'Jaagamaa Badhaaneefaa nafaana karchallee Amboo ture' Hacaaluu Hundeessaa

Simannaa akkaan bareedaa Ambootti Jawaar Mahammadiif taasifamerratti kan argame Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa, Amboon bakka bu'uura qabsoo Oromoo taate kan dhiphuu fi gidiraa yeroo dheeraa keessummeessiteef kabaja qabu Jawaar akkuma jedhe miilaan deemee agarsiiseera jedha.

Yeroo dheeraaf Amboon xiyyeeffannaa diinaa keessa turuu kan dubbatu Hacaaluu Hundeessaa, ummanni Amboos ta'e guutuu Oromiyaa diddaasaarraa boodatti deebi'ee osoo gadi hin ciisin injifannoo argateera jedha.

''Jawaaris jaalalaa fi kabajaa Ummata Oromoo magaalaa Amboof qaburraa kan ka'e akkuma jedhetti miila qullaa deemee, iddoowwaan tokko tokkotti siidaa wareegamtootaa gaafanni kaa'u baayyee natti dhaga'ame'' jedha Hacaaluun.

Keessattuu wayita namoonni waliin hidhamaa turanii fi biraa wareegaman maqaansaanii olk'aa dubbatamuu fi jawaar yaadannoof habaaboo kaa'u miirasaa to'achuu akka dadhabe dubbateera Hacaaluun.

''Ijoollee na faana hidhamanii na biraa ba'anii, animmoo yennaan bahu lubbuudhaan dhabefaa hedduutu bakka Jawaar ilillii kaa'etti wareegame. Keessattu Jaagamaa Badhaaneefaa ALH bara 1996 nafaana karchallee Amboo turee, na biraa ba'ee deddeebi'eemmoo mana hidhaatti utuu na gaafattuu bara 1998 Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Amboo fuulduratti ajjeesani.

Bakkee inni itti wareegame balbala mana barumsichaa fuuldura wayita inni ilillii kaa'u miirri natti dhaga'ame baayyee to'annaa kiyyaa ala ture.'' jechuun miira keessa ture ibseera Hacaaluun.

Qabsoon Oromoo wareegama kana caalutti itti ba'eee asiin ga'e kan jedhu weeellisaa Hacaaluu Hundeessaa ,ammaan tana wantoonni argamaa jiran abdii namatti horu jedha.

''Yeroo ummanni keenya tokkoomee bifa qindaa'eetiin sadarkaa kanarraan ga'uunsaa miira gammachuu na keessatti uuma. Gammachuu guddaattu simannaa kanarra ture.'' jedha Hacaaluun.

Qabsaa'onni hafanillee biyyasaaniitti deebi'anii ummatasaanii faana ta'uun qabsoo hafe bakkaan akka ga'an dhaameera Hacaaluun.

''Wanti har'a irra geenye, wantoonni fuulduratti abdiin eegnu hundinuu miira gammachuu dachaa nu keessatti uumaniiru.'' jechuun abdii biyyattiin qabdus ibseera Hacaaluu Hundeessaa.

Haala walii galaa qabsoon Uummata Oromoo keessa darbee dhufee fi milkaa'ina dhiyeenya kana Uummatichi argataa jiru ilaalchisuun yaada kenneera Hacaaluun.

''Namni qabsoo Oromoo hoogganus ta'e qabsaa'aan kamuu akkanni biyyarraa ba'u hin barbaadu. Karaa nagaanis ta'e karaa lolaan qabsoon biyyuma keessatti ta'uu qaba. Aarsaa kaffaluun biyyuma keessa taa'aniiti. Kun ta'uun irra ture durumaani.

Ammas haala an hin yaadneen qabsaa'onni hedduun biyyatti deebi'aa jiru. Kanaan diinni qabsaa'ota gidduu seenee wareersee kaan hidhaatti naqee kaanimmoo biyyaa baasuun addaan qoqqoode.

Amma garuu qabsaa'ota qaruuxee hedduu kanneen shira diinaa dura dhaabbatanii qolatan waan horanneef baayyeen gammada.'' jedha.

Siyaasni Oromoo amma sadarkaa abdachiisaarra jiraachuu kan dubbatu Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa , qabsaa'onnii fi hooggatoonni qabsoo Uummata Oromoo hundi biyyatti deebi'anii tokkummaan yoo qabsoosaanii itichan bu'aan kana caalu ni argama abdii jedhu qaba.

Waa'ee Jawaar mahaammad miila qullaa deemuurratti wayita yaada kennu'' Jawaar bara qabsoo diddaa Pilaanii qindaa'aa magaalaa Finfinnee fi naanawaa isheerraa kaasee qabsoo hadhaawaa uummata waliin geggeessaa turee jira.

Kana keessattimmoo Uummanni Oromoo Magaalaa Amboo adda durummaan socho'uusaatiif kabajaa fi jaalala qabu ibseera. Waan yaade godheera, kanaaf galatoomin jedhaan.''jechuun kabajaa fi jaalala Jawaar mahammadiif qabu ibseera.