Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Motummaan Eertiraa ergamtoonni naannichaa maraataa jiru jedhe
Motummaan Eeritiraa Kaataar humnootii adda addaatti fayyadamuun aanga'oota biyyashee ajjeessuuf karoora qabaachuu irra gaheera jechuun beeksiiseera.
Ibsi motummaan Eeritiraa baaseen akka mul'iseetti, Qaataar gochawwan shororkeessuummaa adda addaa fi biyyattii keessatti mormiin akka uumamuuf hojii qindeessuu hojjataa jiraachu bira geesseetti.
Gocha kanaafis biyya ollaan kan taatee Suudaaniin akka riqichaatti fayyadamuunnagaa biyyattii booreessuuf deegarsa Kaataariin gochiiwwan adda addaaa hojjatamaa jiraachu Ministeeri Beeksiisa biyyatti ibsa baaseen mul'iseera.
Ibsi ''Kaataariif ergamtoonni ishee haalli maraatuu saanii dabalaa jira'' jechuun kan eegalu, ''Qaataariifi waltaatoonni ishee mormiitoota Eeritiraafi oggantoota siyaasaa akkaasumas dargaggoota kakaasuun meeshaa waraanaa akka hidhataniifi mormiin akka ka'uuf qophooftee jirti,'' jechuun himata.
Kana malees ''Mormiitoota Isilaamaa Eeritiraa barsiifata amantaa itti lalabuun uummata Eeritiraa jiduutti jibba babal'isuun, Musiliimooti ummatata kaan irratti akka ka'an oduu tamsaasaa jirti,'' jedha.
Akkasumas waan sarbamni mirgoota namoomaa Eeritiraa keessa jiruutti viidiyoowwan qopheessuun mormiifi okkarri akka gaggeefamuuf jajjabeessaafi meeshaalee waraan dhiyeessuun motummichi Kaataar kan himate.
Kanaanis dhaabbilee dinagdee biyyattii irratti halleellaan akka raawwatamuufi badiinsi akka umamuufi akkasumas qondaaltoota olaanoofi dhaggeetti qaban akka ajjeefamaniif leenjii kennaa jirti jedheera.
Baha Suudaanittis walitti bu'iinsa saboota jidduutti uumuu gama ilaaluunis ''karoora nama dinqisiisu'' qopheessuun sochiin taasifamaa jiraachu ibsichi beeksiseera.
Bara darbees baatii Ebla keessaa Turkiifi Kaataar biyyattii irratti gocha balleessaa raawwachuuf qophii taasisaa jiraachusaanii Motummaan Eeritiraa himachuunisaa ni yaadatama.
Turkiin bara kana keessaa garee 'Mana maree Ulaamaa Eeritiraa' jedhamuun kan beekamu akka waajjirasaa saaqqatuuf heeyyamuun ishee eeruun, kanas gocha 'balleessaa' jedheenii kan ooluudha jechuun kaa'a ibsichi.
Manni Marii Ulamaa Eeritiraa (Majlisi Shuraa Raabiixaa Uulaama'i Eeritiraa) Suudaaniitti sochii oomaa akka hinqabaannee miseensi garee kan ta'an Mahaammad Jumaa BBC'tti himaniiru.
Motummaan ammoo Eeirtiraa ''Gocha badaa kana gama addaa addaatiin deegartuu Kaataar fi gocha badaa akkasitiif naannooshee dabarsite kan kennee sirna Suudaaniin kan raawwatamuudha'' jechuun himata.
Eeritiraan walitti dhufenya cimaa Kaataar waliin qabaachaa turte waan laafeef fuulashee gara walta'iinsa siyaasa Jiddugala Bahaatt kan Saawudii Arabiyaan ogganamuutti garagalfattee jirti.
Waggoota afuriin duras gamtaa Saawudiin oggannamuufi loltummaa jidduugaliinsa Yemen deegaruuf qophii ta'ushee Eeritiraan beeksisfte turte.
Gamtaan Jiddugala Bahaa kan Saawudiifi Imiraatoonni keessatti argaman erga Kaataar qoodaniifi daandiiwwan lafoofi galaanaa isheeratti qoqophaa kaa'aniin booda tarkiin michuu Kaataar ta'unshee ni yaadatama.