‘Karchallee’ Amboo kaleessaafi har’a

Maqaan Mana Amala Sirreessaa Godina Shawaa Lixaa namoota hedduu biratti 'Karchallee' Amboo jedhamee beekama. Kun garuu maqaa isaa isa idilee miti. Achii dhufteen maqaa kanaa miidhaafi dararama dhala namaarraan achi keessatti ga'urraan jedhu jiraataa magaalattii kan ta'an Obbo Likkiisaa Morkaa.

Barreefama kana keessatti 'Karchallee Amboos' Mana Amala Sirreessaa Godina Shawaa Lixaas waljijiiraa ni fayyadamna.

Amboofi 'Karchallee' Amboo

Namoota hedduu biratti maqaan Amboo gootummaadhaan ka'a. Gootummaa Amboof hedduu himameera, sirbameeras.

Akka Obbo Liikkisaan ibsanitti, dhaloonni qe'ee sanaa bara dhufee darbu walabummaafi walqixxumaan akka uumamuuf diddaa garbummaa keessatti lubbuu isaanii kennaniiru, qaama itti hir'ataniiru, dararama jabduu keessa darbaniiru.

"Kanaaf ammoo ragaan jiraataan tokko 'Karchalleedha'. Namoonni baayyeen gatii ummanni naannoo sanaa baase 'Karchalleen' Amboo haa dubbatu jedhu."

Kanumaafis ta'uun hin oolu Artisti Haacaaluuu Hundeessaa kan akkas jechuun geerare:

Geerar geerar naan jettuu

Dhiirri geeraree hin quufne

Hidhaa Qaallittii jiraa

Dhiirri geeraree hin quufnee

Hidhaa Qilinxoo jira

Hidhaa Karchallee jira

KARCHALLEE AMBOO jira…

Waa'ee 'Karchallee' hedduu waan dubbatamuufis, namoonni baayyeen 'Karchallee' Amboo kana keessa maaltu jira laata jedhanii gaafatu.

'Karchallee' Amboo durii kaasee

Umurii isaa mootota sadii keessatti tajaajiluun 'Karchalleen' seenaa tuullaa qaba, keessumaa seenaa gidiraafi dararamaa ilma namaarra ga'uun.

Obbo Gabremikaa'el Waldayes manguddoo ganna 78 yommuu ta'an Amboo ollaa 'Karchallee' kanatti dhalatanii akka guddatan dubbatu.

Akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1962 keessa 'Karchalleetti' qacaramanii hojjechuu akka jalqabanis yaadatu.

Obbo Gabremikaa'el 'Karchallee' Amboo kana keessa walitti fufinsaan hin hojjenne jedhu. Yeroo marsaa sadii oliifi Finfinnee dabalatee bakkawwan gara garaatti jijjiirraan geeffamanii akka hojjetan taasifamuu ibsu.

Bakka biraatti isaan ramadanis garuu deebiyanii qe'eefi maatii isaaniitti akka deebiyan kan himan maanguddoon kun, "yeroo hedduu biyya isaa waan ta'eef namoota mana hidhaatii gadhiisa" jechuun hanga soorama bahaniitti akka bakka biraatti isaan ergaa turan dubbatu.

Jalqaba manni tokkichi qofaan akka ture kan yaadatan Obbo Gabremikaa'el, mooraan 'Karchallee' durirraa qabee maal akka fakkaatu dubbatu.

Bara isaan achi keessa turanitti lakkoofsi sirreeffamtootaa muraasa waan turaniif hunda isaanii qonnaa dabalatee hojii misoomaatti bobbaasna ture jedhu.

Erguma isaan soorata bahanii booda lakkoofsi sirreefamtootaa haalaan dabalaa dhufeera jedhu Obbo Gabremikaa'el.

