Gamtaan Awurooppaa ciminaafi ga'umsa ajaa'ibaa qabu wajjin waggoota 50f geeddaramaa as gaheera, kana booda garuu biyya kanaa waliin wal hin simu.
''Halkan kana kanan jechuu barbaadu kuni xumura otoo hin taane, jalqaba dha,'' kanamalees, ''yeroo haaromsaafi jijjiirama biyyaalessaati,'' jedheera.
Gulaaltuun Siyaasaa BBC Laawuraa Kaasanbarg, amma waggaa 40 booda addabaaneerra-gaa'illii UK fi EU diigameera- manaa fi kaffaltiiwwan garaagaraa garuu ammallee ni hirmaatu.
Gaaffiiwwan UK fuulduratti dhufan, waliigaltee daldala bilisaafi michooma dhimma nageenyaa tahuu malu, jetti.
Kana booda maaltu taha?
Lammiileen UK kana booda biyyattiin miseensa Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuushee karaa garagaraan hubachuu jalqabu.
Hanga biyyattiin yeroo ce'umsaa ishee Mudde 31, xumurtuutti seeronni Gamtaa Awurooppaa kanneen akka bilisummaa bakka tokkoo iddoo biraatti socho'uu ittuma fufu.
UK Gamtaa Awurooppaa waliin waliigaltee daldala bilisaa dhaabbataa taasisuuf kaayyeefachaa jirti, isa akka Kaanaadaa gamticha waliin qabduu jechuu dha.
Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa gara yeroo kanatti waliigalticha argachuuf qoramaanni ishee eeggataa jedhaniiru.
Kanamalees hoggantuun gamtichaa Arsallaa Voo Deer Leeyeen lammiilee UK gamtichi akka cimuuf ga'ee isaanii ba'anii darban yaadatteetti. UK gamticha keessaa bahuun miira cimaa ture jetteetti.
Guyyaan UK'n Gamtaa Awurooppaa keessaa baatu kanaan yaadatama
- Alaabaan biyyattii dhaabbata Gamtaa Awurooppaa Biraasalis jiru irraa ni kaafama.
- Kaabineetiin biyyatti Sandarlaand keessatti wal ga'a, 'Brexit yeroo jalqabaaf kan deeggare Sandarlaand dha.
- Paawundiin saantima 50 guyyichi yaadchuuf hojiirra ooluu jalqaba.