Rakkoo Nageenyaa: Amboo gara galgalaa, cuubeen nama diruun hammaate

    • Barreessaa, Bekele Atoma Boru
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Namoota hedduun akka jidduugala qabsoo Oromootti kan ilaalamtuufi MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimadiin Niwuu Yoorkitti kan fakkeeffamte magaalaan Amboo erga nagaan irraa fagaatee bubbuleera.

Magaalattii keessa nagaan bahanii nagaan qe'eetti deebi'uun yaaddoo guddaa ta'eera jedhu jiraattonni BBC'n dubbise.

'Amboo gara galgalaa lafatu gaggaragalaa' jedhamee kan weellifameef magaalaan guddoo Godina Shawaa Lixaa Ambo, har'a akka weellifameef hin jirtu.

Aduun dhiinaan miilli hunduu gara qe'eetti ariifata. Manneen daldalaa ni cufamu, geejjiba argachuunis rakkisaadha.

Sadaasa walakeessa torbee tokkoof Amboon ture. Rakkoo Ambo jiru waanan argeefi taajjabe akkasumas namarraa iyyaafadhe kunooti.

Odeessaalee magaalaa Amboo irratti xiyyeeffatan biroo:

Gamteessaa Riqitaa waggoota dheeraaf magaalaa Amboo keessa jiraateera. Wayita ammaa magaalaa Finfinnee jiraata.

Ambotti namoota hin beekamneen karaa irratti cuubeen waraanamuu isaa odeeffannoo marsaa hawaasaa irratti maxxanfame argeen iyyaafadhee dubbise.

Booyichaaf Ambo dhaqee maatii bira bulee, Dilbata Sadaasa 21, Wiixatatti kan bari'u obboroo sa'aatii 11:15 irratti Finfinneetti deebi'uuf manaa bahe.

Osoo badaa hin fagaatiin magaalaa Amboo ganda 02 iddoo 'gabaa baqqalaa' jedhamuun beekamutti "namoonni uffannaa addaa uffatanii fi ani eenyummaa isaanii hin beekne 8 natti marsan" jedhe.

"Namoonni lama shugguxii qabatanii jiru, sadan isaanii ammoo saanjaa/cuubee baatu, kan hafan sadi ammoo ulee shimalaa baatu."

"Inni tokko utaalee na qabee, irree koo gubbaa cuubeen na waraane. Warri kaan ammoo kootiin uffadhee jiru dabalatee waanan of harkaa qabu hunda na saamanii achumatti na dhiisanii deemani."

Bilbila harkaa, qarshii 1500 fi faaya mormaa warqee giraama 20 ta'u akka saamame natti hime.

"Dukkana keessaa bahanii na qaban, humni isaanii akka nama kaanii kan ofirraa ittisuu dandeessu hin turre" jedha.

Dukkana waan ta'eef sirriitti hubachuu akka hin dandeenye, haa ta'u malee 'shirrixii fi wayyaa kan militarii fakkaatu' uffatanii akka turan natti hime Gamteessaan.

Erga inni waraanamee torbee tokko osoo hin guutiin namoonni biroo sadi haaluma kanaan Ambo keessatti waraanamuu isaanii akka dhagahes dabalee natti hime.

"...osoo namni hin waraanamiin hin oolu"

Anis torbee tokkoof wayitan Ambo ture al lamaa sadi namni karaa irratti cuubeen waraanamuu dhagaheen ture.

Gochi meeshaa qara qabuun nama diruu kun magaalaatti keessatti bifa ammaan dura hin baramneen hammaateera.

Jiraataan magaalaa Amboo ani dubbisee kan biraa "saamichaaf ta'e hin beeku garuu Ambo keessatti osoo namni hin waraanamiin hin oolu" jedha.

Namni nageenya isaaf jecha maqaa isaa hin dhoofne kun daldalaa yoo ta'u duraan hanga sa'aatii sadiitti suuqii bannee hojjenna turre jedha.

"Amma garuu aduun dhiinaan cufnee galla, sa'aatii lamallee hin eegnu" jedhe.

Poolisoonni nageenya uummataa eegaa hin jiran jechuun komata jiraataan kun.

"Sa'aatii lama gaafa ta'u hiriiraan baay'atanii yaa'uu, naanna'anii deebi'anii galu. Sa'aatii sadi dabarraan poolisii daandii irratti hin argitu," jedha.

Magaalaa Amboo keessa tajaajila geejjibaa kennuun kan beekamtu konkolaataan miila sadii 'Baajaajiin' akka durii waarisiifattee tajaajila kennaa hin jirtu.

Sababni ammoo sodaadhuma nageenyaa kana.

Sochii qabsoo magaalaa Amboo keessatti taasifamaa ture keessatti qooda fudhataa kan turee fi hidhaa waggoota dheeraa booda kan gadi dhiifame dargaggoon jiraataa magaalattii ta'e biroo uummata keenyarraa duuti dhaabachuu dide jedha.

"Uummatni Amboo duraan akka biraatti du'aa ture, har'a ammoo meeshaa qara qabuun waraanamee du'aa jira" jedha dargaggoon kun.

Hidhaa waggoota dheeraa booda barnootatti kan deebi'e dargaggoon kun barsiisaan hanga barattoota isaa shakkuutti gaheera jedha.

Bulchiinsi magaalaa maal jedha?

Bulchiinsi magaalaa Amboo rakkinichi akka jiru ni amana. Rakkoo kana furuufi nageenya magaalatti bakkatti deebisuuf hojjechaan jiras jedha.

Warreen gocha kana raawwatan 'hattootaa fi kashalabbootadha' jedhu itti gaafatamaan waajjira dhimma nageenyaa magaalaa Amboo Obbo Hinsarmuu Dalasaa.