Haala namoonni 'Karchallee' keessa jiran ittiin qabaman bara kana foyyaa'uu yeroo ibsanis, "Dur maatii waliin dallaa shuboo keessaan gamaafi gamana dhaabbatanii wal ilaalu. Amma garuu maatiifi firoonni akka garaa isaanii seenanii wal gaafatu, taa'aniis waliin haasa'u.

Manni dhiphaa tures bal'ataa dhufeera. Amma foyyaa'aa dhufeera."

Akkuma Obbo Gabremikaa'el jedhan gareen BBC Afaan Oromoo daawwannaa gola mooraa 'Karchallee' hunda keessa taasisfneen kan dhageenyeefi argine foyyaa'insi haala tajaajilaafi namoonni ittiin qabaman foyyaa'uu taajjabneerra.

Mooraa 'Karchallee' keessa seennee daawwachuu, namoonni achi keessa jiran gaaffii maalii akka qaban gafachuu dabalatee maaltu guutee, maaltummoo hanqata kan jedhu taajjabuuf gaaffii nuti bulchiinsa mana amala sirreessaa sanaaf dhiyeessines nu jala hin deebine.

Dursinee osoo hin bilbiliin, amma jennee amma qaamumaan bira geenyee wayita gaafannutti haalaan nu simatanii alaafi keessaan nu daawwachiisaniiru.

Kun kaleessa hin turre jedhu namoonni daawwannaa achi keessatti nu taasifne ajaa'ibsiifatanii.

Kun jijjiirama maanguddoon kun jedhan ni mirkaneessa. Garee miidiyaa mana hidhaa keessa seenuun gabaasuun hangam akka rakkisaa ture yaadannoo yeroo dhiyoodha.

'Karchallee' Amboo keessa maaltu jira?

Erga bakka hojii wayyaa dha'uu, wiirtuu sirreeffamtoonni itti taphatan, hojiiwwan ogummaa adda addaa, mana ciisichaa, mana barumsaa, akka amantaa isaaniitti bakkawwan waaqeffannaa, bakka maatiifi firoonni sirreeffamtoota itti waldubbisan, bakkeewwan gorsaafi leenjii guutummaatti daawwanneerra.

Kan argineefi kan dhageenyee booda Inspekter Taammiruu Kabbadaa Itti-aanaa Daarektera Nageenyaafi Sirreessaa Bulchiinsa Mana Amala Sirreessaa godina Shawaa Lixaaf gaaffii jiran dhiyeessineef.

Inspekter Taammiruu manneen amala sirreessaa biroo keessa hojjechuun muuxannoo qaban waliin kan 'Karchallee' Amboo kana bira qabanii yeroo ilaalan waan gaariitu jira jedhu.

Keessattu, hojii wayyaa dhahuu/shimmenaan manneen amala sirreessaa biroo keessa waan hin jirreef 'Karchallee' Amboo adda isa godha akka isaan jedhanitti. Hojiin wayyaa dha'uu 'Karchallee' Amboo industiriidha jedhan.

Akkuma aanga'aan kun jedhan, hojiin shimmenaa kun mooraa 'Karchallee' bakka guddaa qabateera. Namoonni kaan yeroo arbii dha'an, kaan ni fo'u; kaan qanyiitii tarattaru/diriirsu; kaan ni daawwaru, kaan ni fo'u.

Galma guddaa gamaafi gamanatti ba'u keessi isaa ammoo muka arbiidhaan xaxaamee deebii qotiyyoo lama caalaa fagaatu keessa namoonni ni wacu, maniin daddarbatamu hedduun ni dhaga'ama.

Lataa Alamaayyoo maal jedha?

Kaameraafi meeshaa sagalee waraabu qabannee galma kana keessa osoo deemaa jirruu isa tokko bira dhaabbanne. Arbii isaarra taa'ee garuu harkaafi miilaan ni jarjara.

Qalbiin isaa hojii wayyaa dha'uurra waan tureef hanga dhaqnee bira geenyutti nu hin argine.

