Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2020: 'Nuti michuu nagaati, warri nagaa booressitan nurraa dhaabbadhaa,'ABO
Hayyu Dureen Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa dhaabni isaanii gucaa nagaafi dimoiraasii qabatee deema jedhan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFOn) ammoo Hararitti waltajjii bal'aa qopheeffachuun ummata waliin marii jajjaboo taasisaniiru.
ABOn magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti sagantaa 'Barii Finfinnee' jedhu qopheeffateerratti haasaa taasisaniin Obbo Daawuud: " ABOn eenyumaafuu diina miti, fira malee. Nuti michuu nagaati malee, warra nagaa booressan miti waan taaneefi warri nagaa booressitan nurraa dhaabbadhaa!"
Sagantaa kanarratti Qeerroofi Qarree, jiraattonni finfinneefi naannawaa Finfinnee hedduun irratti argamaniiru.
Obbo Daawud Ibsaa saganataa 'Barii Finfinneerratti' maal jedhan?
Erga biyya galanii waggaa tokkoofi ji'a shan keessatti galma guddaa keessatti walga'ii guddaa akkasii kan qopheeffatan yeroo jalqabaaf akka ta'e sagantaa kalalttii OMN tamsaasu kanarratti Obbo Daawud ergaa jajjaba ta'e deggertootaafi ummata Itoophiyaaf dabarsaniiru.
Hundeefama ABO, bu'aa ba'ii dhaabichi keessa darbe, bu'aawwan qabsoon isaa argamsiise, sagantaa siyaasa isaa ijoo ta'aniifi filannoo dhufurratti eenyurraa maaltu eegama kanneen jedhan ibsaniiru Obbo Daawud.
Akka ABOtti nageenyi barbaachisaadha jennee amanna kan jedhan Obbo Daawud, "Ummanni Oromoo ummata nagaa jaallatudha. Sabaafi sablamoota isa keessa jiraatanis nagaafi kabajaan ummata waliin jiraatudha.
Kana waan ta'eef, ABOn ummata nagaa barbaadan hunda waliin michummaa tolfachuun hojjeta. Kun nuuf beekamuutu barbaachisa," jedhan.
Itoophiyaan mootummaa argattee hin beektu kan jedhan Hayyu Dureen ABO, gara fuula duraatti mootummaa ummata bulchu filachuun, humna ittisaafi nageenyaa ummataa eeguufi heera mootummaatiif hojjetu hundeessuu feesisa jedhan.
"Nagaan ummataa akka hin boorofne, humni ittisaa nageenya ummataa eegsisuufi heera mootummaa kabajamu akka hundeeffamu amarra hojjetama."
Ummanni Oromoo ofiisaa gidduutti tokkummaa qabaachuufi ummatoota biroo isa keessa jiraatan jaalalaafi kabajaan waliin jiraataa ture daran akka cimsatuuf ABOn xiyyeeffannaa addaatiin akka hojjetullee kaasaniiru.
ABOn ar'allee taanaan ummataafi ummataa gidduu rakkoon akka hin jirreefi warra siyaasaatu nagaa booressa jedhee amana jedhan.
Tokkummaafi Sabboonummaan Oromoo bu'uura
"Tokkummaan Oromoo Sabboonummaa Oromoorratti kan hundaa'edha," kan jedhan Hayyu Dureen ABO, kun ammoo tokkummaa Itoophiyaatiif kan barbaachisuufi bu'uura ta'udha jedhan.
"Tokkummaa Oromoofi Sabboonummaa Oromoo jeequun dhaabbachuu qaba.
Tokkumaafi Sabbaanummaan Oromoo ititee jiraachuun ammoo tokkummaa Itoophiyaaf murteessaadha.
Kanaaf, kan tokkummaa isaa [Oromoo] booressuu barbaadaniifi saboota biroo waliin walitti buusuu barbaadan of qusachuu qabu."
Dubbii isaanii keessattis dhimma federaalizimii yeroo kaasan, qabsoo bilisummaa waggaa dheeraa gaggeeffameen bara 1991 jijjiirama mootummaa taasifameee sirni federaalizimii akka diriiru yaalame keessatti ABOn ga'ee guddaa qaba ture jedhan.
