Shihori Ito: Namtichi gaazixeessituu Jaappaan gudeeduun himatame $30,000 akka kaffalu itti murtaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Manni Murtii Jaappaan rippoortarri TV beekamaan gaazexeessituu gudeeduun himatae yeenii mil 3.3 ($30,000) akka kaffaluuf itti murteesse.
Shihorii Itoon akka jettetti namni Noriyuki Yamaguch jedhamu yeroo isheen qorichaan akka of wallaaltu taasifamtee jirtutti bara 2015 ture kan ishee gudeede.
Abbaan alangaa galmee himannaa yakkaa banuudhaaf ragaan quubsaan hin jiru jedhee dide ture.
Aadde Itoon sababii kanaaf mallattoo duula #MeToo jedhamu dubartoota miidhaan saal-qunnamtii irra ga'e akka addunyaatti gaggeefamu ta'uu murteessite.
Duulli kunis rakkoo tutuqaa saalqunnamtii dubartoota irratti raawwatamu ifatti baasuun hedduu gumaacheera.
Keessumaa biyya Jaappan keessatti namoota muraasatu miidhaa kana gabaasa (himata) waan ta'eef yakka akkasii kana saaxluuf duula #MeToo kun Aadde Itoon dabalatee baayyee gargaareera.
Sababii kanaan akkuma mana murtiirratti deebitee akka mo'attu ta'uu isheetiif dubartiin ganna 30 Itoon injifannoo argatte kanaan booda 'gammachuutu natti dhaga'amaa' jettee dubbatte.
Haata'u malee, ripportarri gudeeduun himatame Yamaguchiin himannaa kanahaaluun ol iyyannoo akka gaafachuf jiru dubbate.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Itoon himattuutti Yamaguchi namni ganna 53, MM Jaappaan Shinzoo Abee wajjiin walitti dhiyeenya qabachuun isaa himamu kun dubartii kana bara 2015 carraa hojii akka argachuu dandeessuu itti himuuf laaqana affeere.
Isheenis, shakkamaan kun qorichaan of wallaalchisuu akka hin oolle himatti. 'Wayitaan kutaa hoteelaa keessatti ofbaru ofirrattin arge' jette.
Itoon wayita gudeedamuun himatte kun ishee mudattetti tajaajila oduu Rooyitarsitti muuxannoo hojii argachuuf leenji'aa akka turte himte.
Obbo Yamaguchiin hoogganaa midiyaa buufanni isaa Jaappan keessa ta'e Tokyo Broadcasting System jedhamuti.
Qorannoon poolisiin yeroo rakkoon kun uumame jalqabee ragaan quubsaan dhibuu isaatiin addaan citee ture.
Ragaan mootummaan biyyatti bara 2017 sassaabe akka mul'isutti ,namoonni gudeeddiin irra qaqqabu poolisiitti himatan harka afur qofaa jedheera.

Shihorii Itoo himanna wayita bantu Obbo Yamaguchiin beenya ($100,517) ykn Yeenii Jaappaan mil 11 akka kaffaluuf ture.
Yamaguchin himannaa gudeddii irratti dhiyaate ilaalchisee dogoggoran hojjadhe hinqabu, anis isheen yeenii mil 130 ($1,187,941) akka kaffaltuu barbaada.
Amma garuu ,doolara 30,000 miidhaa irra qaqqabeef beenyaa akka kaffaluuf itti murtaa'era.
Seerri Jaappaan gudeeddiirratti qabdu abbaan alangaa dorsifni ykn jeequmsi miidhama mudachuusaa adda baasu akka ibsa.


