Eeru uummata irraa arganneen namootni yakka kana raawwatan magaalaa Amboon alaa akka dhufan hubanneerra jedhu.

Magaalaa keessas caasaa diriirfatanii waliin hojjetu jedhu aanga'aan kun.

Caasaan nageenyaa magaalicha odeeffannoo bal'aa qaba kan jedhan Obbo Hinsarmuun xiinxala bal'aa gaggeessaa akka jiraniifi erga qulqullaa'een booda tarkaanfii seeraa fudhachuutti ceena jedhu.

Amma dura namootni to'annoo jala oolan jiraachuufi iddoowwan nageenyaaf yaaddessaa ta'an adda baafamanii eegumsi dabalataa taasifamaa jiraachuus himu.

Siyaasa moo hanna?

Eenyummaan warreen nama waraanan kanaa fi maaliif gocha kana akka raawwatan qaama nageenyaa magaalattiittis ta'e jiraattotatti hibboo ta'eera.

Waajjirri nageenya magaalattii qorannoo gochaa jiraachuufi yakkichi kan bifa qindaa'een kan raawwatamu ta'uu malee eenyumma namoota yakka kana raawwatanii ebelu jedhee himuu hin dandeenye.

Irree isaarra waraanamee kan irraa hafe Gamteessaan hattootuma qabeenya samuuf qofa nama waraanan akka ta'en tilmaama jedha.

Dargaggoon hidhaa booda barnootatti deebi'e ani dubbises jiraattotuma magaalattii, jaarsa jaartii, dubartoota malee nama siyaasaa waraaname amma dura hin dhageenye jedha.

Haadha, abbaa fi obboleettii ofii waraanuun akkamiin siyaasa ta'uu danda'as jechuun gaafata.

Yeroo magaalattii keessa sochiin qabsoo taasifamaa turellee akka kanaan nama waraanuun hin turre jedha.

Fuulli haaraan magaalattii keessatti hedduummachuufi wanti hojjetan dhabamuun namni gara saamichaatti akka seenu gochuu hin oolle shakkii jedhus qaba.

Jiraattonni biroon ani dubbise garuu hanna qofa ta'uu shakkii qabu. Dubbichi siyaasa of-duubaa qabaachuu malas jedhu.

MM Abiy Ahimad erga aangootti dhufaniin booda xiyyeeffannoon isaan Amboof kennaan adda fakkaata.

Sagantaa misooma magaalattiif galii walitti qabuuf qophaa'e irratti sa'aatii harkaa isaanii kennanii caal baasiin qarshii miliyoona shanitti gurguramuun isaa ni yaadatama.

Yeroo lamaa sadi gara Ambootti deddeebi'uun isaaniis magaalaa akka jiddugala qabsootti ilaalamtu kana to'achuuf yaalii taasisanidha jedhu namoonni hedduun.

Magaalattii irratti olaantummaa argachuuf jechaa mootummaafi dhaabbilee siyaasaa mormitoota jidduu morkii jirurraa kan ka'e gurmaa'insi dargaggootaa moggaasa adda addaa qabu magaalattii keessatti ijaaramuu jiraattotarraa odeeffadheera.

Yeroo addaa gareelee maqaa adda addaa moggaafatanii ijaaraman kana gidduuttis wal dhabdeen ni uumama.

Namoota siyaasa keessatti hirmaannaa qaban doorsisuu fi halkan mana irratti reebuun akka jirullee odeeffadheera.

Gareeleen kunneen eenyuun akka ijaaramaniifi ergama maalii akka qaban ifatti wanti beekamu hin jiru.

Rakkoon nageenya magaalattii keessa jiru kallattiinis ta'e al-kallattiin garee harka lafa jalaan ijaaraman kanaan wal qabachuu akka hin oolle tilmaama jiraattota hedduuti.

Mootummaan ykn qaamni nageenyaa mootummaa warra nama waraanan kana waliin hariiroo qaba jedhanii kan shakkanis jiru.

"Shakkamtoonni nama waraanan jedhaman wayita qabaman battalumatti gadi dhiifamu, yeroo yakki raawwatus qaamni nageenyaa yoo arge callisaniituma ilaalu" jedha jiraataan ani dubbise.

Namoota saddeetiin akka waraaname kan natti hime Gamteessaanis dhimma kanarratti yaada wal fakkaataa qaba.

"Erga yakki narratti raawwateen booda poolisootni ani isaan hin beekne natti dhufan, waan narra gahe itti himuuf yaalullee, akkuma konkolaataa geejjibaa daandiirra deemuu callisaniituma na bira darbani" jedha.

Dhimma kana hogganaa waajjira dhimma nageenyaa magaalattii Obbo Hinsarmuu gaafadheen, "komiin qaamoleen nageenyaa harka keessaa qabu jedhu dhuguma jira" naan jedhan.

"Komiin akkasii bal'inaan jira garuu ammoo qaama poolisii keessa eenyudha wayita jennee gaafannu, namni walumatti qabee poolisiitti quba qabuu malee waan qabatamaa hin arganne" jedhu.

Haa ta'u malee rakkinichi keessoo qaama nageenyaa jiraachuu waan danda'uuf xiinxalaa jirra jedhu Obbo Hinsarmuun.

Akka mootummaatti garuu qaamni nageenyaa uummata eeguu fi ifatti olaantummaa seeraa kabachiisuun alatti ergamaa addaa hin qabu jedhu.

Uummata bira gama eeruu keennuufi ragaa bahuutiin hanqinni jira kan jedhan aanga'aan kun gama kanaan uummanni qaama nageenyaa deeggaruu qaba jedhu.

Yeroo gabaabaa keessatti uummata keenya yaaddoo nageenyaa keessaa baasuuf karoora baafnee hojjetaa jirras jedhaniiru.