Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obboleessi MM UK garaagarummaa ilaalcha siyaasaan aangoo gadhiisan
Obboleessi Ministira Muummee UK garaagarummaa ilaalcha siyaasaa 'Brexit' irratti obboleessa isaanii waliin qabaniin aangoo gadi lakkisan.
Jo Joonsan obboleessi Ministira Muummee UK Booris Joonsan miseensa paarlaamaa UK keessaa akka bahan himan.
Jo Joonsan Baha Landan Kutaa Orpiingitan bakka bu'uun miseensa paarlaamaa paartii Konservaatiiv tahuun filamuun waggota 9'f tajaajilaa turan
Dabalataan ministera Biizinasii tahuun kan hojjetaa turan amma akka dhaaban himan.
Joo Joonsan bara 2016 keessa UK'n akka Gamtaa Awurooppaa keessa turtuuf yoo filatu obboleessi isaanii Booris Joonsan ammoo akka gamticha keessaa baatuuf adda durummaan hojjetaa turan.
Bara darbes yeroo Teresa Meey UK gamtaa Awurooppaa keessaa baasuuf hojjetaa turte aangoo ministirummaa gadlakkisee ture.
Booda yeroo obboleessi isaa Booris Joonsan dursaa paartii Konservaatiiv tahuun filatamu hojiitti deebi'anii ture.
Amma garuu fedha biyyaa fi amanamummaa maatii gidduutti ilaalchaa yaadaa uumame hiikuu waan hin dandeenyeef akka miseensa paarlaamaa keessaa bahan himan. Dabalataan hojii ministirummaa itti kennames dhaabaniiru.
Obboleessi isaanii hangafaa fi Ministirri Muummee UK Booris Joonsan nama cimaafi dandeettii addaa qabu jechuun tajaajila kennaa turaniif Jo Joonsan galateeffataniiru.
Gulaaltuun Siyaasaa BBC Lawuraa Kusenbergi nama akka Joonsan paartiinis tahe paarlaamaan biyyatti dhabuun kasaaraa guddaadha jette.
Obboleettiin isaanii Raahel Joonsan amma maatiin keenya ajanadaa siyaasaa [Brexit] Uk Gamtaa Awurooppaa keessaa baasuu maaddii ykn irbaata irra teenyee odeessuu dhiisneerra jette.
Sababni isaa immoo obbolaawwan kunneen hundi siyaasa biyyattii keessatti bakka gurguddaa keessa waan jiraniif.