Mana Murtii Olaanaa: Paarlaamaa dhorkuun seeraan ala ture

Murtee ministirri muummee UK Booriis Jahnson paarlamaa dhorkuuf ture Manni Murtii kuffiise.

Obbo Joohnson baatii kana keessa paarlaamaan biyyattii torban shaniif akka dhorkamu ykn yaa'iin isaa akka addaan cituuf taasisanii ture.

Manni murtii garuu yeroo Brexit Onkoloolessa 31 gaggeeffamuuf deemaa jirrutti parlaamaa hojii idileesaarraa dhaabsisuun dogogora jedhe.

Pirezedaantiin Mana Murtii Olaanaa Laadii Halee aka jedhan: "dhiibbaa inni bu'uura dimokiraasiirratti qabaatu gara malee cimaadha."

Waajjirri Ministeera Muummee ammoo akka jedhetti: "Murtee kanaaf deebii malu qopheessaan jira."

Obbo Joohnson akka jedhanitti parlaamaa kana hojii idilee isaarraa kan addaan kutuu fedhan imaammatawwan mootummaa isaa haarawaa ifa godhachuudhaaf jecha Haasawaa Giiftii dursee raawachuuf ture.

Warreen isaan qeeqan garuu miseensota mana maree hojiirraa dhaabuu fedhuun isaa karoorawwan irratti akka isa dura hin dhaabbaneef jedhu.

Miseensota mana maree keessaa namoonni akka ministirri muummichaa aangoo gadhiisaniifi miseensonni paarlamaa hojiitti isaaniitti atattamaan deebi'aniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gaggeessaan Paartii Labarii Jermii Korbiin gama isaaniitin akka jedhanitti, murteen seeraa kan Obbo Joohanson "dimokiraasiidhaaf bakka akka hin qabne" agarsiiseera. "Ani seenaadhaaf akka ta'utti, Booriis Joohnson gita itti gaafatamummaa isaa kana akka keessa deebi'ee ilaalun jedha. "

Murtee dhumaa yeroo dubbatanitti, Pirezedaantiin Mana Murtii Olaanaa Laadii Haalee akka jedhan: "dhiibbaa inni bu'uura dimokiraasiirratti qabaatu gara malee cimaadha."

Itti dabaluunis akka jette: "Murteen Giiftiin akka paarlaamaa addaan kutu taasistuuf gorsuun seeraan ala sababiin isaas paarlaamaan akka hojii isaanii hojjechuu sodaatan gochuu ykn sababii qabatamaa tokko malee hojii seeraan itti kenname hojjechuu isaan dhorka."

Af-ya'iin Mana Maree Joohon Berkow murteen kun sirrii akka ta'e himanii "paarlaamaan osoo hin turiin walga'uu qaba" jedhan.

Itti dabalaanis Af-yaa'ichi "akka dhimma ariifachiisaatti," gaggeessitoota paartii mari'achuuf jira.