Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Sudaan: Paartiin pirezidaantii duraanii Sudaan Omaar al-Bashir diigame
Sudaan paartii pirezidaantii duraanii biyyattii Omaar al-Bashir diigde. Sudaan tarkaanfii paartii pirezidaantiishee duranii mormiin aangoorraa ariite kana diiguudhaafis erga seera haaraa seera duraa diigamuuf ajaju erga baafatteen boodadha.
Omaar al-Bashir bara 1989 fonqolcha mootummaan aangoo kan qabatan yoo ta'u, hanga Ebla darbe aangoorraa ari'amutti waggoota 30'f Sudaaniin bulchaa turan.
Kana malees, aanga'oonni yeroo ce'umsaa biyyattii seera mirgoota dubartootaa hacuucuun beekamuufi amala dubartootaa ittiin to'achuuf jedhamee hojiiira turellee haqaniiru.
Tarkaanfiiwwan paartii al-Bashir diiguufi seera hamaa mirga dubartootaa ukkaamsaa ture sana kaasuun deebii gaaffii mormitoonni dhiyeessaa turanidha.
Gaaffiiwwan kunneen lamaan gaaffii hedduu Omaar al-Bashir irratti ummanni yeroo mormii kaasaa turan keessaati.
Sudaan yeroo ammaa kana mootummaa waloo humna waraanaafi siiviliirraa ta'anii kaabinee Ministira Muummee Abdallaa Hamdokiin bulaa jirti.
Dhaaba siyaasaa al-Bashir, Partii Kongrasii Biyyaalessaa (NCP) jedhamu diiguu jechuun aanga'oonni kun qabeenya paartichaas dhaaluu ni danda'u jechuudha. Labsiin bahe akka mirkaneessetti koreen dhimma kana irratti hojjetu hundeeffameera.
Obbo Hamdook tiwiitera irratti akka barreessanitti, "Qabeenya saamame ummata Sudaaniif deebisuudha" jedhan.
Labsiin paarticha diiguuf bahe kun dabalee akkas jedha: "Mallattoon sirna mootummaa darbee kamiyyu ykn paartichi waggoota 10 dhufan keessa siyaasa keessatti akka hirmaatu hin hayyamamuuf."
Seerra hedduu walfalmisiisaa ta'eefi mirgoota dubartootaa baayyee miidha jedhames labsii kanaan akka haqamu ta'eera.
Aktiivistoonni akka jedhanitti seeraafi danbiin ukkaamsaa ta'e, keessattuu akka addaatti hiikkaa seera Shari'aa Islaamaahamaa ta'erratti hundaa'e jalatti, dubartoonni ayaanawwaniifi bakkawwan kabaja dhuunfaa gara garaatti argamuu isaaniifi ykn surree/bolaalee uffachuu isaaniitiif hidhamaa turan.
Aktivistoonni mirgoota namoomaaf falman akka jedhanitti dubartoonni kumaan lakkaa'aman waggaa waggaadhaan safuu cabsitan jedhamuun seera amala dubartootaa akka to'atuuf hojiirra ture kanaan adamsamaa turan.
Surree/bolaalee uffachuu, bakka bashananna dhuunfaa gara agaraa deemuun dubartootaaf hin hayyamamu akka seerichaatti.
Ministirri Muummee Hamdook tiwiitera irratti akkas jechuun barreessan: "Seerri hawaasaafi safuun hawaasaa meeshaalee ittiin hacuucan, mirgoota lammilee sarbaniifi miidha ggeesisan akkasumas mirgaafi kabaja namaallee itti dhiitaman turan."
"Ani dubartootaafi dhiirota yeroo seera hamaa kana hojiirra oolchaa turame keessatti gidiraa argaa turan kanaaf kabaja guddaan qabu ibsuun barbaada. "
Sadaasa 25 irra, Sudaan waggoota dheeraan booda deggersa Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartootaa Dhabamsiisuu jedhurratti hiriiraan bahanii agarsiisaniiru.
Mormii Omaar al-Bashiriin aangoorraa buuse keessatti dubartoonni adda durummaan hirmaataa turan.