Filannoo Waliigalaa 2019: UKn waggaa shan keessatti si'a sadiif filannoo taasifte

UKn waggaa shan keessatti filannoo waliigalaa si'a sadiif gaggeessuutti jirti.

Dorgommiin filannoo kun baatii Muddee keessa gaggeeffamuudhaan erga waggoota 100 as isa jalqabaa yoo ta'u, filannoo bara 2015fi 2017 keessa gaggeeffametti aanee kan raawwatedha.

Buufataaleen filannoo guutummaa Ingilaand, Weelsi, Iskootilaandiifi Ayerlaandii Kaabaa ganama sa'atii 07:00 GMT eegalee banameera.

Erga buufata filannoo sa'atii 22:00 GMT irratti cufataniin booda, lakkoofsi sagalee yeroodhuma sana jalqaba.

Bu'aan filannoo kanaas harki caalaan Jimaata gara ganamaa beeksifama jedhamee eegamaa jira.

Teessoon waliigalaa miseensota mana maree 650 filannoo waliigalaa kanaan guutamuuf kaadhimamaan sagalee caalmaa argate bakka bu'ummaa isaa ni mirkaneeffata jechuudha.

Bara 2017, Wiirtuun Niiwuukasil eenyu akka mo'ate filannoon xumuramee sa'atii tokko keessatti beeksisuu danda'anii ture.

UK keessatti filannoon waggoota afuriifi shan keessatti gaggeeffamuun beekama. Haata'u malee, Onkoloolessa keessa, filannoon miseensota mana maree ariifachiisaan gaggeeffamee ture.

Filannoon ammaa kun Ganna keessaa gaggeeffamuun erga bara 1974 kan jalqabaati. Akkasumalleen, baatii Muddee keessa gaggeeffamuudhaaf ammoo erga bara 1923 isa jalqabaadha jedhama.

Akka seera biyyattiiti namni umuriin isaa waggaa 18 guuteefi isaa ol ta'e filachuu ni danda'a.

Kan filatanis, lammilee Biriitish, kan Koman Walziirraa ykn Rippabilika Ayerlaandiirraa uulaagaa lammummaa guutanii argatanii filachuudhaaf galmaa'anidha. Galmeen Sadaasa 26 ture kan xumurame.