Nagaa gaafa gaafannu namni umurii dargaggummaa keessa jiru kun, fuula ifaan ol jedhee yeroo nu ilaalu kaameraas nurratti argee qanyiitii areeda isaarratti qabate ofirraa haxaa'aa nagaa nuti gaafanneef deebii nuuf kenne.

"Lataa Alamaayyoon jedhama,"jedhe.

Erguma mana amala sirreessaa Amboo galee hojii shimmenaa akka barate kan dubbatu Lataan, waggaa sadii akka achi keessa ture hima.

Gaabii tokko dha'ee baasuudhaaf guyyaa sadii akka isa gaafatu ibsuun, meeshaan barbaachisan akka kirriin diidaa akka galuuf dubbate. "Arbii ammoo ofuma keenyaan mukarraa asuma keessatti tolfanne."

Omisha isaanii daldaltootaaf akka dhiyeessan dubbachuun, hojii kana itti gammadee akka hojjetu nutti hime.

Lataan gaafa mana amala sirreessaatii ba'es ogummaa wayyaa dha'uu kana ammayyeessee itti guddisuuf karoora akka qabu kaaseera.

Hojiin mana amala sirreessaa keessatti waan lamaaf gargaara jedha Lataan.

Tokkoffaan, galii irraa argachuun jireenya ofii foyyeeffachuuf. Lammaffaan ammoo mana sirreessaa keessatti sammuun yaadda'uurra itti hirraanfachuudhaaf nama gargaara.

Akka Inspekter Taammiruun jedhanitti wanti biroon 'Karchallee' Amboo keessa jiruufi manneen amala sirreessaa biroorraa adda isa godhu mana barumsaa kutaa tokkoffaarraa jalqabee hanga qophaa'inaatti qabaachuusaati.

Akka Oromiyaatti manneen amala sirreessaa mana barumsaa kutaa tokoffaarraa hanga kutaa 12ffaa qaban kan Wallagga Bahaafi Shawaa Lixaa qofadha.

Sirreeffamtoonni 435 ta'an hojii wayyaa dhahuurratti idileedhaan leenjii fudhatanii ogummaa kan qaban yommuu ta'u, warra leenji'an jalatti baratanii kan hojjetaa jiran ammoo yoo xiqqaate sirreeffamtoota 700 ol ni ta'u.

Wayyaa 'Karchallee' keessatti dha'ame gabaatti dhiyeessuufi meeshaa omishaaf isaan barbaachisu ilaalchisee Interpiraayizii Maaykiroo Xixiqqaadhaan (IMX) gurmaa'anii koree mataa isaanii waan qabaniif karaa sana furatu jedhan.

Tokkoffaa, sirreeffamtoonni omisha shimmenaa kana karaa maatii isaanii gabaatti dhiyeeffatu. Lamaffaa ammoo, Manni Amala Sirreessaa Amboo bulchiinsa magaalaa Amboo waliin ta'uudhaan suuqiin banameefii achitti gabaaf dhiyeessaa jiru jedhu Inispekter Taammiruun.

Mana Amala Sirreessaa Amboo kana keessa yeroo jiranitti sirreeffamtoonni hojii shimmenaadhaan maatii isaanii bulchaniifi qabeenya horatan jiru jedhu.

"Namoonni asii bahanii wayyaa aadaan suuqii guddaa banatanii qabeenya guddaa horatan hedduun jiru."

Shimmenaadhaanis ta'e hojiiwwan harkaa biroon galiin sirreefamtoonni argatan imaanaadhaan taa'aaf kan jedhan Inispekter Tammiraat, baankiiwwan magaalaa Amboo keessa jiran ja'a mana amala sirreessaa sana keessatti sirreeffamtootaaf tajaajila akka kennaa jiran dubbatu.

"Baankonni dhufanii akka tajaajila kennaniif torban torbaniin sagantaa baasneefii baankonni ja'a tajaajila kennaa jiru. Namoonni maallaqa kuufataniin lafa bitataniifi mana ijaarratan jiru."