"Haata'u malee, federaalizimiin diriire sun hojiirra oolchuurratti rarra'ee hafeera. ABOn amma sirni federaalizimii diriire sun kan gara fuula duraatti ceesisu ta'uu qaba jedhe amana."
Waa'ee filannoo
Sirni filannoo dhugaafi haqaa akka jiraatu falmaa hojjetaa akka jiran ibsuun, ammas jabeessinee hojjenna jedhan. "Sirna dimokiraasiin akka biyya kanatti guddatu kan barbaadan nu waliin akka hojjetan waamicha ni goona.
Milkaa'ina kanaaf, Boordii Filannoo, mootummaafi paartilee siyaasaa waliin ni hojjenne.
Mootummaan ammoo sochii paartii kanaa osoo hin danqiin, humni nageenyaa nagaa ummataa akka tiksuuf jabeessinee gaafanna.
Kanneen mana hidhaa jiran amarraa qabee akka hiikamaniifis ni gaafanna," jedhan Obbo Daawud.
Obbo Daawud haasaa taasian kana keessatti dhimma dinagdee ilaalchisuun ABOn maalirratti akka fuulleefatee hojjetullee ibsaniiru.
Biyyi kun jedhan Obbo Daawud, dinagdee isheerratti yeroo dheeraaf kan saamicha gaggeessaa turan malee kan gaggeessanii ceesisan argachuurratti milkooftee hin beektu.
Kanaaf ammoo sababiin isaa mootummaan itti-gaafatama qabuufi ummataan filatame argattee hin beektu.
"Gara fuula duraa garuu mootummaan umataan filatamaniifi kan ummatichaan to'atamu hundeessuu barbaachisa."
Magaalaa Finfinnee dabalatee rakkoon saamicha lafaafi qabeenyaa mootummoota darbanii daran akka rakkkoon dinagdeefi hawaasummaa hammaatu taasisuu dubbatan.
Magaalaa Finfinnee akka fakkeenyaatti kaasuun, kan karoora hin qabne, akkaataa ittiin balfi maqfamu seeraafi sirnaa ta'e hin qabne, pilaanii qajeelaa kan hin qabee ta'uun isaa rakkoo walxaxaa hawaasarraan ga'aa tureera, ga'aas jira jedhan.
Kana qofaa osoo hin taane, hojiin akka ummanni Finfineefi ummanni Oromoo akka waljibban taasisuu yeroo dheeraaf taasisuun rakkoo jiraattota magaalaa Finfinnee hammeesseera jedhu.
"Lafti saamaman odiiti ta'anii sirreeffamuu akka qaban ni hojjenna. Lafti seeraan alaa saamuu baballachuu, meeshaan waraanaa Finfinnee seenu yaaddoo jiraattotaa magaalattii biraadha. Kanaaf ABON kun akka dhaabbatu cimee ni hojjeta," jedhan.
"Dhimmi Finfinnee yeroo hundaa falamsiisaadha. Finfinneefi ummanni naannoo yeroo hundaa akka walfalmu taasifamaa tureera. Abbaa lafaa moggaatti qabuun rakkkoo uumameera.
Kanaaf, bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebiyee jiraattonni Finfinnee nagana akka jiraatan hojjenna."
Obbo Daawud sirna bulchiinsa ABOn hordofullee bal'inaan kaasanii kallattii akkamiitiin akka hojjetan deggertootaaf ibsaniiru.
Misooma magaalaa, qote bulaafi horsiise bulaa sagataa isaanii keessatti maal akka fakkaatus agarsiisaniiru.
Sivil sarvisiin biyya kanaa kaadireefi siyyaasa irraa bilisa ta'ee ummata tajaajilee hin beeku kan jedhan Hayyu Dureen ABO, ogummaafi beekumsa irratti hundaa'uun uumataafi biyya tajaajilu akka ta'uuf cimsinee akka hojjetan himan.
Dhimma Qeerroofi Qarreen kaasuunis kan akka shaamaa baqanii ummata jiraachisanidha jedhan.
"Waggaa afuriifi shan keessatti wareegama isaan baasan Oromiyaafi Amaaraa keessatti cimaa ture. Galataafi gatii isaaniif malu argachuu yaa turuutii maqaa balleessiifi arabsootu isaanirra jira. Kana waan ta'eef ammoo, gara fuula duraatti siyaasafi dinagdee keessati adda durumaan akka hiramaatan ni hojjeta," jedhan.
