Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa: 'Akkanatti waldhiibaafi walqeeqaa biyya bulchuun hin danda'amu'

''Waldhibdeen MM Abiy fi Ministeera Ittisa Biyyaa Lammaa Magarsaa har'aa moti kan eegalame,'' jechuun Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa BBCtti himan.

''Ijoolleen kun ijoollee abbaa Gadaati, duraan hagam akka walitti dhiyaatan, ammammoo akkam akka addaan fagaataa jiran kan dhageenye ji'oota shaniin dura. Dhimmi kun oolee bulee jira,'' jedhan.

''Jarri lamaan kun akka ilaafi ilaameen garaagartummaa isaanii akka furan itti dhiyaannee dubbachuuf carraa hin arganne.

Kun salphina biyyaatii, qabsoo uummata Oromoo duubatti harkisaa, yoo waliigalan, alaa galan.

Gidduu keessan qilleensi galeera jennee hayyoota Oromoo, abbootii amantaafi abbootii gadaa hedduu waliin dubbisna jennee yaallus argachuu hindandeenye.''

Akka adeemsa aadaatinis jara lamaan kopha kophaa fi walbira teessisanii haasofsiisuuf akka yaalanis ni dubbatu.

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

'Ka dabarte diqqoo, kan haftemmoo guddoodha'

''Ka dabarte diqqoo, kan haftemmoo guddoodha akkuma jedhan, ammumallee Ministira Muummichaatis tahe, Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa agarree kan jedhu yaadaan jira.

Aadaafi safuu Oromoo yoo kan beekan taate, akkanatti waldhiibaafi walqeeqaa biyya bulchuu hin danda'an.

Kanaafuu otoo teenyee cufannee laallee kan jedhu yaadan qaba.

Dhageettiin abbootiin Gadaa qaban maal fakkaata?

''Jarri keenya kun akka aantummaa uummata Oromootitti, waanti fudhatanis wanti hin fudhannes jira.

Bakki isaan Abbaa Gadaa barbaadaniifi itti fayyadaman akkasumas itti tuffatan, kana uummanni Oromoos quba qaba.

Gama biraatiin ''namni kan wajjin hojjetu dhiisii, miilli ofirraa qabaniyyuu walitti bu'ee walmiidhuu ni danda'a. Ilkaanis arraba miidhuu ni danda'a.

Uummanni Oromoo uummata aadaafi safuu qabudha. Ilaafi ilaameen hiikuufi walii dhiisuu uummata beekudha.''

Aabba Lammaa Magarsaa VOAtti waan maal himan?

Falasama Ida'amuu fi walitti baquurratti yaada addaa ta'e akka qaban Ministirri Ittisaa fi dura taa'aa itti aanaa ODP Raadiyoo Sagalee Ameerikaa VOA tti himan.

Obboo Lammaan waan sabaaf ta'a jedhanii fi amanan walgahii Adaamaatti ta'e iddoo kaanitti taa'amerratti ifatti dubbataa akka turan dubbatu.

'Dura Oromoon ida'amuu qaba'

Ida'amuurratti mormii qabaachuusaanii wayita gaafataman, dura Oromoon walitti ida'amuu qaba.

Oromoon walitti ida'amuu jechuun tokkummaan Oromoo cimuu qaba, gandarraa qabee jedhan.

Walitti ida'amuu wayita jedhamus tokkummaa fi garaagarummaan keenya adda bahee beekamuu qaba yaada jedhun tarkaanfachisaa ture jedhan. Yaadni kun kan dhuunfasaanii qofaa akka hin taanee fi namoonni yaadasaanii deeggaran baay'een jiraachuus kaasan.

Walgahii ADWUI baquu ilaallaturratti

Obbo Lammaan jalqabarraa kaasanii walitti baquurratti yaada adda ta'en qaba jedhu.

Koree hojii raawwachiistuuttis jalqabarraa kaasee akkan itti hin amanneen hime. Walitti baquun Paartii kanaa sirri mitii, yoo sirriis ta'e ammatti yeroosaa mitii jedhani akka amananiif yaada kanatti cichaanii ejjannoo qabatan himan.

Maaliif hin ta'u jedhanii akka amananis wayita himan: ''Sabni Oromoo nu amanee hooggantootatti gaaffii gurguddaa nutti kenne, waadaa seenne qabna. ODPtu deebisuu qaba malee paartii haaraa miti, waadaa nyaachuu ta'a,'' jedhu.

Sababni lammaffaan yeroo ce'uumsaa kanatti waan haaraa yeroo itti hojiirra oolfamu miti, tasgabbii biyyaa eeguu fi qaala'iinsa jireenyaa hir'isuu fi filannoof qophii tarsiimo'aa irratti fuulleeffachuu qabna ture.

'Ariitiin ta'uunsaa shakkii keessa na galcheera'

Jarjarsuun walitti baquu irratti shakkii qabaachuu kaasan. Dantaa uummata kabachiisuu danda'aa? isa jedhurratti waan amantaa hin horanneef akka fudhachuuf rakkatan kaasan. Hayyuun, hooggansi fi uummatni biyyaa beekuu akka qabullee kaasan.

Obbo Lammaan 'uummatni hubachuun haa hafuutti anumafuu naaf hin gallee'' jedhan walitti baquu paartilee ilaalchisuurratti yaada wayita kennan. Kunis boodarratti bu'aa fidaa jedhanii akka hin amanne himun.

Dhimmicha akka turuuf dhuunfaanis falmuurra darbanii 'kadhachaan ture jedhan.

'Nu miidhaa jedhe kadhadhee dhaga'amtiin ani qabu hanga kana mitii, kana keessatti ergan mirga dhabee bubbuleera''kan jedhan Obbo Lammaan akka yaadichatti hin amanne irra deddebi'anii kaasan.

Fulduuratti siyaasa keessatti qoodni qabdan akka ta'uuf deemaa jedhanii gaafatamaniis, Gararummaa yaada qaban qabatanii akka falmii itti fufan kaasan.

'Dhaaba kana keessaa amma bahii naan jedhanitti garaagarummaa koo qabadhee falma'

''Dhaaba kana keessaa amma bahii naan jedhanitti garaagarummaa koo qabadhee falma.

Namoonni quuqama qaban baay'eedha, yoo nuuf ta'e ni sirreessina ykn uummata Oromoo wajjin waan waliin ta'u mariyannee hojjanna,'' jedhan.

Fuulduratti waan uummatni Oromoo beeekuu qaba jedhanis akka ibsaa deeman himan.

'Ammas waan goolabame miti'

Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaan waajjira Naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa, paartileen walitti baquun yaada haaraa akka hin taane kaasu.

Jarjarsuu ida'amuun ilaachisee yaada Obbo Lammaan kaasaniif ammas waan goolabame miti, Obboo Lammaa dabalatee namoonni yaada itti dabaluu danda'u jedhu. Sababii kanaan obbo Lammaan paarticharraa adda bahuu jedhanii akka hin yaadne kaasu.

Hooggantoota dhaabichaa giddus waldhabbiin akka hin jirreefi mariin furamuu akka danda'u dubbatu.

Gaaffilee uummatni kaasaa ture deebisuuf kan barbaachisef ijaarsii dhaabaa duraan ture akka mijataa hin taanee kaasu.