Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni kuma hedduu Jarmanitti 'password' imeelii isaanii sirreefachuuf hiriira dhaabbatan
Baratoonni Jarmanii 38,000 tahan erga odeeffannoon kompitara isaanii hatameen booda 'password' geeddarsiisuuf hiriira akka qabatan gaafatamaniiru.
Barattoonni Yunivarsiitii Laaybig eenyummaa isaanii qaamaan akka mirkaneessan seeraan gaafatamaniiru.
Yakki odeeffannoo kun erga raawwateen booda guutummaan yunivarsiitichaa 'offline' (Inatneetaan ala) tahee tureera.
Yunivarsiitichi mudannoo kana gargaarsa Wiirtuu Qorannoo Cyber Security Jarmanii waliin taanee qorachaa jirra jechuun barattootatti himeera.
''Barattoonniifi hojjettoonni 'password' isaanii qaamaan dhufaniitu fudhachuu qabu jedhe yunivarsiitichi.
Barattoonni waraqaa eenyummaa isaanii jiimii yunivarsiitiitti akka fidan gaafatamaniiru.
Akka sagantaan maxxanfame mul'isuttii yoo tahe kana rawwaachuudhaaf guyyaa shan guutuu fudhata.
Hangasitti garuu yunivarsiitichi filaashii(USB sticks) qopheessuun hojjettoonni kompiitara isaanii vaayirasii irraa akka eegan gochaa jira.
''Vaayirasiin gosa lamaa akka faale yaadamaatu jira, sirriitti maaltu akka uumamae garuu namni beeku hin jiru,'' jedhan Pirof Alan Wuudwaard Yunivarsiitii Saareey irraa.