Sagantaan ABOn Galma Barkumeetti qopheffate kanarrattis Ilfinash Qannoo dabalatee artistoonni Oromoo argamuun miidhagsaniiru.
Itti-aanaa Dura Ta'aa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Baqqalaa Garbaafi aanga'oonni paartilee siyaasaa michootarraa ta'an heddunillee hirmaataniiru.
Hararitti ammoo jilli KFO Piroofesar Mararaa, Obbo Jawaar Mohaammadiifi aanga'oota paartichaa biroo keessatti argaman hawaasa bal'aa waliin dubbataniiru.
Obbo Jawaar haasaa Hararitti taasisee kan namoonni Feesbuukiirratti waliif qoodaniin akkas jedheera.
"Sochiin aaadiifi eenyummaa Oromoo, sochii Afran Qallootiin Biyyee Adaree kessatti eegale. Sochii gafas eegalee har'a ittiin boonnulle…ni kabajnee sabaafi sab-lammii nu keessa jiru kabajnee akkanatti bareedne mul'anna," jedhe.
Waggoota muraasa dura qabeenya keenya jimaa, keenya kuduraafi fuduraa keenya qonnan bulaan keenya qotee daldalaan keenya daldalee alagaatu itti fayyadamaa ture jedhe.
"Qabeenyaa keenya irratti abbaa ta'uudhaaf, aadaa keenya guddifachuudhaaf, Oromummaa keenya guddifannee sabaafi sablammii nu waliin jiran wajjin wal haammannee jiraachuu yoo dandeenye gaaffii Oromoo mootummaa ummataan filame nuu haa bulchu isa jedhu deebisa.
Mootummaa ummataan ajajamu dhaabuu qabna."
Gumaa gootota Oromoo yoo ba'uu feetaan filannoo kana irratti kan isiniif ta'u kan abbootii amantaa kabaju kan Qeerroo kabaju filachuu danda'u qabdu jedheera Jawaar.
Filanno kanaratti Piroofesar Maraaraa, Obbo Baqqalaafi Jawaar irraa amantaa qabaattanii yoo sagalee nuuf kennitaan akka fedhii keessaniitti isiniif ajajamuuf jirraa jedheera.
"Nuti Oromootiin nu qofatu siif beeka hin jennu. Kanaaf, nuti ABO fi PBO waliin taanee sagalee Oromoo akka hin hirmanetti, Oromoon tokkummaan tokko akka filatutti filannoo kana seennne jirra.
Oromoon shilinqii miti hin sharafamtu Oromoon tokkodha."
Dabalataaniis obboleewwaan sabaafi sab-lammii waliin jiraannuu wajjiin akka durii nagaan haa jirannuu malee warra amantaafi sabaan nu qooduu barbaadan dhaga'uu hin qabnu jechuun dhaamaniiru.
"Oromumaan keenya tokkoo amantiin keenya adda adda waan ta'eef hunduu akka amantii keessaniitti Oromoof kadhadhaa."
Uffanaa aadaa saba halaabaa uffatee kan ture Jawaar uffannaa kana ayyaana sabichaa guyyicha kabajamaa jiru kabajuuf akka ta'e dubbateera.
"Nuti akka KFOttis ta'e akka qabsaa'oota Oromoottis aadaa keenya hin xuqiinaa jenne malee kan namaa hin xuqnu, ni kabajna waliin guddifannee waliin adeemna," jedha
Qabsoo ummataa kibbaa akkuma kan Oromootti qabsoo mootummaa ummataan buluu taasisan ni deeggara jedha.
Filannoo kanaaf nuun filadhaa qofa hin jennu, nama isiiniif ta'u isinitu beeka kanaaf nama barbaaddan yoo nutti himtan bakka bu'aa paartii keenyaa isiniif goochuu dandeenya jechuun dubbateera.
Hayyuufi beeka isin uummaati filattan barsiifnee, guddiifne biyya waliin bulchiina malee nama hattuufi soobdu kanumaan isinitti hin erginu jechuun maqaakoofi maqaa KFOn waadaa isinii seenna jedhaniiru.