Boob Hawuk: 'intallisaanii gudeedamuu himachuuf turte akka dhoksitu gaafatan'

Boobiifi Rooziliin Hawuk bara 2013 keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee duraanii Awustiraaliyaa Boob Hawuk 'himannaa gudeedamuu intalli isaanii dhiyeessuuf turte akka icciitiin qabdu gaafate.'

Intalli Boob Hawuk guddeeddii bara 1980moota keessa narra gaheera jechuun himattullee abbaan ishee bara aangoorra ture sanatti maqaa gaarii hojiin koo qabu gurraachessa jechuun akka isheen callistuuf gaafatanii turan.

Himannaan intalli ministira muummee duraanii Awurstiraaliyaa, Rooziliin Diloon jedhamtu dhiyeessite kun, ragaan mana murtiif dhiyaatee ilaalamaa akka jiru Niwuus Deyiliin gabaaseera.

Akka isheen jettutti, namni bara sanatti ishee gudeedaa ture sun Biil Landeryuu nama jedhamu yoo ta'u, garee paartii abbaa ishee Leebar Paartii keessatti miseensa mana maree kan turedha.

line

Oduu kana waliin walitti dhiyaatan dubbifadhaa:

Abbaan Rooziliin, Boob Hawukiifi namichi ishee gudeedaa ture sun lamaanuu yeroo ammaa lubbuun hin jiran.

Aadde Rooziliin yeroo ammaa umuriin ishee 59 yoo ta'u, qabeenya lafaa abbaa ishee keessaa dolaarri Awustiraaliyaa miliyoonni 4 akka kennamuuf himachaa jirti.

Yaada isheen kennateen, Aadde Rooziliin Diloon, Obbo Laanderyuutiin kan gudeedamaa turte yeroo waajjira isaatiif hojjechaa turtettidha.

Yeroo sanatti ammoo abbaan ishee Hawukiin gaggeessaa Leebar Paartii ta'uudhaaf carraaqaa turan.

Akka ragaaleen agarsiisanitti, bara 1983 keessa Aadde Roozliin miidhaan saal-qunnamtiin si'a sadii irratti raawwatamee ture.

Aadde Roozoliin qorqara karaa bitaan abbaa ishee Boob Hawukiifi haadha warraa isaa Hazeel waliin bara 1987 keessa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Roozoliin qorqara karaa bitaan abbaa ishee Boob Hawukiifi haadha warraa isaa Hazeel waliin bara 1987 keessa

Erga si'a sadiif gudeedamtee booda akka dirqamaan gudeedamte abbaasheetti himuun akka dhimmichas gara poolisiitti geeffachuu barbaaddu itti himtee turte.

Abbaan ishee garuu akkas jechuun deebiseef: "Gochuu hin dandeessu. Yeroo kana keessatti ani dubbii walfalmisiisaafi waldhabdee kaasu akka na mudatu hin barbaadu. Baayyeen gadda garuu gaggeessummaa Leebar Paartiidhaaf dorgomaan jira," jechuu isaa ragaaleen kun ni mul'isu.

Obboleettiin Aadde Rooziliin, Suwee Pi'etirs Hawuk Niiwuu Deyiliitti akka himtetti, maatiin waa'ee himannaa sana quba ni qaba ture.

"Yeroo sanatti namootatti himtee turte. Deebii deggersaatu kennameef ture jedheen amana garuu sirna seeraa hin qabsiifamne malee," jechuun fuula oduu kanatti dubbatte.

Miseensonni maatii ishee biroon ammoo miidiyaa Awustiraaliyaa kanaaf yaada isaanii hin kenninne.

Namichi Aadde Rooziliin gudeedee ture, Obbo Laanderyuun bara 1976-1992'tti miseensa mana maree ta'uun tajaajilaniiru.

Inniifi Hawukeen ammoo yeroo Hawukeen ministira muummee turetti hariiroo gaarii waliin qabaachaa turan jedhama.

Hawukeen siyaasa Awustiraaliyaa keessatti baroota 1980n keessa filannoo walii gala afur mo'achuudhaan nama jabaa baayyee beekamu turan.

Jijjiirama dinagdeefi hawaasummaa bu'uurarraa biyya isaaniitti fiduuf nama beekaman yoo ta'an, dhugaatii biiraa baayyisuunis namoota biratti maqaa hin taanes horatanii turan.