Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaa: Dubartiin warqee kophee keessa dhoksite daangaarratti qabamte
Dubartiin kopheshee keessa warqee dhoksite daangaa Rashiyaa gara Chaayinaaa darbuuf yaalte qabamte
Meeshaa sibilaa argatun yemmuu hojjattoonni gumrukii Raashiyaa ishee sakkata'an warqeen geengoon kutame saddeet faana kopheesetti qabsiistee akka turte argataniiru.
Walumaagalatti warqeen isheen qabatte kun kg1.9 yoo ta'u, gatii doolaara 78,650 ykn gara birrii miiliyoona 2.3 kan ta'udha.
Dubbii himtuun gumrukii lixa Saayberiyaa keellaa Chitatti argamu Maina Boyko, dubartiin lammii Raashiyaa kun "kan sosodaatteefi kan nama shakkisiistu" turte jetti.
"Ejjennaan miilla ishee kan beekamerra adda waan tureef" hojjattoota keessatti shakkii uumte.
Dubartiin kun warqee kana lammii Chaayinaaf dhoksitee geessa akka turte ibsi kun ni hima. Qondaaltonni qorannoo yakkaa eegalaniiru.
Aanga'oonni Raashiyaa bulchiinsa Zabaykalsky-Krai waggaa kana keessaatti namoota warqee dhoksanii gara Chaayinaatti dabarsuuf yaalan to'annoo jala olchuu ishaani dubbatu.
Warqee baasuun Siybeeriyaa keessatti daldala guddaadha.