Maqaan 'Karchallee' jedhamu ni sodaatama…

Osoon gara Mana Amala Sirreessaa Amboo kana hin dhufiin waan diidaa dhaga'aa turan kan nama sodaachisu ture jedhan Inispekter Taammiraat. "Karchallee yeroo jedhan waan sodaatamudha. Waan akka waraanaatti kan sodaatamudha. Maqaadhumti isaayyu nama sodaachisa.

Durirra caalaa amma yeroo keessa seentee ilaaltu garuu kan namni ogummaa keessatti baratuufi yakka raawwate keessatti gaabbee itti sirratee bahudha malee akka maqaan isaa sodaatamu miti."

Mootummaan yeroo dhiyoo asitti maqaa isaa jijjiiruun bakka namni dhufee keessatti dararamee qaama isaa dhabee bahu ta'uu osoo hin tane, amala sirreeffatee barachuun lammii omishaa ta'ee akka bahu taasiseera jedhu.

"Bakka namni ogummaa keessatti horatee qaroomee bahu ta'uu isaati."

Komeen sirreeffamtoonni bulchiinsa mana amala sirreessaa Amboo kana irratti kaasan tokkoffaan bakka ciisichaati kan jedhan Inispekter Taammiruun, kun gama mootummaafi sirreeffamtootuma ofii isaaniin furamuuf hojjetamaa jira jedhu.

"Manneen sirreessaa kanaan dura yeroo ijaaraman akka namni keessatti dararamuuf malee akka namni keessatti amala sirreeffatee ba'uuf miti.

Ijaarsumti manaallee haala rakkisaan ture. Amma garuu akkaataa sadarkaa isaa eeggateen akka qilleensaafi ifa qabuun kan ijaaramaa jirudha."

"Fakkeenyaaf, manni yeroo darbe keessa ijaarame balbala tokko qofa qaba, asii ol malee ilaaluu hin dandeessu; achuma keessa ooltaa, achuma keessa bulta.

Inni ammaa garuu sadarkaa sanaan miti. Namni akka barbaadetti kan socho'u, qilleensa gahaa kan qabu, ifa kan qabuufi mirgoonni namoomaa sirriitti kan keessatti eegamuufidha."

Manni duraan ijaaramu kaayyoon isaa kaayyoo adabbiiti malee kaayyoo sirreessuu miti jedhan. Manni karra tokkicha qabuufi adabiidhaaf ijaaramee ture sunis bara dhufu keessa akka diigamuuf karoorfameera akka Inispekter Taammiruun ibsanitti.

Manni kun akka diigamuufi akka komishiniittis irratti walii galameera kan jedhan Inispekter Taammiruun, manichi achii yoo ka'e malee ilaalchi kanaan dura 'Karchallee' jedhamu hafuu hin danda'u.

Daa'immaniifi haadha daa'immanii 'Karchallee' Amboo

Hidhaa waggaa lamaaf itti murtaa'ee mana amala sirressaa Amboo kana jirtu Aadde Asteer, haadha mucaa waan taateef haala qilleensaa, teessumniifi haalli manni hidhaa sanaa rakkisaa waan ta'eef itti baruu akka rakkatte dubbatti.

Namoota gurguddoofillee hoomaayyu miti garuu ijoolleef rakkisaadha jetti Asteer ilmoo dhiiraa irra deddeebiyee quqqufa'a jiru jilbarratti qabattee.

"Ijoolleefi haadha ijoolleefi rakkisaadha. Ijoollee 19 ta'anii mana kutaa tokko keessatti galu. Daa'ima tokko qufaan qabeera taanaan hunda isaanii qaba.

Yoo garaa kaasaan qabes yeroodhuma sana walga'a. Rakkoon keenya kanadha malee rakkoo biraa hin qabnu."

Sooranni daa'immaniif barbaachisanis yeroo isaa eegee akka hin dhufneef kaasuun, daa'imman isaanii baayyee akka dagataman komatti Aadde Asteer.

