Pireezidaantiin Yugaandaa imala bosona keessaa guyyoota ja'aa eegalani

Madda suuraa, AFP
Pireezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii bakkeewwan yeroo hidhannoon qabsaa'aanitti bosona keessa turaniifi daandii irra deddebiyaa turan yaaadachuuf jecha gara bosonichaatti imala guyyoota ja'aa gochuuf manaa bahaniiru.
Pireezidaanti Yuweerii Museeveenii erga Idii Amiiiniifi Miltoon Oboteen kufanii booda bara 1986 aangoo qabatan.
Qeeqxonni garuu gocha Pireezidaantichaa kanaan filannoo Yugaandaan waggaa dhufu gaggeessituuf dursanii 'Na argi' jechaa jiru jedhu.
Pireezidaanti Museeveeniin filannoo bara dhufu biyyattiin gaggeessuuf jirtu kanarratti marsaa ja'affaatiif filatamuun aangoorra turuu barbaadu.
Pireezidaantichi filannoo dhufu kana irratti shubbisaa beekamaa kan ture Boobii Waayinirraa, morkii jabduuti isa eeggata jedhameera. Boobii Waayin ammoo quuqama harka-qalleeyyii kan qabu godhee of mul'isaa jira.
Pireezidaanti Museeveeniin imala isaanii guyyaa ja'aaf bosona keessa taasisuuf jalqaban magaalaa gama lixa biyyattii jirtu Biremboo jedhamturratti xumura.
Magaalattiin kun bakka lolli hamaan garee finciltootaa Obbo Museeveeniin durfamuufi loltoota pirezedaantii duraanii biyyattii Obotee gidduutti gaafa Amajji 10, 1986 itti gaggeeffame ture.
Pirees Sakirirtaariin Pireezidaantichaa Doon Waniyaamaa, AFP'tti "imalli kun kan Pireezidaantichi dura deemuun gaggeessanidha. Kunis imala karaa bara durii keessa darbuun waan amma jiru dinqisiifachuudha."
"Imalli kun torban tokkkoof bosona keessa kan taasifamudha. Kun ammoo bosona warri Museeveeniin durfamuun biyyatii bilisa baasan faana dhahuun ta'a" jechuun himani.
Obbo Museeveeniin yeroo ammaa ga'eessa ganna 75 yoo ta'an akka Afrikaatti bulchaa biyyaa hunda caalaa aangoorra turan ta'aniiru.
Obbo Waayin kan maqaa dhugaasaa Roobart Kayagulaanyi AFP'tti deemsi pirezidaantichaa "faayidaa dhabeessa" ture jechuun himeera.
"Maallaqa kaffaltoota gibiraa deemsa akkanaarratti balleessuura obbo Museeveeniin yeroo kun kan aangoorraa bu'uu akka ta'e beekuu qaba," jedha Waayin.
Bakka bu'aan mormituu Asumaan Baasalirwaanis gamasaatiin deemsa kana "duula na filadhaati" jedheera.
"Lammiileen Yugaandaa pireezidaantii bosona keessa imalu caalaa nama fooyyee qabu isaan barbaachisa, " jedheera.
"Yeroon kan wantoota biyyaatti miidhaa jiran irratti dubbannudha keessumaayyuu kan pireezidaantichi aangoosaarraa akkamitti bu'u akka qabu kan karoorsu ta'u qaba."














