Qarshiif jecha 'hiriyyoota abbaakootu na gudeede'

Madda suuraa, NEBULA MP
Torban torbanin waggoota lamaaf dhiironni mana dhufanii ishee gudeedaa akka turan daa'imni ganna 12 gorsitootatti himte. Walakkaa namoota daa'ima kanarratti yakka kana raawwataa turanii abbaan ishee ni beeka ture.
Akeekkachiisa: Odeessi kun barreeffama dubbistoota muraasa jeequu danda'u qaba.
Daa'imni ganna 12 akka jettutti, wanti amma nutti himuuf jettu kan eegale abbaan ishee dhugaatiif manatti kessummoota affeeruu erga eegale boodadha.
Dhirronni dhugaatiif mana isaanii dhufan fuuldura maatii isheetti ishee qoccolu turan.
Takka takkammoo, akka isheen jettutti, dhiroonni kunneen kutaa tokkittii mana isaanii jirtuufi siree tokkitti qabaniifi moofofte irratti haadha ishee waliin ni ciisu.
Achiiti gaafa tokko, akka isheen yaadatutti, abbaan ishee kutaa takkitti kanatti nama tokko waliin ishee darbatee galchee alaan itti cufe. Namichis ishee gudeede.
Ergasii ijoollummaan abjuu hamaatti jalaa jijjirame.
Abbaan ishee dhiroota waame, ishee waliin akka ciisan haala mijeessaa qarsii sassaaba ture.
Gorsitoonni boodarra kana hubatan ishee gaaafatanii akka isheerraa baranitti hanga yoonaa yoo xiqqaate dhiirota 30'n gudeedamteetti.
Abbaan shamarree kanaa takka takka guyyaatti Ruuppii Hindii 1,000 (dolaara 14, ykn Birrii 440) argataa ture haati daa'imaa ni himti.
Fulbaana 20 oduu barsiisota irraa dhaga'ameen gareen nageenya daa'immanii hordofu mana barumsaatii ishee fuudhee gaaddisa daa'imman miidhaan saalaa isaan qunnametti geessaniiru.
Qondaaltonni garee kanaa akka jedhanitti qorannoo fayyaa taasifamen kan irratti raawwate gudeeddii ta'un isaa mirkanaa'eera.
Dhimma kanaan walqabatee dhiironni afur, abbaa ishee dabalatee to'annoo jala oolaniiru.
Gudeeddii, xuxxuqqaa saalaafi daa'ima galii irraa agachuuf taasisan jedhamanii himatamaniiru.
Hundumtuu wabii dhorkamaniiru.
Dhiironni shan biroo abbaan ishee beeku jedhamanii shakkaman gudeeddiifi xuxxuqqaa saalaa raawwachuun shakkaman ammoo poolisiin barbaadamaa jiru.
Qorattoonni maqaafi suuraa dhiirota 25 maatiin daa'imaa beeku danda'an jedhame yaadaman daa'ima kanatti agarsiisaa turan.
Garuu, ''fuula tokko isaaniyyu hin yaadadhu,'' jechuun daa'imti kun kan deebiste.

Madda suuraa, AFP
Maatiin daa'ima kanaa magaalaa Kibba Hindii argamtu tokko keessatti jiraatu.
Rakkoo isheen keessa jirtullee kan barame barsiisonni qe'ee isheen keessa jiraattu mana barumsaaf erga beeksisaniifi manni barumsaas gorsitoota erga gurra buuse boodadha
Jalqabarratti waan isheen keessa jirtu baruun rakkisaa ta'us turtii sa'aatii muraasaaf waliin taasisaniin waan keessa jirtu gorsistoota kanaaf himteetti.
Kanaaf tooftaa gorsitoonni kun fayyadaman eeramuu ni danda'a.
Yeroo kanattis kondomii akka fayyadaman ibsite.
Egaa ergasiiti waan ishee keessa jiru baaftee kan dubbatte.
Takka takka abbaan ishee qullaa ishee suuraa ka'un dhiroota ishee bira dhufanitti akka ergu himti.
Jalqaba bara kana ji'a sadiif laguun ishee waan dhaabbateef maatiin ishee rifatanii turan.
Sababa kanaafis mana yaalaa geessanii qorannoo booda qorichi ajajameeraaf.
Gorsitoonni kunneen shamarreen kun gudeeddii irra deddebiin raawwateef akka saaxilamte ibsaniiru.
Ji'oota lamaan darbaniif shamarreen kun gaaddisa shamarran miidhaa saalaaf saxilaman kununsuu keessa kan jiraattu yoo ta'u, abbaan hidhaa waan seeneef haati qofaa hafteetti.
Biyyi Hindii miidhaa saalaa daa'imman irratti raawwatun maqaa gaarii hin qabdu.
Miidhaan kunneen gara caalu namoota midhamtoonni beekan kanneen akka hiriyyaa, ollaa akkasumas kaaniin akka ta'an gabaasni qondaaltotaa ni ibsa.
Gabaasa bara 2017 walitti qabameen daa'imman 10,221 Hindii guutuu keessatti gudeedamu galmaa'eera. Miidhaan daa'imman irratti dhaqqabu kunis dabalaa dhufeera.
Gorsitoonni akka jedhanitti seenaawwan akka daa'ima kanaa dhagahun haaraa miti.
Gorsituun biraa tokko akka jettetti yeroo tokko shamarree umriin 15 taate abbaa isheen gudeedamtee ulfoofte.
Shamarreen abbaaf ulfoofte kun gaaffii gorsituun kun yeroo tokko daa'ima ulfoofte kana akkam goota jechuun gaafatte akkas jechuun deebiste.
"Kan abbaa kooti. Nan guddisaan," jechuun dubbatte.