Hojjettuu ekisteenshinii fayyaa akka taate himuun, yakka hin hojjenneenan sababaa malaammaltummaadhaan natti murtaa'e jetti.

"Yeroo ammaa rakkisaadha. Malaammaltummaatu baayyata. Galmeen nama tokkoo gadi fageenyaan seeraan hin qoratamu. Ani gandarratti hojjettuu ekisteenshinii fayyaadha.

Dubartiin tokko na bira dhuftee waraqaa barreesseefiin gara buufataa deemi jedheen kenneef. Ani kanan erge qorannoo fincaanii taasisuun ulfa ta'uufi dhiisuu ishee akka adda baafattuuf ture. Garuu qoricha ulfa baasu kenniteefii ajjeeste jedhanii himannaa bara 2007tiin bara kana natti murteessanii na hidhan."

Gaaffii Aster qabdu ammoo haati daa'imaa murteen ishee harka sadii keessaa tokko waan ta'eef osoo mootummaan kana ilaalcha keessa nuuf galchee jetti.

Komii Aadde Aster haqni jalaa dabuufi mirga haati daa'imaa argachuu qabdu ilaalchisnee Waajira Haqaa Shawaa Lixaatti Hojjetaa Bulchiinsaa kan ta'an Dajanee Kumaa sirrii akka ta'e kaasuun, rakkoowwan kana furuudhaaf bara kana keessa hojiin ballaa hojjetamaa jira jedhan.

Dhaabbilee gara garaafi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun hanqinoota jiran furaa jirra jechuun, rakkoo aanaalee godina sana keessa jiran keessatti ragaalee sirriitti gadi fageenyaan qorachuu irratti koreen hundeeffamee hojjechaa jiraachuu himan Obbo Dajaneen.

Koreen kunis ji'a ji'aan gara aanaalee gara garaatti deddeebiyuun hojjiin haqaa hangam akka qulqullinaafi gadi fageenyaan sakatta'amee hojjetamu hordofaamaa jira jedhan.

Naannoo Jibaatirraa akka dhufte kan himtu hojjettuun ekisteenshinii fayyaa Aadde Aster, ogummaa qabduunillee sirreeffamtoota akka barsiiftu ibsiti.

Inispekter Taamiiruun garuu manni sirreeffamtoota seeraa dubartootaa kan dhiirotaarra foyyee qaba jedhu. Dubartoonni daa'ima qabaniifi daa'iima hin qabnellee kutaan isaanii garaa gara.

Dubartoota garaatti baataniifi ijoollee qaban gargaarsa addaan akka isaan barbaachisu qajeelfamni ni jira.

Kanaaf, nyaatawwan dabalataa kan daa'immaniifi dubartoota ulfaaf karaa waajiraa dhiyaachaa jira jedhu Inispekter Taamiiruun.

Kana malees, nyaata dabalataafi uffata isaan barbaachisuuf abbootii qabeenyaafi warra hojii tola-ooltummaa hojjetan hirmaachisuun furaa jirra jedhu.

'Hr'a 'Karchallee' Amboo keessa sirreeffamtoonni siyaasaa hin jiran'

Inispekter Taammiruun kaleessaafi har'i ' Karchallee' Amboo adda jechuun, "Yeroo ammaa sirreeffamtoota siyaasaa tokkollee hin qabnu," jedhu.

Kanaaf, 'Karchallee' Amboo keessa namoota yakka gara garaa itti raawwatanitu itti barataa, amala isaanii sirreeffataa jira malee, inni kaleessa sammuu nama hedduu keessa jira sun sirrii miti jedhan.

"Dhugaa isaa ni dubbanna yoo ta'e, kanaan dura manni amala sirreessaa kan ijaarame akkaataa namni keessatti amala isa sirreeffatee ba'uuf osoo hin taane akka keessatti dararamuun of wallaalee ba'uuf ture."